Xalayaan Albert Anistaayin pirezidaantii Ameerikaaf barreesse caalbaasiif dhiyaachuufi

Albert Anistaayin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Albert Anistaayin

Hagayya 2, 1939 Albert Anistaayin xalayaa Pirezedantii Ameerikaa yeroo sanaa Firaankiliin D. Roosveltiif barreesse.

Xalayichi kalaqa seenaa keessatti bakka guddaa qabu, pirojeektii Manhattan wajjin walqabata.

Innis meeshaa garmalee balaafamaa ta’e- argannoo boombii niwukilaaraati.

Seenaan diraamaa hammeenya annisaa atoomikii bara 2023 fiilmii guddaa 'Oppenheimer' jedhamu keessatti dhiyaate osoo xalayaan fuula lamaa, Hagayya 1939 hin barreefamnee, asoosama saayinsiirra kan darbu hin turre.

Xalayaan hayyuun fiiziksii gameessi Anistaayin Pirezidaantii Ameerikaa yeroo sanaa Firaankiliin Roozveltiif barreesse akkas jedha: ''Hojiin dhiheenya kana damee fiiziksii niwukilaraa keessatti hojjetame yuuraaniyeemii gara madda anniisaa haaraa fi heddu barbaachisaa ta'etti jijjiiramuu akka danda'u akeeka,'' jedha .

Anniisaan kun "boombii humna guddaa qabu tolchuuf" fayyaduu danda’a jedhe itti dabalee ibse.

Jarman bara sana gurgurtaa yuuraaniyeemii Cheekooslovaakiyaa dhaabuuf murteessu akka dandeessu shakkuu kan ibsu xalayaan kun, Pirojektii Manhattan, kan sagantaa qorannoo iccitii olaanaan gaggeefamu fi doolaara biiliyoona lamaan hojjatamaa ture dorgommii boombii atoomikaa tolchuu keessatti Jarmanii injifachuuf bu’uura akka ta’u ibse.

Pirojektiin waggaa sadiif turu sun, hayyuu fiiziksii Roobart Oppenheyimer jedhamuun hoogganama ture.

Sangantaa kanatu Ameerikaan meeshaa garmalee balaafamaa- boombii atoomikaa argachuutti ceessise.

Hagayya 2 bara 1939 Albert Anistaayin xalayaa Pirezedantii Ameerikaa Firaankiliin D. Roosveltiif barrreesse

Madda suuraa, Christie's Images Ltd

Ibsa waa'ee suuraa, Hagayya 2 bara 1939 Albert Anistaayin xalayaa Pirezedantii Ameerikaa Firaankiliin D. Roosveltiif barrreesse

Gaafa Fulbaana 10, 2024 xalayaan Anistaayin sirnaan jechoota filatee barreesse Niwuyorkitti caalbaasiif dhiyaata.

Xalayaan kun Doolara Ameerika miliyoona afurii ol baasa jedhamee eegama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Koppiin xalayaa Anistaayin gabaabaan isaa caalbaasiif fuuldura kan dhiyaatu yoo ta’u, xalayichi odeeffannoon bal'inaa isaa Waayit Haawusitti kennama, ammaaf mana kitaabaa Firaanklin Roosevelt Niwuyoork keessa jira.

"Xalayaan kun seenaa saayinsii, teeknooloojii fi dhala namaa keessatti qabxii jijjiirama ijoo agarsiisa," jechuun ogeessi olaanaa dhimma barreeffamoota harkaa fi kitaabotaa Ameerikaa Piitar Kilarneet BBCtti himan.

"Mootummaan Ameerikaa qorannoo saayinsii gurguddoo kallattiin maallaqaan deeggaruun kun isa jalqabaati," jedha Piitar.

"Xalayaan kun Ameerikaan jijjiirama teeknooloojii guutummaatti akka fayyadamtuuf taasise" jedhe.

Yunvarsiitii Siwaanzii keessatti daayireektarri dippartimentii saayinsii siyaasaa, falaasama fi hariiroo idil-addunyaa, qorataan seenaa niwukilaraa fi Ameerikaa Dr Biriin Wiilkook kanatti ni amanu.

"Seenaan kalaqa boombii niwukilaraatiif mariin xalayaa kanaarratti eerameen eegala," jechuun BBC'tti himan.

"Qabiyyeen xalayaa kanaa qajeelfama kallattiin Pirezidantii Roozvelt irraa argachuuf furtuu ture," jedha.

"Faawundeeshiniin Hambaalee Atoomikii xalayaa kana Roozvelt qorannoon atoomikaa akka gaggeeffamu gargaarurratti qooda ijoo qaba’’ jedhan.

Fiilmiin ‘Oppenheimer’ jedhamu, kan seenaa Pirojektii Manhattan irratti hundaa'e fi Oppenheimer fi ogeessa fiiziksii Ernest Lawuransi yeroo waliin mul’atan caalbaasii xalayaa kanaaf tumsa dabalataa ta'a jedhamee abdatama.

Anistaayiin balaa annisaan niwukilaaraa qabu xalayaadhaan Roozveltiif karaa hayyuu Fiziiksii Liyo Sizilard barreesse

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Anistaayiin balaa annisaan niwukilaaraa qabu xalayaadhaan Roozveltiif karaa hayyuu Fiziiksii Liyo Sizilard barreesse

Kilarneet, Anistaayiin akka ‘’taatoo sheekkoon’’ himamu ilaalama jedha.

Anistaayiin sagantaa qorannoo niwukilaaraa sanarraa of fageessullee, anniisaan niwukilaaraa akka gadhiifamu gumaachuu keessatti qooda al-kallattii akka hin qabnetti of ibsa jedha.

Haa ta’u malee Anistaayin foormulaa E = mc2 jedhu anniisa wal-nyaatinsa niwukilaaraa gadhiifamu ibsuu fi hojiirra oolmaa isaaf karaa banera, gaheen inni boombii atoomikii tolchuu keessatti qabu garuu tarii fiilmii keessatti garmalee ol kaafamee ibsame.

Anistaayiin xalayaa sana akka barreessu jalqaba kan kakaase barataa isaa kan ture Liyoo Sizilaard jedhamu.

Xalayaan jalqabaa Sizilaard qubeessaan barreesse hanga Sizilaard bara 1964 addunyaa kanarraa du’aan darbuutti harkasaa ture. Sizilaard fi Anistaayin lamaanu Jiwishoota Naazii jalaa gara Ameerikaatti baqatan turan.

Jarri lamaan kunneen yaaddoo Naaziiin Jarmanii addunyaarratti uume namoota kamiyyuu caala warreen sirriitti hubataniidha.

Xalayichi yaada Sizilaard kan ture yoo ta’u, garuu Anistaayiin barreessee akka irratti mallatteessu cimee hordofaa ture.

Kun hayyuu saayinsii ammayyaaf bu’aa guddaa buuse jedhamee Anistaayin bara 1921 badhaasa Noobeelii akka injifatu gargaare jedha Kilarnet.

'''Anastaayin gumaacha nama kamiinuu gita hin qabne saayinsii ammayyaa keessattii qaba'' jedha Kilarnet.

Hagayya 1945 boombiin "the gadget" jedhamu gammoojjii Niw Meeksiikoo keessatti haala milkaa’an dhoofame.

Dho’insi kun yeruma sana gammachuu fi rifaatuu guddoo uume ture.

Guyyaa kana Pirezedantiin Ameerikaa yeroo sanaa Heerii Tiruumaan galmee guyyuusaanirratti akkas jechuun barreessan: "Seenaa addunyaa keessatti boombii suukaneessaa ta'e arganneerra".