Daa'imni waggaa 4 maatiin osoo hin argin taphaaf konkolaataa haadha isaa konkolaachise

Madda suuraa, Poolisii Kaaba Utreech
Nezerlaandis keessatti daa'imni waggaa afurii konkolaataa harmee isaa konkolaachise, tarii fuulduratti dorgommii Formula One keessatti abdii qabaa laata?
Poolisiin magaalaa Utrecht daa'imni kun konkolaataa harmee isaa konkolaachisuun konkolaattota biroo dhaabbatan lamatti buuse jedhe.
Taateen kun Sanbata darbe kan raawwate yoo tahu manaatii uffata isaa pijaamaa fi miilla qullaa bahuun konkolaaticha seenee konkolaachise.
Namootni dhaabatanii argan qorra keessa qofaa deemuu isaa hubatan yaaddahuun poolisii waaman.
Yeroo konkolaachises namni miidhame hin jiru. Poolisiin Inistaagiraamii irratti ''Max Verstappen'' haaraa arganne jechuun barreesse.
Max Verstappen lammii Nezerlaandis dorgommii konkolaachisummaa Formula One jedhamu keessatti shaampiyoonaa tahuun beekamudha.
Poolisiin akka barreessetti daa'imni kun gaafa Sanbataa yeroo abbaan isaa hojii deemu hirribaa ka'uun, furtuu konkolaataa haadha isaa fudhachuun ''konkolaachisuu deeme.''
Erga poolisoonni dhufanii isa fuudhanii, gabaasni konkolaataan alatti gatame tokko konkolaattota biroo lama waliin walitti bu'eera jedhu bahe.
Konkolaatichi maqaa haadha daa'ima konkolaachisaa tureen galmaa'eera, jedhe humni poolisii.

Madda suuraa, Police Utrecht North
Osoo gara maatiitti hin deebisiin dura buufata poolisiitti daa'ima waggaa afurii kanaaf dhugaatii chokoleetii fi akka ittiin taphatuuf 'teddy bear' kennameefi.
Haatis waamamtee dhuftee walumaan gara konkolaataa walitti bu'e sanaa deeman. Achitti konkolaatichi akkamiin akka hojjetu gaafatan.
Daa'imni kunis furtuudhaan konkolaataa haadha isaa bane. Konkolaaticha kaasuun miilla isaa ammoo gara peedaalii firisiyooniifi gaaziitti bute jedhe poolisiin.
Poolisiin fuuldurumaafuu maatiin isaa furtuu konkolaataa akka dhoksan gorsan.
''Max Verstappen haaraan argameera,'' jechuun poolisiin Utreech kan barreesse. Kunis yeroo ammaa kana shaampiyoonaa Formula One Nezerlaandis kan tahe ibsuun.















