Hayyuun aadaafi seenaa 'Oromoo biraa olmaa guddaa qaban' Obbo Sintaayyoo Tolaa akkamiin yaadatamu?

Obbo Sintaayyoo

Madda suuraa, Oromia Communication Bureau

Hayyuun aadaafi seenaa Oromoo Obbo Sintaayyoo Tolaa gaafa Wiixataa A.L.I Caamsaa 08, bara 2014 du'aan boqochuu hordofee dhaabbileefi namoonni gadda isaanii ibsaa jiru.

Obbo Sintaayyoon Sirni Gadaa dhaabbata UN, UNESCO'n hambaa kiliyaa dhala namaa ta'uun akka galmaa'u gumaacha olaanaa taasisuun maqaan isaanii ni eerama.

Owwaalchi isaanii gaafa Roobii akka raawwatu ibsameera. Qorataan aadaafi seenaa kuni akkamiin yaadatamu?

"Hojiin inni hojjetee darbe yoomiyyuu jiraataadha. Seenaan inni lafa kaayee darbe yoomiyyuu dubbataa kan jiraatudha.

''Dhalootaa dhalootatti kan darbudha" jedhu waahila Obbo Sintaayyoo Tolaa kan ta'an Daayrektarri Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo'annoo Oromoo Obbo Dirribaa Tarrafaa.

"Inni guyyaa tokkollee ofiif hin jiraanne. Nama beekumsafii humna qabu guutuudhaan ummata Oromoo kanaaf of kennaa hojjechaa turedha.

''Olmaa guddaa ummata kanaaf oolee jira. Ummata Oromoo biraa olmaa guddaa kan qabudha" jedhan.

Sa'aatiiwwan xumuraa Obbo Sintaayyoo Tolaa…

Daayrektara Itti Aanaa Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo'annoo Oromoo ta'uun hojjetaa kan turan Obbo Sintaayyoon Wiixata ganama Caamsaa 08 bara 2014 hojii idileef gara waajjira isaanii deemanii turan.

Naannoo sa'aa 4:30 waliin hojjechaa akka turanis Daayrektarri Inistitiyuutichaa Obbo Dirribaa Tarrafaa himu.

"Asuma kaafteeriyaa keessatti waliin ciree nyaannee, buna dhugnee turre" jedhan.

Wayita kaafteeriyaa keessa turanitti guyyoota Sanbattan lamaan darban isaan dhukkubaa akka ture Obbo Sintaayyoon itti himuu isaanii Obbo Dirribaan dubbatu.

Sana boodas lachuu gara kutaa hojii ofii deemun hojiirra akka turaniifi daqiiqaa 30 booda Obbo Sintaayyoo akka dhukkubu waahillan isaaniitin itti himamuusaa Obbo Dirribaan himu.

Sana boodas Hospitaala Betazaataa geeffamuu isaanii, achittis daqiiqaa 10 hanga 15 kan ta'uf dubbachaa turuu isaanii, waan isaan dhukkubus ogeeyyii fayyaatti himuu fi sana booda dadhabaa deemuu isaanii Obbo Dirribaan BBCti himaniiru.

Obbo Sintaayyoo ija waahillan isaaniitin?

"Obbo Sintaayyoon nama jireenya salphaa jiraatanidha. Cinqamuu hin barbaadan. Yeroo hunda kan isaan jiraatan garuu ofiif miti.

''Dhugaa dubbachuuf manallee hin qaban. Nama gaddisiisa" jechuun miiltoon isaanii yeroo dheeraa Obbo Dirribaa Tarrafaa himu.

Nama mufachiisuufi haaloo qabachuu kan hinjaalanne akkasumas hariiroo gaariin akka beekamanis waahillan isaanii dubbatu.

Waggoota 12 oliif Obbo Sintaayyoo akka beekan kan himan Ogeessi Aadaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Olaanaa Tashoomaa "Obbo Sintaayyoon hojii bal'aa hojjetanii garuummoo hanga hojjetan sana hin dhaadheffamne" jedhan.

