''Kaleessa Moyaaleetti namoonni ajjeefaman, kuun madaa'an''

Magaalaa Mooyyaalee

Dhukaasaa fi reebicha dhakaa dargaggootaa dorgommii ispoortii sadarkaa godinaatti gaggeefamaa ture mo'achuun gammachu isaanii ibsachaa turanirratti raawwatameen lubbuun namootaa darbuufi kaan ammoo miidhaaf saaxilamu, maddeen BBC'tti himaniiru.

Sirni awwaalcha mucaa ganna 15 kaleessa magaalaa Mooyyaaleetti miseensoota raayyaa ittisa biyyaatiin ajjeefamee tokkoos har'a raawwatamu isaa Abbaa Gadaa Booranaa duraanii Guyyoo Gobbaa himaniiru.

"Qaamni ajjeechaa raawwate seeratti akka nuuf dhiyaatan gaafanna'',jedhaniiru Abbaa Gadaa.

Miidhaan kan raawwatame warra jeeqaa turan irratti osoo hintaane "dargaggoota dorgommii ispoortii sadarkaa godinaatti adeemsifamaa ture mo'achuun geeba qabatanii magaala keessa sirbaa turan" irratti kan jedhan Abbaa Gadaa Booranaa duraanii Guyyoo Gobbaa, isaanis konkolaataa ittiin deemaa turan keessatti dhakaadhaan rukkutamuu isaanii BBC'tti himan.

Maddi rakkoo kanaas kan jalqabe dhalattoonni naannoo Soomalee dargaggoota naannoo Oromiyaa sirbaa turan irratti dhagaa darbachuu isaaniiti jedhan.

Akka abbaa gadaa duraanii Guyyoo Gobbaatti, sana booda ture miseensootni raayyaa ittisa biyyaa dargaggoota naannoo Oromiyaa irratti dhukaasa kan banan.

Namoonni torba ta'anis dhakaa fi rasaasaan miidhaa qaamaaf saaxilamu isaanii dubbataniiru.

"Lafa gammachuu keenyallee itti ibsachuu hin dandeenyerra jirra," kan jedhe jiraataan magaala Mooyyalee tokko. jiraataan magaalaa kanaa biroon ammoo BBC'f yaada kenneen, "Mooyyaleen lafa olaantummaan seeraa keessa hin jirre ta'aa jirti" jedha.

Gama biraatiin ammoo kaleessa miseensoota raayyaa ittisa biyyaatiin walgahii irraa fudhatamanii kaampii keessa hidhaarra kan bulan itti gaafatamaan waajjira dhaabaa Aanaa Mooyyalee Obbo Turaa Mallichaa ganama kana gad lakkiifamaniiru.

"Dhimmichi rakkoo raayyaan ittisa biyyaa gartummaan uumeedha" kan jedhan Itti Aanaa Bulchaa Aanaa Mooyyalee Obbo Hassan Mallichaa, raayyaan ittisa biyyaa nama tokko ajjeesee namoota shan madeessuu isaa himaniiru.

"Tarkaanfii irra deddeebiin raayyaan ittisa biyyaa uummata nagaa irratti fudhachaa tureen yeroo garaa garaatti namoonni afur ajjeefamaniiru" jedhan.

Qaamoleen ajjeechaa kanneen raawwatanis seerratti akka dhiyahataniif uummanni gaafachaa turullee, hanga ammaatti qaamoleen kunneen seeratti akka hin dhiyaanes Obbo Hassan Mallichaa himan.