Lammiin Aljeeriyaa Guwaantaanaamoo keessa ganna 20tti siqu hidhaa jala ture, biyyasaatti deebi'e

A US flag flies above a razorwire-topped fence at Guantanamo Bay. File photo

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaan ammallee namoonni 37 Guantanamo Bay'tti hidhaa keessa akka jiran himti

Lammiin Aljeeriyaa Sufiyan Barhoumi jedhamuufi Guantanamo Bay keessa ganna 20tti siquuf hidhaa jala ture, biyyasaatti deebi'uu aanga'oonni US himan.

Namni kun bara 2002 miseensa al-Qaayidaa olaanaa wajjin mana dhoksaa keessatti kan qabame oggaa tahu, Ameerikaa irratti haleellaa boombii raawwachuuf karoorsuun himatame.

Haa tahu malee Ministeerri Ittisaa US, hidhaa keessa turuun nama kanaa amma booda waan barbaachisu miti jechuun murteesse.

Dabaluunis, Aljeeriyaan namni kun haala gaariin akka qabamu waadaa nuuf galteetti jedhe ministeerichi.

Ibsa ministeerri kun baaseen, anga'oonni US "nageenyisaa eegamuuf wabiin jiraannaan" Obboo Baarhuumiin biyya dhalootasaatti deebi'uu danda'a jechuun gorsa kennan jedhe.

"US Aljeeriyaafi qaamoleen kaan tattaaffii Ameerikaan lakkoofsa hiidhamtoota hir'isuufi xumurarras mana hidhaa Guwaantaanamoo Beey cufuuf gootuuf deeggarsa isaaniif ni jajjabeessiti.''

Ministeerichi waa'ee lammii Aljeeriyaa kanaa odeeffannoo biraa kennuurraa of qusateera.

Aljeeriyaanis waa'ee dhimma kanaarratti ifatti waanti dubbatte hinjiru.

Gadhiifamuu nama kanaan mana hidhaa akkaan beekamu kana keessatti, namoonni 37 akka hafan ni himama. Kanneen keessaa 18 kan tahan iddoo biraatti dabarfamuu kan danda'anidha.

Guantanamo Bay kibba-baha Kubaatti kan argamu oggaa tahu, mooraa buufata waraana galaanarraa Ameerikaa keessatti argama.

2002 irraa kaasee bakka kanatti Ameerikaan waraana shororkeessummaa irratti gaggeessiteen kanneen to'annoo jala oolan tursuuf itti fayyadamaa jirti.