Seenaa jireenyaa…

Obbo Sintaayyoo Tolaa Qana'aa abbaa isaanii Obbo Tolaa Qana'aa fi haadha isaanii Aadde Asallafech Bantii irraa Caamsaa 07 bara 1960 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Jimmaa Arjoo Magaalaa Arjoo Guddattuutti dhalatan.

Barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaa kutaa 1-8tii mana barumsaa Arjootti, barnoota sadarkaa lammaffaa kutaa 9-12 immoo mana barumsaa Dajazmaach Mokonnin Damisootti barachuu isaanii ragaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa /BATO/ irraa arganne agarsiisa.

Obbo Sintaayyoo Tolaa Yunivarsiitii Finfinneetii barnoota Seenaatiin Digirii jalqabaan erga eebbifamanii boodas godina Gujii Magaalaa Adoolaa Wayyuufi godina Geediyoo Naannoo Yirgaa Caffeetti Barnoota seenaa barsiisaniiru.

Kana malees Godina Iluu Abbaa Booritti barsiisaa seenaa tahuun cinaatti qorannoo seenaa fi aadaa irratti geggeessaa turuu isaanii ragaan BATO agarsiisa.

Irreenfannaa bara 2018 keessaa kunoo shamarran yoo waaqasaaniif galata yoo galfatan
Ibsa waa'ee suuraa, Shamarran Irreecha irratti

Itti aansuunis Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa keessa sadarkaa ogeessaa irraa eegalee hanga Hogganaa Itti Aanaa Biirootti hojjetaniiru.

Inistitiyuutiin Qorannoo fi Qo'annoo Oromoo bara kana 2014 yemmuu hundeeffamus Daayrektara Itti Aanaa ta'uun ramadamanii hanga guyyaa addunyaa kanarraa boqotanitti hojjechaa turaniiru.

Obbo Sintaayyoo Tolaa gaa'ela godhachuun ijoollee lamaa horataniiru.

Galmee Sirna Gadaaf abuuraa qopheessuu hanga galmeetti…

Hojiilee gurguddoo Obbo Sintaayyoo Tolaa ittin yaadataman keessaa inni tokko gahee olaanaa Sirni Gadaa hambaa kiliyaa dhala namaa ta'uun Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Saayinsii, Aadaafii Barnootaan /UNESCO/ akka galmaa'uf bahatanidha.

Gadaan UNESCOn osoo hin galmaa'in dura Obbo Sintaayyoon maalummaa Gadaa, falaasamasaa, duudhaasaa akkasumas fakkeenyummaa dimokiraasii inni qabu qorachaa turaniiru.

Kana malees Sirni Gadaa hambaa kiliyaa dhala namaa ta'uun akka galmaa'uf yeroo gargaraatti abuuraa /proposal/ qopheessaa akka turan Daayrektarri Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo'annoo Oromoo Obbo Dirribaa Tarrafaa himu.

"Waggaa 20 dura ALI bara 1994 Sirni Gadaa hambaa kiliyaa dhala namaa ta'ee UNESCOti akka galmaa'u yeroo jalqabaatif miiltoowwansaa waliin ta'uun nama abuuraa qopheessee akka biyyaatti akkasumas UNESCO'f dhiyeessedha" jedhan.

Haa ta'u malee, dhiibbaa ogeessotni dhaabbilee sadarkaa federaalaa keessa jiran yeroo sanatti taasisaa turaniin galmeen sirna Gadaa osoo hin milkaa'in hafuu himu.

Sana boodas hanga Sirni Gadaa A.L.I bara 2009'Tti UNESCOn galmaa'utti qabsoofi tattaafii cimaa taasisaa turuu isaanii dubbatan.

"Tattaafiin isaan godhan Oromoo biratti yoomiyyuu siidaa ta'ee kan dhaabbatudha. Hawwiinsaas milkiirra gahee jira" jedhan.

Dabalataan Obbo Sintaayyoo Tolaa ogeessota Sirni Gadaa sirna barnootaa keessa akka galuuf adda durummaan hojjechaa turan keessaa isaan tokko akka ta'an waahillan isaanii himu.

