Biyyoonni 24 maaliif loltoota isaanii gara Mozaambikiitti ergan?

Loltuu Ruwaandaa konkolaataa gubatee biraan darbaa jiru, Mozaanbik Paalmaa keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Mozaambiik keessatti waraana riphee loltoota kaaba bulchiinsa Kaabo Delgaadoo keessatti gaggeefamuun gargaaruuf yoo xinnaate biyyoonni 24 loltoota isaanii bobbaasaniiru.

Waraanni biyyattii ''loltoota afuuraa'' 7,000 kanneen kanfaltii gahaa fi leenjii waraanaa sirrii hin argatiin qabdu Mozaambik maaliif deeggaruu barbaadde gaaffii jedhu kaasa.

Gaazeexaan biyyattii guyyaa guyyaan maxxanfamu Carta de Moçambique akka qorateetti, mindaan loltoota 'sobaa' hedduun qondaaltoota waraanaa olaanoodhaaf kanfalama.

Kanaafuu lakkoofsi ijoollee qondaaltoota duraaniifi namoota siyaasaa osoo leenjii waaraanaa hin qabaatiin mindaa argatanii haalaan dabalaa jira. Kan biraa hafee miilasaaniiyyuu waraana keessa seensiisanii hin beekan.

Loltoonni Ruwaandaa haalaan leenjii'an 2,000 qofti bulchiinsa qarqara galaanaa Paalmaa fi Mocimboa da Praia kan dhiheenya dirree boba'aa guddichatti argaman irra caalaa to'achuudhaaf gahaadha.

Mozaambiik keessatti qabsoon olaanaan ammaan tana jiru, siyaasa waa'ee mallaqaati. Maddi waraanaa pirojaktiin boba'aa yoo deebii'e eegalee eenyuutu loluu danda'aa kan jedhuudha.

Godinni Kaaboo Delgaadoo bulchiinsa Mozaambiik qabeenyawwan kan akka boba'aa, warqee, giraafaayiti fi qabeenyaa umamaa biraatiin badhaatedha; garuu kan abaaramteedha.

Carraan hojii muraasni jiraattoota naannichaatiif haa umamu malee galiin achiirraa argamu gara qondaaltoota paartii biyya bulchuu waan galuuf mormiin gudddachaa ademe.

Zooniin qarqara galaanaa kunis seenaadhaan hordoftoota Islaamaatu keessa jiraata. Lallabaan amantii naannichaas seerri Islaamaa ykn Shariyaan qabeenyaan akka haala wal qixaa fi haqa qabeessa ta'een qoodamuu ni gargaara jechuun ergaa dabarsan.

Achinis bara 2017 keessa wayita dargaggoonni Mocimboa da piraya buufata poolisii fi buufata waraanaa naannichaa irratti haleellaa raawwachuun meeshaa waraanaa fudhatanii booda lolli eegale.

Erga yeroo sanaatii kaasees, namoonni 4,000 ol ajjeeffamuun kanneen 800,000 ta'an ammoo bakka jireenyaa saanii buqa'uuf dirqamaniiru.

Garee ummata Kaaba biyyatii irraa buqaafaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waraanichis kaabaa Mozaambiiki keessatti rakkoolee namoomaa hedduu uumeera

Qabsoon inni duraa madda waraanichaa irratti. Pirezidaantiin biyyattii Filipee Nyusi fi Firiilimoon, garuu gutummaa guutuutti haleellaa biyya alaa waan ta'eef balleessaan kan keenyaa miti jedhan.

Gamtaan Awurooppaa fi Baankiin Addunyaa karaa hojii umuufi aarii jiru tasgabbeessuutiin waraanichi akka dhaabatuf doolaara miiliyoonota gumaatan. Firiilimoo garuu karoora Baankii Addunyaa sana kaabiinee biyyatiitti dhiyeessuuf baatiiwwan jahaaf didee ture.

Wal waraanni yeroo hunda qaamoolee biyya alaa waan hawwatuuf Motummaa Islaamaa (IS) fi jihaadistooti hanga tokkoo waraanicha keessatti hirmaannaa taasisanii ture. Akkasumas biyyoota Jidduugala Bahaa irraas deeggarsi maallaqaa taasifamaa ture.

Haata'u malee, qorattoonni biyyattii tokko tokkoos dhimma biyya keessatu caalaa yaachisaadha jedhu. Gama biraatiin ammoo US fi IS akka walitti bu'iinsa aanga'oota addunyaa lamaatti malee akka dhimma biyya keessaa qofaatti ilaalamuu akka hin qabaannee barbaadu.

Guraandhal 2021 keessa, Ameerikaan hidhattoota akka Isis-Mozaambiikiitti ''shororkeessitoota addunyaatti'' ramadde.

