Walabummaa miidiyaa; Gaazexessituun FIB 'sababa hin beekamneen' hidhamuu miidiyichi hime

Gaazexeesituu Lammii Tayyee

Madda suuraa, FIB

Gaazexeessituun miidiyaa FIB Sabboontuu Ahimed kaleessa hojiidhaa osoo galtuu poolisiin qabamtee hidhamuu hojii gaggeessaan miidiyichaa Obbo Lammii Taayyee BBCtti himan.

Gaazexeessituun kun kaleessa gara galgalaa osoo hojiidhaa galtuu qabamtee akka hidhamte himan.

Qondaalli buufata poolisii Labuurraa dubbisne gaazexeesituun kuni isaan bira jiraachuu mirkaneessaniiru. Garuu eeyyama waan hin qabneef miidiyaatti dubbachuu akka hin barbaanne himan.

Hidhaa kun lakkoofsa gaazexeesitoota gidduu kana Itoophiyaatti mana hidhaa galanii gara 14tti guddiseera. Obbo Lammiin waajjira poolisii magaalaa Finfinnee Labuu jiru bakka isheen itti hidhamtee jirtu dhaqanii akka gaafatani himaniiru.

''Maaliif akka hidhamte natti hin himne. Eenyu akka ishee qabes natti hin himamne jette'' jedhan. Obbo Lammiin waajjira poolisii gaafannee ''adaraa namni nu bira kaawwate malee nuti hin hiine'' jedhan.

''Akkamitti namni adaraadhaan hidhamaa? Maaliif mana murtiitti hin dhiyaanne? mirgi ishee sarbama jennee gaafanneerra,'' jedhan.

''Qaama nuuf qabaa jedheef bilbillee koottaa fudhaa jennee eegaa jirra'' nuun jedhan jechuun BBCtti himan.

''Nuu qabaa jennaan qabne malee sababa isaa nuyi hin beeknu nu jedhan.''

Waldaan Gaazexessitoota Oromiyaas fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaa ergaa maxxanseen Gaazexessituu Sabbontuu ''waajjira Poolisii Magaalaa Finfinnee, Labuu naannoo addaa Muuziqaa safar jedhamuutti geeffamuun ishee Mirkaneeffannee jirra'' jedheera.

Waldaan kun ''Gaazexeessituun sababa hinbeekamneen ajaja mana murtii tokko malee qabamtee hidhamte hatattamaan akka gadi lakkifamtu gaafata'' jechuun waamicha godheera.

Mootummaan ogeeyyiin miidiyaa sodaa malee hojii isaanii akka hojjetan mirkaneessuuf dirqma qabaa jedheera.

Obbo Lammiin waan nu gaddisiise namni gaafa qabamu maaliif akka qabame itti himuu dadhabuu isaati. ''Mirga kana baruu dhabuu isheetu nu gaddisiise'' jedhan.

Sabboontuun miidiyaa FIB keessa waggaa tokkoof hojjechaa turuu kan himan Obbo Lammiin, hojjettuu cimtuu kutaa bashananaa isaanii keessaa akka taate himan.

Dhimma gaazexeesituu kanaa irratti poolisiin magaalaa Finfinnee waan jedhe hin qabu.

Erga Abiy Ahimed gara aangootti dhufanii walabummaa miidiyaatti abdiin horame erga waraanni Kaaba biyyattii eegalee as garuu hojiin gaazexessummaa dhiibbaa keessa galuu dhaabbileen mirga gaazexessitootaaf falman himaa turan.

Kaleessa gaazexessaan barruu Fiitih Tamasgeen Dassaleny poolisiin to'atamee mana hidhaa galuu barameera.

Gaazexeesitootni biro kan ONN Dassuu Duulaa fi Biqilaa Abdataas erga mana hidhaa galfamanii bubbuleera.

CPJ fi RSN hidhaan gaazexeesitootaa Itoophiyaatti tahaa jiru nu yaadesseera jechuun ibsa baasaniiru.

Mootummaan gaazexeesitoota hidhe kanneen hatattamaan akka gadhiisuufis gaafataniiru.