Duudhaalee Irreechaa lafa qabsiisuufii kunneen biroo…

Gumaachi Obbo Sintaayyoo Tolaa gama duudhaalee fi safuu ayyaana Irreechaa beeksisuutin taasisanis olaanaadha.

"Irreechi Hora Harsadiis yaa ta'u Irreechi Hora Finfinnee sadarkaa har'a gaherra akka gahu taasisuu keessatti Obbo Sintaayyoon nama ashaaraa guddaa lafa kaa'anii darbanidha" jedhu Obbo Dirribaan.

"Waggaa waggaan Irreechi yemmuu gahu Fooramii Irreechaa irratti yeroo hunda waraqaa qorannoo kan dhiyeessan Obbo Sintaayyoodha" kan jedhan immoo Biiroo aadaa fi Tuurizimii Oromiyaatti Ogeessa Aadaa kan ta'an Obbo Olaanaa Tashoomaati.

Beekumsiifi falaasamni ummata Oromoo lammiilee biyyattii bira darbee hawaasa addunyaa bira akka gahuuf afaanota sadi; Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa fi Afaan Ingliiziin barreeffamoota garagaraa barreessaa turuu isaanii Obbo Olaanaan himu.

Kana malees pirojektii Madda Walaabuu akka hojjetamuuf yaada dhiyeessuu dabalatee iddoowwan seenaa akka Calanqoo fi Aanolee akka misoomaniif Obbo Sintaayyoon yaada dhiyeessaa turuu isaaniifii yaadni isaanii fudhatama argatee iddoowwan kunneenitti ijaarsi taasifamuu Obbo Olaanaan dubbatu.

Manguddoota Booranaa yeroo sirna Gadaa.

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us

Ibsa waa'ee suuraa, Manguddoota Booranaa yeroo sirna Gadaa.

Hambaaleen gurguddoon Oromiyaa kan akka Holqa Soofumar, Dirree Sheek Huseen, Paarkii Gaarreen Baaleefi bakki seenaan duraa Malkaa Qunxurree hambaa addunyaa ta'uun UNESCOtti akka galmaa'aniif namoota yeroo jalqabaaf sanada kaadhimummaa qopheessuun dhiyeessan keessaa Obbo Sintaayyoo Tolaa isaan tokko ta'uus Obbo Olaanaan dubbatu.

Qorannoo seenaa fi aadaa Oromoo…

Obbo Sintaayyoo Tolaa waahillan isaanii Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa kan akka Obbo Alamaayyoo Haayileefaa waliin ta'uun seenaa fi aadaa ummata Oromoo irratti hojiilee qorannooifii qo'annoo hojjetaa turaniiru.

Ardaaleen Jilaa iddoowwan garagaraatti akka misooman gochuurrattis hojjechaa turaniiru.

Giddugalli Aadaa Oromoo magaala Finfinneetti argamu akka ijaaramuuf abuuraa fi barreeffamoota garagaraa barreessunis angawootaaf dhiyeessaa turaniiru.

Kana malees Obbo Sintaayyoo Tolaa kitaabilee aadaa fi seenaa Biiroo Aadaafii Tuurizimii Oromiyaatin maxxanfaman bareessuu keessattis gahee qindeessummaa dabalatee akka miseensa gareetti shoora olaanaa bahachaa akka turan Obbo Dirribaan himu.

Kitaabilee kunneen keessaayis Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa, Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20ffaa, Seenaa Oromoo fi Hundeeffama Magaala Finfinnee, Seenaa Oromoo fi Qabsoo Ummata Baale akkasumas Sirna Gadaa Oromoo Maccaa kunneen jedhan isaan muraasa.

Gahee ummanni Oromoo lola Adwaa, Saambeefi dirreewwan waraana biroo keessaa qaburratti qorannoo taasisuun akka beekaman gochuunis hojiilee Obbo Sintaayyoo Tolaa ittin yaadataman keessaa isaan muraasa.