Qondaalonni mootummaa olaanoon Wallaggatti deddeebi’uun nagaan bu’uu agarsiisaa?

Dhiyeenya kana qondaalonni mootummaa naannoo fi federaalaa Itoophiyaa irra deddeebiin gara godinaalee Wallaggaatti imaluun hawwaasa waliin marii gaggeessaa turan.

Godinaaleen Wallaggaa rakkoo nageenyaa hamaa keessa turan amma gara nagaatti deebi'anii?

Erga MM Abiy Ahmed gara aangootti dhufanii waggoota shanii oliif godinaaleen Wallaggaa arfan rakkoo nageenyaa guddaaf saaxailamanii ture.

Godinaalee kanneen keessatti waggootaaf walitti bu’insa hidhattoota WBO fi humnoota nageenyaa mootummaa gidduutti taasifamu keessa lubbuun namoota nagaa hedduu darbeera.

Gama tokkoon odeeffannoo qaama mootummaaf kennitu jedhamuun namoota shakkaman hidhattoota WBO’n yoo ajjeefaman gama biraan ammoo ‘’isintu hidhattoota ‘WBO’ nyaachisa, deeggarsa kenna’ jechuun humni nageenyaa mootummaas namoota nagaa ajjeessaa turuu namoonni BBC’n gaafate himaniiru.

Dabalataan namoota nagaa ukkaamsanii maallaqa guddaa gaafachuun godinichatti waan barame tahee ture.

Qondaalota mootummaa naannoo fi federaalaa haa hafuutii kanneen aanaa fi godina bulchaniyyuu gara baadiyaatti bilisaan socho’anii uummataan wal arganii deebi’uuf rakkoo keessa turan.

Godinaalee akka Horroo Guduruu fi Wallagga Bahaa keessatti ammoo waraana humnoota mootummaa fi hidhattoota WBO gidduutti godhamuun alatti finxaaleyyiin Amaaraa hidhatan uumata nagaa irratti haleellaa gaggeessuun kumaatamaan qe’eerraa buqqisaniiru.

Namoota heddunis qe’ee fi lafa hojii isaaniitti ajjeefamuu BBC’n maddeen isaa irraa odeeffateera.

Godinaaleen kunneen oomisha adda addaaf mijatoo tahuu qofa osoo hin taane qabeenya uumamaanis badhaadhoodha.

Garuu sababa rakkoo nageenyaan uummanni mana bahee oomishachuu dadhabuu, buna qaban illee bu’achuu [cirachuu] dadhabuun namoota hedduu rakkoof saaxileera.

Manneen yaalaa hedduu hanqinni qorichaa mudatee ture. Weerara busaa dabalatee dhukkubonni adda addaa ka’uun lubbuu namaa galaafataniiru.

Manneen barnootaa yeroo adda addaatti cufamuun adeemsa baruufi barsiisuu irratti gufuu tahee ture.

Kana furuuf mariin nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO gidduutti marsaa lama Taanzaaniyaatti gaggeeffame abdii gaarii kennee ture. Garuu hin milkaa’iin hafe.

Haa tahu malee dhiyeenya waraannii fi haleellaan Wallagga keessa ture akka duraanii dhagahamaa hin jiru.

Wallaggatti nagaan deebi’ee?

MM Abiy Ahimed bara 2023 keessa al takkaa gara magaalaa Naqamteetti imaluun uummata waliin marii taasisaniiru.

Bara 2024 keessas wagga isaaniitti deebi’anii deemuun Istaadiyeemii Wallaggaa keessatti uummataan simatamanii Wallaggatti nageenyi bu’uu akka qabu dhaamaniiru.

Godinichi misoomaan miidhamaa jiraachuu kaasuun yoo nagenyi bu’e akka uummataaf misooma gurguddaa hojjetan waadaa galaniiru.

Ergasii waggoota 10 dura hojiin isaa kan jalqabee fi yeroo adda addaatti ijaarsi isaa addaan citee ture buufatni xiyyaaraa Naqamtee ‘’Guddinaa Tumsaa’’ moggaafame hojii jalqabe.

MM Abiy walin baruma kana Naqamte kan deeman pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ammas torban kana keessa Wallagga Lixaa, Wallaga Bahaa fi Horroo Guduruu daawwataniiru.

Obbo Shimallis Abdiisaa fuula Feesbuukii isaanii irratti ‘’ Imala kanaan yeroo ummata waliin dabarsine keessatti nageenya waaressuufi misooma saffisiisuu irratti itti fufiinsaan kan hojjennu tahuu irra deebiin waadaa gallee jirra. Qe’ee Oromootti nageenyi waaraan jiraannan, ummanni keenya hojjetee jijjiiramuufi dheebuu misoomaa olaanaa kan qabuudha,’’ jedhan.

Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa qondaalota godinaalee Wallaggaa daawwatan keessaati.

Obbo Fiqaaduun "uummanni Godinaalee Wallaggaa hiree aarsaa qaaliin argate tifkachaa jira!" jechuu isaanii Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa gabaaseera.

Obbo Fiqaaduun Godinaalee Wallaggaa kan deemaniif haala uummanni keessa jiru ilaaluu, inisheetiiviiwwan adda addaa akkamiin hojjetamaa akka jiran hordofuu, hawaasa dubbisuun yaada isaanii fudhachuun hanqinaafi cimina jiru adda baasuun xiyyeeffannaan irratti hojjechuuf ta’uu himan.

Itti dabaluun uummanni Wallaggaa filannoo biyyaalessaa irrattis hirmaannaa olaanaa taasisuu kan himan Obbo Fiqaaduun hiriiree galmaa'uufi sagalee kennuun hooggansa isaaf ta’u sagaleesaan bakka buufachuu dubbataniiru.

Haa tahu malee yeroo filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa bara 2021 gaggeeffame godinaaleen Wallaggaa hedduu rakkoo nageneyaa jabaa keessa turan.

Paartileen mormituu naannoo kana keessa socho’uun beekaman akka KFO fi erga biyyatti deebi’ee yeroo jalqabaaf filannoo irratti hirmaata jedhamee kan eegamaa ture ABO filannicha irratti guutummaan hin hirmaanne.

Obbo Fiqaaduun ibsa isaanii irratti waa'ee marii nagaa mootummaa isanaii fi hidhattoota WBO gidduutti jalqabee osoo walii hin galamiin hafee waan jedhan hin qaban.

Rakkoo nageenyaa godinaalee Wallagga keessaa xiyyeeffannaa miidiyaa gudda aragachuu baatus guyya guyyaan aanolee adda addaa keessa dhukaasni akka jiru namootni BBC dubbise himaniiru.

Horro Guduruu aanota akka Horroo Bulluqii fi Jaardagaa Jaartee fa'aa keessa ammallee humnooti mootummaa fi hidhattootni akka walitti dhukaasan odeeffanne.

Hidhattootni WBO duraan godinaalee Wallagga akeessa irra caalaa socho'aa turan amma hedduun isaanii gara godinaalee Shawaatti akka socho'anis odeeffanneerra.

Ajajaa Olaanaa ABO-WBO tibbana miiidyaa Arrata Biyyoolessaa irratti yoo dubbatan humni isaanii humnoota mootummaa waliin wal waraanuuf gara gidduugaleessaatti baay'inaan akka socho'eeru eeran.

BBC'n addatti qulqulleefachuu baatus godinaalee Shawaa Lixaa, Kibba Lixaa fi Shawaa Kaabaa keessatti lolli yeroo adda addaatti gaggeefamaa jiraachuu jiraattota irraa odeeffateera.