Obbolaa lamaan sekandii kudhalamatti doolaara mil 25 hatan

Kiriptookaransii

Madda suuraa, Getty Images

Obbolaan lamaan yunivarsiitii Ameerikaa beekamaa keessatti baratan qarshii kiriptookaransii doolaara miiliyoona 25 sekandii 12 hatuun himataman.

Antoon Peraaree-Buyenoo dargaggoo ganna 24 fi Jeemis Peraaree Buyenoo nama ganna 28 teeknolojii fayyadamuun maallaqa waliindhahuun himatamaniiru.

Waajirri Haqaa Ameerikaa hanni akkasii kuni kanaan dura tahee hin beeku kan jalqabaati jedhe.

Abbootiin alangaa akka jedhanitti barattoonni yunivarsiitii Massachusetts Institute of Technology (MIT) baratan gochaa kana Ebla 2023 dha raawwatan.

''Obbolaan lameen kuni doolaara miiliyoona 25 kiriptookaransii Iteeriyeem jedhamuun hatan. Kanas teeknolojii wal-xaxaa ji'ootaaf shiraa turan sekandii 12 keessatti hojiirra oolchan,'' jedhan Abbaan alangee waliigalaa Lisaa Monaakoo.

Dabaluunis gochaa ''maallaqa waliin dhahuu yeroo jalqabaaf raawwate,'' kana saaxiluun hojjettoonni Tajaajilli Galiiwwan Biyyakeessaa gahee guddaa qabu jedhan.

Akka abbaa alangee jedhaniitti obbolaan lameen kuni dandeettii ''yunivarsiitii beekamaa addunyaa kanaatti baratan,'' fayyadamuun hanna kana raawwatan.

Akka miidiyaaleen gabaasanitti obbolaan kuni yunivarsiitii MIT tti herreegaafi saayinsii kompiitaraa baratan.

''Gochaan isaan raawwatan kuni sirna maallaqaa kiriptoo kana gaaffii keessa galcheera,'' jedhan Abbaan Alangee US Deemiyan Wiiliyaam kanas gabaasaalee kaffaltii maallaqaa kiriiptoon taasifame bu'uura godhachuuni.

Hanna kana, daddabarsa maallaqaa dhuunfaa waliindhahuun erga argataniin booda jijjirraa maallqaa onlaayinii kana akka isaaniif tahutti geeddaruun fudhachuu danda'aniiru.

Gochaa waliindhahuu kana yeroo raawwatanis yeroo sekandiitti lakkaa'amu qofa jalaa fudhate jedhan.

Yeroo bakka buutota Iteeriyamiin gaafataman qarshii fudhatan deebisuu diduun isa hataniyyuu dhoksaniiru.

Akka abbootiin alangee jedhanitti waliin dhahuun ''addaa'' akkasii himannaaf yeroo dhiyaatu kan jalqabaati.

Yoo balleessaa tahuun irratti murtaa'e hanga waggaa 20 mana hidhaatti dabarsuu malu.