Waldhabdee uumameen namootni aanaa Mooyyaleerraa buqqa'an deggersa dhabne jedhu

Torbee darbe keessa Sadaasa 2 hanga 6tti walitti bu'iinsa Mooyyalee keessatti mudateen lakkoofsi namoota du'anii 20 ol akka ta'ee fi kan miidhaman ammoo 90 kan caalan ta'uu Ragaan waajjira OPD aanichaa ni mul'isa.
Sababa walitti bu'iinsaa kanaan namoonni 70820 ta'an gandoota aanaa Mooyale 12 keessaa baqatanii kaan Godinuma Booranaa da'eeffatanii kuuwwana ammoo gama Keenyaa baqatanii jiru.
Namoota qe'eesaaniirraa buqqa'an keessaa tokko kan ta'aniifi abbaa ijoollee saddeetii kan ta'an Aab Moluu Xachee deggersa dhabnee bakkee keessatti gidirfamaa jirra jedhan.
''Amma erga buqqaanee torban ya dabarre. Nyaataa fi dhugaatii bakka argannu hin qabnu. Qaamni nu gargaare hin jiru. Bishaan kanuma lafatti roobee lafa yaa'u dhugna.Nyaata kan qabnu nu duraa guban. Ijoollee kiyya saddeet keessa afur dhibamaniiru. Rakkoo guddootu harkaa nu qaba.'' jedhan.
Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Mooyalee Aab Hasan Mallichaa hookarri Mooyalee keessaa amma uummata buqqisuu eegale yaaddoo guddoo keessa nu galcheera jedhu.Namni hedduun buqqa'eera, hanga ammaatti garuu mootummaan waan jedhe hin qabu jedhan.
''Walitti bu'iinsa torban darbe tureen gandoota 12 keessaa maatiiwwan 13527 ,walumaa galatti namoonni 70820 ta'an buqqa'aniiru.
Manneen 236, fi dhaabbileen mootummaa kellaa fayyaa 2 fi waajjira gandaa 2 gubataniiru. Raayyaan ittisa biyyaa gidduu seenee dhukaasa dhaabus garuu hanga ammaatti nageenyi jira jechuun hin danda'amu.Deggersi mootumman kennaa jiru garuu laafaadha.'' jedhan.
Mooyaleen waggoota 27 darban goolama waraanaa keessa turtee sochiin aanaa kanaas laaffateera kan jedhan Aab Hasan Mallichaa rakkoo keessa jirru furuuf mootummaan xiyyeeffannaa akka kennu barbaanna jedhan.
''Dhimmi daangaa fi rakkoon walitti bu'iinsaa naannoo kanaa salphaatti hiikkata jedhanii yaaduun nama rakkisa. Ammas taanaan dhukaasi haa dhaabbatu malee nageenyi waaraa hin buune.''
''Uummata buqqa'e yoo dafanii qaqqabuu baatan rakkoodha. Nyaataa fi bishaan dhabanii dararamaa jiru. Buqqa'anii raasaa keessa jiru. Hanga ammaatti deggersi gama mootummaanis ta'e miti mootummaatiin godhameef hin jiru.'' jedhu Aab Hasan.
Manneen hojii mootummaa kan federaalaas ta'e kan naannoo hunduu cufameera waan ta'eef tajaajilli tokkollee hin jiru jedhan.
Sochiin Magaalattii akkuma qabbanaa'etti jiras jedhaniru.