US odeeffannoo isaa gadhiisuu hin barbaadne malee haalli kun ammoo qaamoolee waraanicha qorataniin baayyee hin fudhatamne ture.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan Adooleessa 14, 2021 keessaa fedhiin Ameerikaa guddaan Mozaambiik keessaa qabdu ''Isis haleeluudha'' jdhanii ture.

Ebla 4, 2022 irratti ammoo Ameerikaan Mozaambikiin akka biyyoota shanan seera Rakkoo Addunyaa (Global Fragility Act) argaman keessaa tokkootti kaaftee jirti.

Sodaa guddaan jiruuf IS fi US Mozaambik keessatti waraanaa cimaa jidduusaaniitti gaggeessuu danda'u kan jedhuudha.

Kunis yaaddannoo gaarii kan hin taane taatee baroota 1980motaa, Waraana Ololaatiin dura, kan US Gamata Yuuniyeen irratti waraana banuun lammiileen Mozaambiik miiliyoona tokko ta'an ittiin ajjeefaman sana yaadatu.

Kanaafuu Mozaambiik Ameerikaan fageenyumatti akka turtuuf dhoowwuuf yaalii taasisaa jirti. Ergama leenjii loltummaa muraasa qofaa akka qabaattuuf kan US'f hayyamteef.

Ollaa Aldeia da Paz, Mozaambik keessatti barbadaa'e

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa hidhattootaan gaggeeffameen ollaa guutuun barbadaa'ee ture

Akkasumas biyyoonni akka Poorchugaal, Afriikaa Kibbaas loltoota isaanii erguuf dhiibbaa taasisan.

Poorchuugaal kolooneeffattuu duraanii biyyattii yoo taatu waraana walabummaa bara 1965-1975tti gaggeeffameen mo'atamte baate. Erga yeroo sanaatii kaasees deebiiste loltoonni ishee ajaja biyyattii keessa jiraatan yaalii taasisaa jirti.

Karaa Gamtaa Awurooppaatinis loltoota ishee ergitee jirti. Irra caalaan loltoota ergamaniis loltoota Porchugaal yoo ta'an, kan biyyoota biraa 10, kan akka Giriik, Ispeenii fi Xaaliyaanii fa'is keessatti argamu.

Afriikaan Kibbaa gama isheetiin akka aangooftuu naannichaafi deeggartuu Mozaambiikiitti of ilaalti.

Isheenis humni waraana Hawaasa Guddina Afriikaa Kibbaa (Sadc) akka ijaaramuuf dhiibbaa taasiifte. Mozaambiik garuu ni dhorkamte.

Pirezidaantiin biyyattii Nyusi bara darbe pirezidaantii Ruwaandaa Pool Kaagaamee fi pirezidaantii Faransaayi Emaanu'eel Maakroon waliin wal arganii ture.

Ruwaandaan waraanaa ogummaa leenjii waraanaa qabuufi oppareshiinii nagaa eegsiisuu keessatti hirmaate qabdi.

Loltoonni 1,000 jalqabaa Adooleessa 9, 2021 kan gara sana imalan yoo ta'u, torbanoota sadii jidduutti hidhattoota bakkeewwan murteessoo jedhaman keessa qulleessan.

Ergamni Sadc Mozaambiik keessaa jalqaba 2021 keessa kan umamee yoo ta'u, garuu Mozaambiik erga waraanni Ruwaandaa seeneen booda, loltoonni Afriikaa Kibbaa jalqabaa qofti akka seenaniif Adooleessa 19 hayyamte.

Loltoonni Ergama Sadc keessatti hirmaatan irra caalaan kan Afriikaa Kibbaa yoo ta'an, biyyoonni akka Angoolaa, Botswaanaa fi Zimbaabwees keessatti argamu.

Isaanis bakkeewwan gaazii irraa fageenyatti argamaniifi baay'ee barbaachisaa hin taneetti waan ramadamaniif hidhattoota waraanuurraati bu'aa qabeessa ta'un hin mul'anne.

Pirezidaaniti Nyusi daawwannaa Yugaandaatti dhuma Ebla keessa pirezidaanti Yoweerii Moseviniin kan bara 1970 keessa wayita hidhattootaan lolaa turaniitti Kaabow Delgaadow'tti leenjii argatan waliin mari'atanii ture.

Mr Museveniinis waraana Mozaambikiin deeggaruuf qophii ta'uu himuun qondaaltoota waraanaa erguu akka barbaadan himanii ture.

Maraammartoon kunis Ruwaandaa-Yugaandaa-Faransayi jedhus Afriikaa Kibbaa, Portugaal fi US qarqaratti eeguuf gargaaraa jira.

Map
1px transparent line