Dubartii Finlaand ijoollee IS mooraa baqattootaa Siiriyaa keessatti dhoksaan barsiiftu

Ilona Taimela mala addaa ittiin barattoota Finlaand mooraa baqattootaa Siiriyaa keessatti ugguraman barssiistu boccee jirti

Madda suuraa, Elisabeth Tikka

Ibsa waa'ee suuraa, Ilona Taimela mala addaa ittiin barattoota Finlaand mooraa baqattootaa Siiriyaa keessatti ugguraman barssiistu boccee jirti

Dubartiin Finlaand Ilona Taimela karaa WhatsApp ijoollee biyyashee mooraa baqattootaa Siiriyaa keessatti ugguramanii jiran dhoksaan barsiisaa jiraachuu himti.

Dubartiin mala kanaan ijoollee barsiisuutti daran gammaddu kun guyyuu barattootasheef hoji manee sororsaa, waan haaraa barsiisti.

Dubartiin kun guyyaa guyyaan haala kanaan barattoota barsiisuu erga eegaltee waggaa caaleera. Caamsaa bara 2020 irraa eegaltee barsiisota walitti dhiyaatan waliin ta'uun hojii kana hojjechaa jiru.

Aadde Taimelan fageenyarraa barattoota Kaaba Baha Siiriyaa jiran barsiisuurraan kan hafe, bakki barattoonni jiran Finlaand waliin kan walquunnamsiisu hin jiru.

Dubartiin kun karaa WhatsApp gosa barnootaa Herrega, Ji'oogiraafii fi kaan afaan Finlaand fi Afaan Ingilishiin barsiifti.

Mooraa baqattoota al-Hol kan namoonni garee IS waliin hidhata qabu jedhaman keessa jiraatan keessaa ijoolleen lammii Finlaand ta'an kanneen barattoota Taimela ta'an 23.

Awurooppaa fi biyyoota adda addaarraa namoonni walitti qabaman lakkoofsaan 60,000 ta'an mooraa kana keessa jiraatu.

Hedduunsaanii dubartootaa fi daa'imman yoo ta'an garri caalaan barnoota kana argataa jiru.

Dubartiin Finlaand kun iccitiin barumsa kennuu eegaluunsheen dura barattoonni kunneen barachuuf carraansaanii akkaan dhiphaa ture.

Mana barnootaa tola-ooltotaa tokko qofaatti dabareedhaan baratu.

Bara 2019 IS Siiriyaa keessatti injifatamuu hordofee mooraan kun mana hidhaa namoota kunneeniitti geeddarameera.

Humnoonni Kurd kan deeggarsa mootummaa Ameerikaa qaban warra lammiilee kunneen hidherraan dhiibbaa ga'uun gussan.

Kanarraa kan ka'e waggootaaf lammiileen kunneen achitti walitti qabamanii hidhaa turan.

Biyyoonni isaaniis karaa isaan ittiin achii ba'uu danda'an mala soqaa turan, haala nageenyaas sakatta'aa turan.

Maatiin ijoollee kunneenii ijoolleensaanii yaada warra IS fudhachuun malu sodaa jedhu qabu.

Daa'imman kunneen qabiinsa gadi bu'aa fi dhiittaa mirga namoomaa hamaa keessatti guddataa akka jiran gareen mirga namoomaaf falman himaa jiru.

Lammiileen alaa(ijoolleen) IS jala galan Siiriyaa keessatti umrii guutuu mana hidhaa keessa turu
Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen alaa(ijoolleen) IS jala galan Siiriyaa keessatti umrii guutuu mana hidhaa keessa turu

Mootummaan Finlaand bara 2019 daa'imman haadha waliin mooraa keessatti ugguraman 30 biyyatti deebisuuf yaalus garuu hin milkoofne.

Weearara koronaavaayirasii hordofee biyyattii keessatti manneen barnootaa Bitootessa bara 2020 irraa eegalee cufamee ture wayita deebi'ee eegalu barattoonni fageenyarraa akka barnootasaanii hordofan murtaa'ee ture.

