'Birgaadar Jeneraal Tafarraa Maammoo eessa akka jiru beekuu hin dandeenye' -haadha warraa

'B/Jeneraal Tafarraa Maammoo

Madda suuraa, Amhara National Regional State Head of Government

Birgaadar Jeneraal Tafarraa mana isaanii Finfinnee jiruu ba'anii hin deebiyiin hafuu haati warraa isaanii Aadde Menen Hayilee BBCtti himana.

Birgaader Jeneraal Tafarraan kanaan dura hogganaa Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii naannoo Amaaraa, akkasumas dhiyeenya keessa ammoo ajajaa Humna Addaa naannichaa ta'anii aanga'aa hojjechaa turanidha.

Aadde Menen waa'ee abbaa warraa isaanii yeroo dubbatan Wixata kaleessaa, jechuunis Caamsaa 16, 2022, mana isaaniitii naanawaa sa'aatii 5:15 irratti kan ba'an hiriyyaa isaanii waliin beellama akka qaban ibsuun ta'uu kaasu.

Isaan booda ammoo gara manaatti waan hin deebi'iin hafaniif bilbila mobaayilaa isaaniitti bilbilanillee deebii akka hin argatiin ibsiti haati warraa isaa kun.

Qondaalli kunis kanaan dura hogganaa Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii naannoo Amaaraa, akkasumas dhiyeenya keessa ammoo ajajaa Humna Addaa naannichaa ta'anii hojjechuun isaanii ni yaadatama.

Akka Aadde Menen jedhanitti, Jeneraal Tafarraa namoonni argan guyyaa sana hanga sa'aatii 10tti waliin turuu isaaniifi isaan booda akka adda ba'an itti himaniiru.

Isaan booda garuu eessa akka ga'an beekuudhaaf akka hin dandeenye haati warraa Jeneraal Tafarraa BBCf mirkaneessaniiru.

Jeneraal Tafarraa Maammoo ajajaa humna addaa naannoo amaaraa irraa erga kaafamaniin booda miiidyaalee gara garaa irratti dhiyaachuun yaada isaanii kennaa turaniiru.

Aadde Menen abbaan warraa isanaii dhabamuu hordofee gara qorannoo yakkaa Federaalaa, akkasumas gara Poolisii Finfinnee deemanii gaafatanillee, namni kun, "to'annoo isaanii jala akka hin jirre" isaaniif ibsuu dubbatu.

Yeroo ammaa kanattis abbaa warraa isaanii argachuudhaaf tarii jiraachuu mala bakka jedhanii yaadan gara dhaabbileen nageenyaafi tasgabbii gara garaa deemuun barbaacha itti fufuu ibsaniiru.

Jenraal Tafarraa Maammoo nama gaa'ela qabuufi abbaa ijoollee afuriiti.

Jeneraal Tafarraan dhibee Sukkaaraa akka qaban kan himan haati warraa isaanii Aadde Menen, qoricha isaaniif ajajamellee fudhachaa akka turan himuun, qoricha fudhachuu baannaan garuu dhukkubsachuu malu jechuun yaaddoo qaban BBCtti dubbatan.

Baahirdaar bakka duraan jiraataa turan irraa gara Finfinnee kan dhufanis rasaasa miilla isaa keessa jiru ilaalchisuun hordoffii fayyaa taasisuuf akka tures ni ibsu Aadde Menen.

"Hidhaa bareera, kan keessa darbedha; kan nu yaaddessu haala fayyaa isaati," jedhu.

Dhabamuu Jeneraala kanaa ilaalchisuun poolisiin Federaalaas ta'e kan finfinnee wanta jedhan hin qaban.

Miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoopiyaa ta'uun waggootaaf qondaala ol-aanaa ta'uun kan tajaajilan NBirgaader Jeneraal Tafarraa Maammoo, waggaa kudhan dura mootummaa fonqochuuf shiraniiru jedhamuun namoota biroo waliin himatamanii waggootaaf hidhaa turaniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu hordofee hidhaa irraa hiikamanii itti-gaafatama gara garaa irratti tajaajilaa turaniiru.

Dhiyeenya yeroo humnoonni TPLF gara naannolee Amhaaraafi Affaar seenanii haleellaa yeroo raawwatanitti humna addaa naannoo Amaaraa hogganaa kan turan yoo ta'u, ji'oota muraasa dura garuu itti-gaafatama isaanii kana irraa akka kaafaman taasifamuun isaanii ni yaadatama.