Xalayaa Maayik Koofmaan: Geetaachoo Asaffaa seeratti dhiyeessuuf xalayaan barraaye

Madda suuraa, Brent Lewis
Mootummaa Ameerikaa keessatti bakka bu'aan kutaa bulchiinsa Koloraadoo wixinee seeraa HR 128 Eebla darbe ragga'erratti hundaa'uun mootummaan Ameerikaa Hoogganaa tikaa fi nageenyaa mootummaa Itoophiyaa duraanii Geetaachoo Asaffaarratti qoqqobbiin 'Global Magnistky act' jedhamu akka kaahu gaafatan.
Dhimma Itoophiyaa dhiyeenyaan hordofaa kan turaniifi Wixineen seeraa HR 128 akka ragga'u dhibbaa gochuun kan beekaman Rippablikaan Maayik Koofman obbo Geetachoon walitti bu'insa sabummaarratti xiyyeefatan kakaasuu dabalatee yakkoota biroo hedduu waan dalaganiif mootummaan Ameerikaa qoqqobbii akka irra kaahu kan gaafatan.
Hundeessituu dhaabbata ''Tokkummaa Oromootaa, Kabaja Mirga Namoomaa fi Dimookirasii'' jedhamuu akkasumas HR 128 akka ragga'u duula taasifamaa ture keessatti gahee kan qabdu Aadde Seenaa Jimjimoo dhimma kana duraanuu Hawaasa Oromoo waliin waan mariyachaa turreef dursineetuma beekna jetti.
"Ana qofa miti, hawaasa Oromoo waliin hojjetaa turre. Waan amma uumame osoo hin taane waan karoora irra turedha'' jetti.
HR 128 keessatti qabxiilee ilaalaman keessaa tokko kan ta'e 'Magnisky Act' namoota yakka raawwatanii Ameerikaatti da'eeffatan seera jala oolchuuf yaadamee 2015 bara xumura aangoo pirezidaantummaa Baaraak Obaamaarrattidha kan ragga'e ta'u himti Seenaan.
"Namni tokko yakka raawwateen nageenyummaa biyyaaf yaaddessaa ta'ee yoo argame osoo kongiresii birayyuu hin dhaqiin pirezidaantiidhumti seera kana fayyadamee to'achuu danda'a" jechuun dubbatte.

Madda suuraa, Seenaa Jimjimoo
Xalayaan barreeffame kun afaaniin qofa osoo hin taane gochaan hojiirra oolee nama akka Geetaachoo Asaffaa kan mirga namaa sarbaa ture garuu mootummaan naannoo adda addaa dhoksanii harka irra qaban mootummaa Ameerkaa jalaa akka hin baane dhiibbaa ni godhas jetti Seenaan.
"Isa qofa osoo hin taane warreen isa wajjin turanillee akka seeraaf dhiyaatan kan gaafatuudha seerri kun" jetti..
Xalayaan kun hojiitti akka hiikamu shakkiin hin jiru kan jettu Seenaan dhimma kanarratti yeroo dheeraaf wanti mariyatan pirezidaantii birallee kan ga'e waan ta'eef, nama badiisaatiin mootummaan biyya sanaa fi addunyaan beeku Ameerikaa keessatti dhufee bashannanee jiraachuu hin danda'u jetti.
''Kanaan booda hatanii, nama ajjeesanii jiraachuun akka hin danda'amne seera hojjetuudha seerri kun.'' jetti Seenaa Jimjimoo.
Xalayicha irratti Kongireesiin jalqaba erga mari'atee booda qabatamaan yakkoota inni raawwate qoratee gara Damee maallaqaa ykn Tireezharii fi Isteet Sakreetariitti darba akka Seenaan jettutti.
Kunis "qabeenya seeraan ala walitti qabate to'annoo jala oolchuu fi namni kun nageenyaaf yaaddoo ta'ee nagaan akka jiraachuu hin dandeenye murtee dabarsuufi" jetti.
"Waajjiraaleen kunneen lameen erga qorannoo Kongireesiin geggeesse fudhataniin booda murtee dabarsu jechuudha. Kanaafuu ji'a afur keessatti murteerra ni geenya.'' jetti Seenaan.
Hoji raawwachiistonni wayita murtee xumuraarra ga'an Geetaachaw Asaffaa dabalatee namoota badii ummatarratti raawwatanii fi saaamicha geggeessan Viisaa isaanii dhorkuu, qabeenyasaanii deebisiisuu, biyyoonni biroo hariiroo Ameerikaa waliin qabanillee namoota kanneen seeratti akka dhiyeessan gaafata.
Kanaafuu "seerri kun yoo fudhatama argate kan kanaan dura aanga'oonni mirga lammiilee sarbanii akkasumas qabeenya ummataa saamanii biyyoota addunyaa garagaraa keessumaa gara Ameerikaa deemanii bashannanii jiraatan ni hafa jechuudha" jetti Seenaan.
Qoqqobbiin akkasii namoonni aangoo mootummaarra jiraniifi kaanis mirga namoomaa sarbuu fi biyya hatuurraa akka of qusatan ergaa cimaa dabarsaa jetti aadde Seenaa Jimjimoo.













