Oduun sobaa mootummaan Biriiteen bara waraana Ololaa Afrikaa irratti gadhiisee ifa bahe

Oduun sobaa yeroo sana gadhiifame olola sanyummaa barattoota Afrikaa Bulgaariyaa jiran irratti kan xiyyeeffate ture.
Ragaan amma bahe akka agarsiisutti bara waraana ololaa mootummaan Biriitish yeroo sana oduu sobaa qopheessuun akka bittinsamu taasise.
Waggoota 30'f gareen Piropaagaandaa dhoksaa maqaa Kutaa Qorannoo Odeeffannoo jedhamuun waamamu gaazexessitootaaf odeeffannoo kennaa ture.
Miidiyaa mataa isaas qaba ture.
Caasaan tokko Federeeshinii Dimokiraatawaa Dargaggoota Adunyaa [WFYD] dhaabbata oduu sobaa gadhiisu yoo tahu dhaabbatichi warra Koministootaan deeggaramaa ture.
Innis magaalaa Buudaapestitti argama.
Bara 1963 dhimmi barattoota Afrikaa Bulgaariyaa jiranii ajandaa miidiyaalee tahe.Hedduun isaaniis biyyicha gadhiisanii bahan. Isaanis sanyummaa keenyaan qoollifannaan nurra gahaa jira jechuun komatan.
Yeroo kana dhimmicha fudhachuun siyaasa garee waraanaa [bloc] biyyoota kaan irratti dheekamsi fi mufannaan akka dabaluuf itti fayyadaman.
Oduun kun irra deebiin guutummaan isaa miidiyaa Zaanzibaar tokkoon maxxanfamee bahe.Odicha keessatti Afrikaanotni bosona dukkanaa keessaa bahan nyaatni,boba'aan fi uffatni bilisaan akka hin argamne hin hubanne kan jedhu ture.
Yeroo kana barattootni Afrikaa ni dheekaman. Gamtaan barattoota Naayijeeriyaa kun ol'aantummaa warra adiitis jedhan.
Kun tooftaa oduu sobaa facaasuun mootummaan Biriiten bara waraana Ololaa biyyota diinota isaanii tahan irratti dubbii kakaasan ture. Afrikaanotni mootummaa Biriiten waliin tahuun akka isaan waraananiif jechuudha.















