MM Paakistaan aangoorraa buufamuuf jennaan paarlaamaan biyyatti akka diigamu gaafatan

Ministirri Muummee Paakistaan Imraan Kahaan mormitootni isaanii aangoorraa isaa buqqisuuf carraaquu isaanii hordofee pireezidantiin biyyattii paarlaamaa diiganii filannoon haaraan akka gaggeefamu gaafatan.

Af-yaa'iin paarlaamaa Paakistaan sagaleen amantaa dhabuu MM Imraan Kahaan irratti gaggeefamuufi isaaniin aangoorraa buqqisuuf carraa qabu kuffisuu isaanii hordofeeti yaadni paarlaamaa diiguu kan dhiyaate.

Miseensonni paarlamaa mormitoota Kahaan galma paarlaamaatii hin baanu jechuun dhimma isaanii gara Mana Murtii heeraatti akka geessan ibsaniiru.

Kahaan Ameerikaan olola idila addunyaa lafa jala hoogganuun aangoorraa isa buqqisuuf yaalaa akka jirtu himatu.

Imammatni alaa isaanii isaanii yaalii Ameerikaan gochaa jirti jedhaniif sababa ta'uu yoo ibsan, dhiyeenya kana gara Mooskoo imaluun Vilaadmiir Puutiin waliin wal-arguufi duula US amma duraa waraana ''farra shororkeessummaa'' qeequu akka fakkeenyaatti kaasu.

Namootni siyaasaa Kahaaniin morkataniifi US himannaan kun dhugaa miti jedhu. Imraan Kahan kan aangootti bahan deeggarsa waraana biyyattiin ta'uu fi ammaan tana garuu deeggarsi waraanaa harkaa bahaa jiraachuu ogeeyyii siyaasa hordofan ni dubbatu.

Mormitootni isaanii carraa kanatti fayyadamuun miseensota paarlaamaa amansiisuun aangoorraa isaan buqqisuuf carraaqaniiru. Ministirri odeeffannoo Fawaad Chuuwaadree miseensota paarlaamaatti yoo himan ''oppireeshiniin sirna jijjiiruu mootummaa alaan adeemaa'' jira jedhan.

Sagalee kennamus heeraan ala jechuun gaaffii mormitootni dhiyeessanii turan kufaa godhan.

''Warri mormituu tokkummaan mormitootaa teessoo Paarlaamaa gadhiisuuf hin jiran. Abbootiin seeraa keenya gara Mana Murtii Olaanaa imalaa jiru'' jechuun dhaabbileen hunduu heerri Paakistaan hojiirra akka oolu gaafataniiru.

Imraan Kahaan bara 2018'tti malaammaltummaa fi diinagdee bayyanachiisuus dhaadatanii filataman, ergasii waranaa fi Kahaan gidduu gaagarummaa dhalachuus haalaniiru.