Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan olaantummaan warra adii ''summiidha'' jedhan

Pirezidaanti Baayidan olaantummaa warra adiitiin ''summiidha'' jedhan

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan bulchiinsa Niiwu Yoork kan taatee Bufaalootti argamun olaantummaa warra adii balaaleffatan.

Pirezidaantichis olaantummaan warra adii ''summii qaama keenya keessa naanna'udha" jechuun isaanii dhagahameera.

Haleellaa guyyaa Sanbataa magaalaa Bufaalootti raawwatameen lammiilee Ameerikaa sanyiin gur'aacha ta'an 10 ajjeefamun isaanii gabaafamee ture.

Haleellaan jibba sanyummaatiin raawwatame jedhame kanas kan raawwate lammii Ameerikaa adii umuriin isaa waggaa 18 ta'edha jedhameera.

Shakkamaan kun barreeffama faashistiifi olaantummaa warra adii agarsiisu intarneetii irratti maxxansee tures jedhameera.

Pirezidaant Baayidanis haleellaa kana sababeeffachuun ture kan gara Bufaalootti imalan.

Namni haleellicha raawwates "murna jibbinsa sanyiin jaaman" keessaati jechuun qeeqeera.

Maatiiwwan firoota isaanii haleellaa sanaan dhaban muraasa waliin kan dubbatan Baayidan, "olaantummaan adii eddoo hin qabu" jedhan.

Qondaaltoonni naannichaa shakkamaan fageenya kilomeetira 320 imaluun gara sana kan dhaqe haleellaa sana raawwachuuf akka ta'e himan.

Qorattoonni akka jedhaniitti, shakkamaan osoo dhaabsiifamuu baatee lubbuu namoota dabalataa balleessuu ni danda'a ture.

Hidhataan sun maanefestoo jechuun yaada intarneetii gubbaa irratti gadhiiseen, xinxalawwan eeruudhaan olaantummaa adii mul'isuuf yaalee ture.

Baayidan namtichi kan jibbaafi sodaadhaan guutame, sodaa sababeeffachuun haleellicha raawwate balaaleefateera.

Baayida haleellaa walfakkaataan bara 2017 keessa Varjiiniyaa keessatti raawwatameen pirezidaantummaaf akka dorgomaniif akka isaan kakaase yaadataniiru.

Jireenya dhunfaa keessatti gadda olaanaa jedhame keessummeessanii kan beekan Baayidan namoota hedduu yoo ajajjabeessan mul'ataniiru.

Baayidan mucaasaanii jalqabaafi haadha warraasaanii balaa konkolaataatiin akkasumasnijoollee dhiiraa isaa keessaa tokko kaansariidhaan dhabeera.

Jiraattoonni naannichaas gochaa jajjabinaa pirezidaanti Baayidan taasisaniif galatteeffachuun, dhimmichaaf furmaata akka barbaadaniif gaafataniiru.

Haata'u malee pirezidaanti Baayidan meeshaa waraanaa to'achu ilaalchisee gochu kan danda'an waan muraasa qofaadha.

Dhimma meeshaa waraanaa irratti kongirasii amansiisuuf kan gahee koo nan baha jedhan. Haata'u malee kana gochuun pirezidaantichaaf waan salphaa akka hin taane yaadama.

Shororkeessummaa biyya keessaa irratti seerri cimaan jiraatulleen, ''dhugaasaa baasuun nu barbaachisa,'' jedhaniiru.

Giitii duree Jiil Baayidaniifi miseensoonni mana maree dimokiraatoota Niiw Yoorkis Pirezidaanticha waliin magaalattii dowwataniiru.