Hojjettootni Oleseegun Obaasanjoo hidhattootaan butaman

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni sadii lafa qonnaa pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa Oleseegun Obasaanjoo kan tibbana dhimma nageenya Gaanfa Afrikaa irratti Gamtaa Afrikaan muudamanii keessa hojjetan butaman.
Namoonni hidhatan konkolaataa namoota sadeen baattee turte irratti dhukaasa banuun isaan ukkaamsanii gara bosonaatti fudhatanii badan.
Poolisiin bulchiinsa Ogun Abimbola Oyeyemi butamuu namoota kanneenii mirkaneessaniiru.
Humnootni nageenyaa namoota butaman kanneen baraaruuf jecha hidhattoota butan adamsaa jiru.
Obaasaanjoon kaampaanii qonnaa irra jireessa horsiisa loonii irratti hojjetu qabu.
Kaayyoon namoota kanneen itti butaniif ammayyuu ifa miti. Garuu namota butanii gadhiisuuf beenyaa gaafachuun Naayijeeriyaa keessatti akkaan dabalaa dhufeera.
Humnootni nageenyaa uummata tiksuuf bobbaafamanis lakkoofsi isaanii dabaleera.
Tibbana lola hidhattoota Bookoo Haaram waliin taasifamaa ture hordofee hidhattootni Bookoo Haaraam kumaatamni mootummaatti harka kennachuun himameera.
Barattoota dabalatee namootni kumaatamni Naayijeeriyaatti hidhattoota Bookoo Haaraamiin butamaa turan.
Pirezidaantii Naayijeeriyaa duraanii Oleseegun Obaasaanjoo tibbana Gamtaa Afrikaatiin ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa tahuun muudamanii ture.
Gamtaan Afrikaa Oleseegun Obaasaanjoo Gaanfa Afrikaatti qaama, "sochii nagaa, tasgabbiifi marii siyaasaa jajjabeessuuti" jechuuni kan hime.
Hojiin isaanii jalqabaas dhimma nageenya Itoophiyaa keessaa taha jedhama. Mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti dhukaasni dhaabbachuun karaa nagaa marii akka gaggeessan gochuuf akka hojjetan himama.
Dubbi himaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Obbo Getaachoo Raddaa, AUn gama mootummaa Itoophiyaa goruun walitti bu'insa ji'oota kudhaniif ture jiraachuu isaallee yeroo inni itti beekamtii kenneef baayyee xiqqaadha jechuun walabummaa dhaabichaa qeeqee ture.














