US dirooniwwan Yukireen akka bitattuuf Tiraamp wajjin mari'anneera - Zeleniskii

Diroonii Yukireen

Madda suuraa, Getty Images

Waraanni Yukireen addunyaaf ergaa guddaa waan dhaame fakkaata. Waraanni Raashiyaafi Yukireen gidduutti waggoota sadiif gaggeeffamaa jiru keessatti diroonin akka meeshaa waraanaa ijootti fayidaarra kan ooledha.

Kanarraa ka'uun biyyoonni guddatan kanneen akka US illee fuulasaanii gara diroonii omishuufi bituutti waan deebifatan fakkaata.

Pirezidantiin US Donaald Tiraamp dirooniwwan Yukireen adda waraanarratti akkaan bu'aa buusan bituuf yaadaa akka jiran pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin dubbachuu maddi oduu Rooyitars gabaase.

Zeleniskiin akka himanitti, marii Tiraamp waliin taasisaniin US dirooniwwan Yukireen bituuf fedhii qabdi.

Waraana Raashiyaa wajjin gaggeessituun Yukireen loltoota Raashiyaa ajjeesteefi meeshaalee waraanaa mancaaste harka walakkaa ol dirooniwwan ofiishee omishtu fayyadamuun.

Yukireen dirooniwwan oomishtuun daangaa Raashiyaa fageenya kilomeetira 100 ol seenuun haleellaa gaggeessaa jirti.

Teekinolojii waraana qilleensarraa US waliin wal-jiijjiiruu ilaachisee Tiraamp waliin marii gaggeessuu kan himan Zeleniskiin Tiraamp dirooniwwan Yukireen adda waraanaa irratti hojiirra oolun bu'a qabeessummaan isaanii mirkanaa'e bituuf fedhii guddaa agarsiisuu himan.

"Uummanni Ameerikaa teeknolojii kana ni barbaadu, [dirooniwwan Yukireen] man-kuusaa meeshaa waraanaa keessan keessaa qabaachuu isin barbaachisa," jechuun miidiyaa New York Post waliin turtii taasisaniin dubbachuu Rooyitars gabaase.

Waraana waggaa sadiif gageeffamaa jiru keessatti Yukireen haleellaa Raashiyaa dura dhaabbachuurratti dirooniin gahee guddaa akka qabus himan Zeleniskiin.

"Muuxannoo [teeknolojii diroonii] kana michoota Ameerikaafi michoota keenya biyyoota Awurooppaaf qooduu barbaanna," jedhan.

Akkasumas biyyoota akka Deenmaark, Noorweeyifi Jarman fa'aa waliinis waliigaltee gochuuf mariyataa akka jiran ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Doonald Tiraamp aangotti akkuma dhufeen xiyyeeffannoon Ameerikaa diroonifi misaa'elota omishuufi bituu irratti akka ta'u qondaalota waraanaa isaanif ajaja kennan.

Bulchiinsi Tiraamp bajata humna waraanafi nageenya biyyaalessaa kan bara 2026 dolaara biliyeena 892.6 akka ta'uuf ji'a Waxabajjii keessa gaafa dhiyeessu, xiyyeeffannoon Pentaagoon misaa'elootafi dirooniwwan ammayyaa omishuufi bituurratti akka ta'uudha.

Ijoon marii Tiraampifi Zeleniskiin kanumarratti kan xiyyeeffate fakaata. Yukireen dirooniwwan heddu omishuun waraana Raashiyaa wajjin gaggeessiturratti itti dhimma bahaa jiraattus, haleellaa misaa'elaa Raashiyaa qolachuuf sirna ittisaa US kan Paatriyoot jedhamu ishee barbaachisa.

Pirezidaant Tiraamp jalqaba torbee kanaa akka beeksisanitti, baasii biyyoota Awurooppatiin sirna ittisaa haleellaa qilleensarraa Yukireen baay'ee barbaaddu kana erguuf akka jiran dubbatan.

Gama biraan ammoo dirooniwwan Yukireen adda waraanatti fayidaarra oolaa jiran bituuf jedhu.