Rifarandamii Sidaamaa: Bu'aa rifarandamii Sadaasa 11 ni ifoomsina jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa

Burtukaan Miidhaksaa-Walitti Qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa
Ibsa waa'ee suuraa, Burtukaan Miidhaksaa-Walitti Qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa

Filannoo murtee uummataa ykn Rifarandamii godina Sidamaatti Roobii dhufu filatamuuf namootni Miiliyoona 2.3 ol galmaa'aniiru.

Gaaffii naannoo ta'uu uummata Sidaamaa bu'uureffachuun filannoo murtee uummataa ykn Rifarandamii Roobii dhufu gaggeeffamu sababeeffachuun Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Burtukaan Miidhaksaa magaalaa Hawaasaatti miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

"Adeemsi galmee filattootaa bifa naga qabeessa ta'een xummurameera" jedhan walitti qabduun kun.

Meehaaaleen filannoos eegumsa raayyaa ittisa biyyaatiin magaalaa Finfinneerraa gara Hawaasaatti geejjibsiifamaa jiraachuu himan.

Galmeen filannoo Onkololeessa 27 bara 2012 hanga Sadaasa 06/2012 tureef buufataaleen filannoo 1,600 ol filattoota galmeessaa turan.

Galmeessi kun nagahaan akka xummuramuuf qaamoleen nageenyaa naannichaa fi godinaa, poolisiin federaalaa fi raayyaan ittisa biyyaa tumsa gochaa turuu isaanii himan.

Lakkoofsa namootaa buufataalee filannootti galmaa'an fi adeemsa galmee irratti shakkiiwwan tokko tokko dhagahamanis komiin ragaa bu'uura godhatee dhiyaate akka hin jirres Aadde Burtukaan dubbataniiru.

Taajjabdoota

Taajjabdoota

Taajjabdootni leenjii taajabdummaa fudhatan fi Waldaalee Siiviilii irraa dhufan adeemsa galmee taajjabaa turaniiru.

Taajjabdootni 16 ta'an guyyoota darbanif adeemsa galmee filattootaa taajjabaa akka turan kan himan walitti qabduun boordichaa guyyaa borurraa eegalee taajjabdootni 160 ta'an buufataalee filnnootti bifa dhaabbii ta'een fi sosocho'uun adeemsa murtee uummataa kana ni taajjabu jedhaniiru.

Komishiniin mirga namoomaas eegumsa mirga namoomaa ilaalchisuun taajjabbii ni adeemsisa jedhan.

Bu'aa rifarandamii naanoo ta'uu godina Sidaamaa Sadaasa 11 bara 2012 ifoomsuuf karoorfachuu isaanii miidiyaalef kan himan Burtukaan Miidhaksaa adeemsa rifarandamii kana kessatti yoo harkifannaan mudatelle bu'aa rifarandamichaa beeksisuuf guyyaa tokko yookin lamaa ol akka hin daballe dubbatan.

Gaaffi naannoo ta'uu sabaaf sablammoota garagaaraa irraa dhiyaachaa ture ilaalchisuun gaaffii dhiyaateef "hanga ammaatti gaaffi godina Sidaamaan alatti iyyatni saba biraarraa nuf dhiyaate hin jiru" jedhan Burtukaan Miidhagsaa.

Dhimma bakka bu'ootaa ilaalchisee godinni Sidaamaa bakka bu'oota buufataalee hundatti ramadaniiru kan jedhan Burtukaan Miidhagsaa manni maree fi bulchiinsi naannichaa garuu bakka bu'oota nuf hin ergine jedhan.

Rakkoolee Mudatan

Adeemsa hanga ammaa jirun rakkooleen tokko tokko mul'achuu isaanii himuun "naannoo buufataalee filannoo tokko tokkotti daangaa meetira 200 keessatti mallattoleen akkasumas qaamoleen bulchiinsaa fi jaarsoliin buufataalee filannootti argamaa turan kunis dogongora" jechuun kan dubbatan walitti qabduun boordii filannoo biyyaalessaa Burtukaan dogongorri kun guyyaa filannootti akka hin raawwatamneef qophaa'aa jiraachuus himan.

Gama biraatin raawwachiisaan filannoo kaardii filannoo gara manaatti fudhatee deeme tokko hojiirraa ittifamuu fi raawwachiisaan galmee filattootaa fudhatanii miliquuf jedhan tokkos to'annoo jala oolanii qoratamaa akka jiran himaniiru.

Miseensi bulchiinsaa magaalaa sochii taajabdootaa danqaa turan tokkos to'annoo jala oolanii qoratamaa jiraachuu walitti qabduun kun dubbatan.

Mallattoo filannoo

Hawaasaa

Sochiin fi nageenyi magaala Hawaasaa haala gaarii jedhamu keessa jira.

Buufataaleen filannoo poolisoota magaalaa ramadamaniin eegumsi taasifamaafi jira.

Dallaawwan dhaabbilee mootummaa, hoteelotni, dhaabbileen daldalaa biroo fi daandiwwan magaalattii tokko tokko baanariiwwan "Shaafetaa filadhaa" jedhan irratti maxxanfameera.

Gama biraatin iddoo ykn dhaabbata baanariin suuraa mana citaa qabu irratti maxxanfame gonkumaa hin agarre.

Namootni nuti haasofsiisne godinni Sidaamaa qaama naannoo Saba, Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa ta'ee akka itti fufu barbaadan yaada isaanii ifatti mul'isuuf sodaa/yaaddoo akka qaban nutti himan.

Magaalattiin jeequmsawwan yeroo garaagaraatti uummamaa turaniin miidhamaa sochiin isheetis gadi bu'aa akka ture ni yaadatama.

Magaala bashannanaa ta'uusheetin kan beekkamtu Hawaasaan yeroo ammaatti hoteelonnishee gabaa fooyyee akka qaban baay'ina fayyadamtootaa irraa hubachuun ni danda'ama.

Lammiileen biyya alaa magaalattii keesaatti agarres hedduudha.