Sirna awwaalcha Kibaakii bakka dureewwan Afrikaa argamanitti gaggeeffamaa jira

Sirni awwaalcha Kibaakii Keeniyaa, naayiroobiitti gaggeeffamaa jira

Sirni awwaalcha pirezidaantii duraanii Keeniyaa Miwaay Kibaakii bakka gaggeessitoonni Afrikaa argamanitti magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii keessatti gaggeeffamaa jira.

Sirna awwaalcha kanaarratti pirezidantii Federaalawa Rippabilika Itoophiyaa Saahila-warq Zawudee, pirezidantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaafi pirezidantii Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir dabalatee keessummoonni fagoofi dhiyoorraa argamaniiru.

Kibaakiin Ebla 21, 2022 ture wagga 90 isaaniitti addunyaa kanarraa du'aan kan boqotan.

Gaggeessitoota Afrikaafi namoota bebbeekamoo ta'an akkasumas lammileen Keeniyaa ta'an sirna awwaalcha kana irratti argamuudhaaf Istaadiyeemii Biyyaalessaa Niyaayoo magaalattii keessatti argamutti walitti qabamaniiru.

Reeffi pirezidaantii duraanii kunis konkolaataa waraanaan dabaalamee mana jireenyaa isaatii gara Masaraa Mootummaa geeffameera.

Miwaay Kibaakii pirezidaantii Keeniyaa sadeessoodha.

Lammiileen Keeniyaa Kibaakii akkamiin yaadatu?

Lammiileen Keeniyaa miidiyaa hawwaasaa irratti boqachuu pirezidaantii duraanii Keeniyaa Kibaakii irratti barreessan gariin pirezidaantii gaarii Keeniyaan bulche isa addaati jedhan. Kaan ammoo jeequmsa marsaa lammaffaaf bara 2007 yeroo inni filatame mudatee lubbuu namaa badeen isa komatan.

Keeniyaan erga kolonii Biriiten jalaa walabummaa ishee ergatte bara 1963 as pirezidaantii afur qofatu gaggeesse.

Lammiileen biyyattii Kiibaakiin gaggeessaa tokkummaa biyyaalessaa dhugoomsee fi guddina dinagdee Keeniyaa ariifachiise jechuun galateeffataniiru.

Paartiin mormituu ODM Tiwiitera irratti Kiibaakiin ''haaromsa dinagdee fi bu'uuraalee misoomaa biyyattiitti fide, akkasumas adeemsa haaromsa heera biyyattii fiixaan baasuun yaadatama'' jedhe.

Keeniyaan pirezidaantii jabaa akka Kiibaakii hin arganne jedhan kaan ammoo. Nama tapha fi hojii jaalatu jechuun isa jajaniiru. Innis akka nama kaanii hanqina mataa isaa ni qabaata garuu gaggeessaa Keeniyaaf waan gaarii kenne jedhan.

''Hayyuu dinagdee maaltu akka Keeniyaaf gaarii tahe beekun dhabe. Gabatee beeksisaa, marsariitii ykn miidiyaa hawwaasaa fayyadamuun waan hojjete hin ibsanne. Garuu hojiin isaa dhalootaa gara dhalotaatti ofuma isaan mul'ataa jiraata,'' jedhe fayyadamaan miidiyaa hawwaasaa tokko.

Edwiin Omarii ammoo yeroo hamaan bara bulchiinsa Kiibaakii jeequmsa marroo lammaffaaf filatamu isaa hordofee ka'edha jedhe. ''Yeroo sana Keeniyaan akka biyyaatti kuftee ture.''

Sadiiquu Shaabaan namni jedhamu ammoo pirezidaantiin duraanii icciitii filannoo bara 2007 boodaa waliin boqate jedhe.

Jeequmsa sana hordofee namootni 1,000 ol ajjeefamuun hedduun ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.