Gatiin boba'aa akkuma dabaletti yeroo dheeraaf tura jechuun dureen oomishtoota boba'aa akeekkachiisan

Fedhiin boba'aa akkaan dabaluurraa kan ka'e gatiin boba'aa akkuma dabaletti itti fufa jedhan Hoogganaa Olaanaan Opec+ Heeyitaam Al Ga'iis.
Opec+ biyyoota boba'aa gara alaa ergan 23 irraa kan hundeeffamanii fi warra addunyaarratti gatii boba'aa jikitaa murteessaniidha.
Aab Heeyitaam Ga'iis ''fedhiin boba'aa guyyuu baarmeelii miiliyoona 2.4n dabalaa jiraachuu argaa jirra,'' jechuun BBCtti dubbatan.
Biyyi boba'aa addunyaaf dhiyeessuun qooda guddaa qabdu Sa'uudii Arabiyaan gatii boba'aashee dabaluuf jecha boba'aa guyyaatti oomishtu baarmeelii miiliyoona tokkoon hir'isuu akka dandeessu ibsiteetti.
Biyyoonni qabeenya boba'aan beekaman fi miseensa Opec+ ta'an lameen, Sa'uudii Arabiyaa fi Raashiyaan, tarkaanfii isaan fudhatan qofaan dhuma bara kanaatti hanqinni boba'aa guddaan addunyaa akka mudatu Ejansiin Anniisaa Idiladdunyaa ibseera.
''Kun murtee biyyoonni birmadummaa qaban fi of danda'an murteessaniidha. Murteen kun haalota as deemanii fi maal akka ta'an mirkaneeffachuu hin dandeenye keessatti akka dursinee of eeggannuuf gargaara jennee ibsina,'' jedhan Hoogganaa Olaanaan Opec+ Heeyitaam Al Ga'iis.

Madda suuraa, Getty Images
Sababa waraana Raashiyaa fi Yukireen gidduutti eegaleen dhiibbaan uumame Waxabajjii darberraa kaasee gatiin boba'aa baarmeeliin tokko doolaara 120 caalaa akka ta'u godheera.
Bara darbe ji'a Caamsaa keessa boba'aan baarmeeliin tokko doolaara 70 ture.
Garuu biyyoonni boba'aa oomishuun gara alaa ergan gatii gabaa addunyaa to'achuuf jecha oomisha isaanii waan hir'isaniif gatiin boba'aa akkaan dabaleera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dabaluun gatii boba'aa kun ji'oota 10 dhufan keessatti sadarkaa yaaddessaarra akka ga'uu fi kanaanis dameewwan diinagdee ijoo ta'an akka miidhaman xiinxaltoonni diinagdee yaaddoo qaban ibsaa jiru.
Haata'u malee akka hoogganaan Open+ jedhanitti yaadodonsaanii guddaan investimantii misooma boba'aa jikitaaf xiyyeeffannaan kennamuu dhabuudha.
''Gariin investimantiin boba'aa akka dhaabbatu dhiibbaa uumaa jiru. Kun balaa gudda qaba. Gara fuulduraatti dhiyeessii boba'aa akkaan kan miidhu isa kana. Kanaaf jenneeti nuti [Opec+] investimentii damee boba'aa kan jajjabeessinu,'' jedhan.
Oomishi boba'aa qilleensa naannoo faaluu keessatti qooda waan qabuuf quuqamtoonni jijjirrama qilleensaa ittiin mormu.
Hoogganaan Opec+ garuu ''nuti ofii keenyaan damee boba'aa misoomsaa, gara anniisaa haaromfamaniitti ce'uu dandeenya,'' jedhan.
Gatiin boba'aa doolaara 100 yoo caale dhiibbaa inni qaala'iinsa jireenyaa addunyaa mara irratti qabu maal ta'uu aka danda'urratti akkas jedhan.
''Haalota gabaabsanii ilaaluurra waan fagoo jiru yaaduutu barbaachisa.''
Al Ga'iisiin bara 2045tti damee boba'aa misoomsuuf maallaqi doolara tiriiliyoona 14 akka barbaachisuu danda'u ibsan.
Kan har'aa waliin yoo walbira qabamu fedhiin boba'aa dhibbeentaa 25n akka dabalus eeran.
Haala kanaan fedhii addunyaa dabalaa deemu kana guutuuf maddi anniisaa gosi hundaayyuu addunyaa ni barbaachisa jedhan.
Roobii borii (Onkoloolessa 04, 2023) biyyoonni oomisha boba'aan addunyaarratti beekaman magaalaa Abuu Daabiitti kora ni eegalu.












