Suuraalee bineensotaa ajaa'iboo badhaasa mo'atan

Suuraan beerii bantii(polar bear) kattaa cabbiirra rafu kan ogeessa kaameraa Niimaa Saariikaaniin kaafame badhaasa ogeessa suuraa Wildlife Photographer of the Year People's Choice Award sagalee uummataa kennamu mo'ateera

''Suuraaleen Saariikaanii kan qalbii hataniifii miira marartee jabaa keessa nama galchan miidhaginaafi miidhama dachii keenyaa akka ilaalluuf nuu eeyyamuu jedhan Daaretktarri Godambaa Seenaa Uumamaa Dr Daaglaas Guur

''Suuraawwan isaa waa akka yaaddu si taasisan bineensaafi qubsumaa isaa gidduu hidhata jiru akeekuun dhiibbaa qilleensi baramaa naannoo ho'uu fi iddoo jireenyaa bineensotaa dhabamaa jiraachuu agarsiisa.''

Saarikaaniin beerii bantii guyyoota sadiif odolawwan Noorweey irratti erga barbaadaa tureen booda suuraa kana kaasuu danda'eera.

Dinqisiifattoonni bineensota bosonaa addunyaa kallattii hundarraa suuraalee 25f sagalee akka kennaniif affeeramanii turan.

Kunneen keessaa afuriitu tarree ''wayyoo guddaa'' argachuun filatame.

Qocaa gammadaa, Zaahii Fiinkileesten

Zaahii Fiinkileesten dhokatee shimbirroota qarqara galaanaa otoo suuraa kaasuu qocaa bishaan gad-fagoo hin taane qarqara yeroo adeemu arge.

Sana booda sonsa bishaaniitu otoo hin eegamiin dhufee funyaan qocaarra taa'e.

Simbirroo waccuu, Daani'eel Deeneeseesuu

Daani'eel Deeneeseesuun Xaaliyaan naannoo magaalaa Room keessa simbirroo starlings sa'atii dheeraaf hordofaa ture.

Dhumarratti waqtii gannaa garummoo guyyaa duumeessa hin qabnerratti hoomaa simbirroo boca simbirroo guddaa qabachuun yaa'an argate kaase.

Guddisa ijoollee waloo, Maark Booyid

Keeniyaa Maasaayi Maaraatti leenci dhaltuu lama daggala keessatti ilmoolee isaanii dhiisanii adamoo deeman.

Ergama nyaata argachuu hin milkoofnerraa gaafa deebi'an ilmoolee margarra baasanii qananiidhaan arraabuu jalqaban.

Mana bishaaniin tortoree hin badne keessa Odan Riikardasan meeshaa isaa qixeessee kaa'uun gosa bineensaa lafee hin qabneefi qaamnishee ifa dabarsu moon jellyfish bishaan holqaa kaaba Noorweey Tiroomsootti kaase.

Suuraaleen shanan kunneen Godambaa Seenaa Uumamaa Landanitti hamma Waxabajjii 30tti agarsiisaaf tura.

Suuraaleen hundi mirga abbummaa isaanii kan Wildlife Photographer of the Year