Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiileen Itoophiyaa 450 ol harka hidhattoota Miyaanmaar turan biyyatti deebi'an maal himu?
Torban lamaan darban keessa lammiileen Itoophiyaa 477 hidhattoota Miyanmaariin qabamanii turan gara biyya isaaniitti deebi'uu koreen maatii fi namoonni deebi'an BBCtti himan.
Dhaabbileen miti mootummaa biyya keessaa lammiilee Itoophiyaa 300 achitti hafan tikkeettii xiyyaaraa bitachuu akka hin dandeenye dubbatu. Miidhaamtoonni hafan yoomii fi akkamitti akka deebi'an hanga ammaatti hin beekamne.
Lammiileen Itoophiyaa kunniin Guraandhala darbe irraa kaasee ji'oota sadiif hidhattoota Dimookiraatik Kooren Bolivelant Foorsiifi Boordeer Gaardi Foorsi jedhaman harka turan.
Lammiileen Itoophiyaa Miyaanmaaritti danqamanii turan torban lama dura Itoophiyaatti deebifamuu eegalan.
Lammiileen Itoophiyaa Taayilaanditti hojii mindaa gaarii qabu argachatti waadaa jedhuun garasitti imalanis osoo harka hidhattootaa hin kufiin dura kaampii yakka saayibarii keessatti hojii dirqiin hojjechuu fi dararamaa turan.
Imbaasiin Indiyaa Niiw Deeliitti argamu lammiilee biyyattii gara biyyaatti deebisuuf bakka bu'aa gara Taayilaanditti erguu hordofee lammiilee Itoophiyaa 751 ji'oota sadii keessatti harka hidhattootaa bahan keessaa walakkaa ol kan taşan torban lamaan darban keessa gara biyyaa deebi'uu danda'aniiru.
Lammiileen Itoophiyaa kun Miyaanmaar keessaa bahanii gara Bankook achiis gara buufata xiyyaaraa wayita imalan baasii nama tokkotti doolaara 1,100 ta'u kan danda'e mootummaa Itoophiyaati.
Walitti qabduun maatii miidhamtootaa Aadde Abbabach Simal fi namoota deebi'an keessaa tokko kan ta'e Adanee Fiqiree baasii balalii xiyyaaraa isa alanaa kan danda'e dhaabbata miti mootummaa Taayilaand keessatti argamu ta'uu ibsaniiru.
Walitti qabduun koree maatii namoota ammallee dahoo Taayilaand ta'aanii tikkeeta ittiin deebi'an eeggataa jiraniif maallaqni gahaan dhabamuun yaaddoo ta'uu ibsaniiru.
"Dhaabbileen miti mootummaa, mootummaan Itoophiyaa gargaaruuf waadaa galan duuba deebi'aa jiru. kanneen 'Namoota 100 gargaarra jedhanii turan, 50 qofa dandeenya baajata hin qabnu' jedhu," jedhan.
Bakka bu'oonni koree maatii akka ibsanitti, marii hoggantoota Ministeera Dhimma Alaa waliin taasisaniin, "dhaabbileen miti mootummaa hin dandeenyu yoo jedhean mootummaa keenyaaf ni dhiheessina. Haa ta'u malee, isaan keessaa tokkollee kaampii dahannootti hin hafu" jechuun deebii akka argatan ibsaniiru.
Itti dabaluunis, lammiileen Itoophiyaa hafan akkamitti akka deebi'anii fi yoom akka deebi'an hanga ammaatti akka hin beekamne, dabalanii ibsaniiru.
Aadde Abbabach; ''Irra caalaan isaanii daa'imman naannoo fagoo irraa dhufanii fi tikkeettii bitachuu hin dandeenye, maatiin isaanii akka achi jiran illee hin beekne, nama isaan gargaaru kan hin qabnedha," jechuun yaaddoo isaanii ibsu.
Itti dabaluudhaanis 'bakka bu'aan Taayilaandi jiran ni deebi'u' sodaan jedhu jira jedhan.
Adaaneen ammoo karaan itti gara biyyaa deebi'an rakkisaa ta'uu qofa osoo hin rakkoon biraan isa kaampii itti dahatan keessa jiruudha jedha. Iddoon dahannoo itti jiran qulqullina akka hin qabne ''nyaatnis kan aadaa waliin wal hin simnedha'' jedha.
Kan ciisan lafa duwwaarra ta'uusaatiin ijoolleen dhibeewwan gogaaf saaxilamaniiru jedha. Iddoo isaan jiran ho'aa ta'uu isaarraa kan ka'e yeroo bofa arguus himeera.
Iddoo sochiin hidhattootaa jiru waan ta'eef yaaddoon butamuu jira jechuunis ibseera.