Tiraamp meeshaa waraanaa Yukireeniif kennuun ejjannoo waraana Yukireen irratti qabu maal agarsiisa?

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantin US Doonald Tiraamp erga aangoo qabatee as meeshaalee waraanaa dabalataa Yukireenif kennuuf murteessun kun kan jalqabaati.
Akkaataa waliigaltee haaraa godhameen US meeshaalee waraanaa kana NATOtti gurguruun achirraa Yukireen qaqqaba.
Tiraamp akka jedhetti, meeshaaleen waraanaa dolaara biliyeena heddutti tilmaamamu Yukireenif akka kennamu dubbateera. Haa ta'u garuu waa'ee meeshaalee kanneenii odeeffannoo bal'aa hin kennine.
Meeshaaleen waraanaa Yukireenif kennaman misaa'eloota farra haleellaa qilleensarraa dabalachuufi dhiisuu Tiraamp gaafatamee "waan hundumaati" jechuun deebise.
Yukireen haleellaa qilleensarraa Raashiyaan gaggeessitu qolachuuf sirna ittisaa ammayyaa US akkaan ishee barbaachisa.
Pirezidaant Tiraamp cinaa taa'un ibsa kennaa kan turan Barreessaa NATO kan ta'an Maark Rutte deeggarsi Yukireenif kennamu "[sirna ittisaa] Paatiriyoot dabalatee waa heddu of keessaa qaba" jedhan.
"Kana jechuun Yukireen sirna ittisaa, misaa'elootafi dhukaatuwwan garaa garaa dabalatee meeshaalee waraanaa heddu ni argatti jechuudha..."
Murteen Tiraamp kun tarkaanfii guddaa akka ta'etti fudhatama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torbee sadi dura Peentaagoon meeshaalee waraanaa muraasa Yukireenif erguu akka dhaabuu ibsuu hordofee Kiiv keessa gaddatu ture.
Kuni ta'ee guyyoota muraasa booda ammoo Tiraamp waan Yukireenif abdii kennu dubbate. [Biyyoonni Awurooppaa Yukireenif meeshaa waraanaa akka bitan] waan beeknuuf yeroof meeshaaleen waraanaa akka dhaabatan gochuu Wiixata, Adoolessa 14, ibse.
Amma US waliigaltee NATO waliin gooteen, meeshaaleen waraanaa akkaan barbaachisoo ta'an gara Yukireen geeffamuuf jiru.
Tiraamp akka beeksisetti meeshaalee waraanaa kanneen akka kana duraa US bifa deeggarsaan osoo hin taane, NATOtti gurguruudhaan achirraa Yukireenif kennama.
Biyyoonni akka UK, Jarmanii, Fiinlaand, Siwidiinifi Noorweey fa'aas deeggarsa meeshaalee waraanaa Yukireenif godhamu keessatti hirmaachuuf fedhii guddaa akka qaban ibsameera.
Gama biraan ammoo Tiraamp pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin akeekkachiisera. Guyyoota 50 keessatti waraana Yukireen dhaabuf waliigalteerra hin gahu yoo ta'e taarifa %100 Raashiyaarraa akka kaa'u akeekkachiise.