Ergamaan addaa mootummaan Finlaand Jussi Tanner, barattoonni biyyattii keessa jiran yoo fageenyarraa barnootasaanii hordofuu kan danda'an ta'e, kanneen mooraa al-Hol keessa jiran maaliif hin danda'an? jechuun yaada kana eegalan.

Mooraa baqattoota Kaaba Siiriyaatti argamu al-Hol keessatti namoonni 60,000 ta'an humnoota Kurd jedhamaniin hidhamanii jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mooraa baqattoota Kaaba Siiriyaatti argamu al-Hol keessatti namoonni 60,000 ta'an humnoota Kurd jedhamaniin hidhamanii jiru

Mootummaan Finlaand barnoota halaalarraa jajjabeessuuf jecha jaarmiyaa Lifelong Learning Foundation karaa jedhamuun yaadicha deeggaruusaa ibse.

Akka Aadde Taimelattis yaadichi kan fudhatama qabu ture.

Isa booda Hoogganaan barnoota fagoo Tujja Tammelander dubartii kana quunnamuun barsiisonni biroonis dabalamuun imaammati barnootaa dhimma kanarratti qiyyafatu addatu qophaa'e.

Taimela fi barsiisonni kaan waliin ta'uun guyyaa guyyaatti barattoota Siiriyaa jiran barsiisu, jireenya bor Finlaand keessatti dabarsuuf jiraniifis isaan qopheessaa jiraachuu himan.

Taimelan ergaa barreeffamaa tokko jettee Caamsaa 7, 20202 ijoollee Siiriyaa jiraniif ergite.

"Akkam bultaning! Guyyaan har'aa Kamisa, Caamsaa 7, 2020. Guyyaa barnoota fagoo isa jalqabaati,'' jedha ergaanshee jalqabaa.

Nageenyasheef jecha fuulashee jijijjiirteetti, maqaashees Saaraa jettee of beeksiste.

Ilona Taimela

Madda suuraa, Ilona Taimela

Ilona Taimela's message

Madda suuraa, Ilona Taimela

Ergaanshee hedduun afaan Finlaandiin barreeffame, immoojiwwanittis baayyee fayyadamu.

Afaan Finlaand fi gosi barnootaa herregaa ijoo kaarikulamii barnoota kanaati.

Guyyaarraa gara guyyaatti fooyya'iinsa arguu kan dubbattu Taimelan, yeroo muraasa booda daa'imni waggaa ja'aa tokko seenaa afaan Finlaandiin barreeffame dubbisuu himti.

Kaan ammoo hojimanee kennamuuf haala gaariin hojjetanii deebisuu eegalan.

Barnoota Afaan Ingilishii, Ji'oogiraafii fi Herrega akkanaan karaa ergaa gabaabaa iccitiin barsiisu.

Screen shots of lessons taught on WhatsApp
1px transparent line
Screen shots of lessons taught on WhatsApp
1px transparent line
Screen shots of lessons taught on WhatsApp
1px transparent line

Barattoonni ergaawwan barreeffamaa fi sagleewwan dhibbaan lakkaa'aman horodfaniiti sammuusaanii gabbifatan.

Haadholiin bilbila akka hin fayyadamne waan dhorkamanii jiraniif ergaawwan ergamann qondaaltota Tarkii fi hawaasa Finlaandi achi jiraniin baramuu danda'u sodaa jedhu qabu barsiisonni halaalarraa barsiisan kunneen.

Aadde Taimean ergaawwan kunneen eegdota mana hidhaan dubbifamaa jiru shakkii jedhu qabdi.

Yeroo garii haadholiin osoo ergaa hin deebisin hanga torbee tokkootti turu, kunis sodaa nageenyaa qaban irraati.

Bara kana waqtii arfaasaa keessa maatii barattootaa waliin guutummaatti quunnamtiin adda cituu himte Taimelan.

Kunins sababni isaa maatiin baayyeen gara mooraa baqattootaa ollaa jiru al-Rajo jedhamutti geeffamuu fi kaan ammoo gara biyyasaanii deebifamuu irraati jette.

Aab Tanner akka jedhanitti daa'immanii fi dargaggoonni Finlaadn 23 biyyatti kan deebi'an yoo ta'u, 15 ammoo achuma Siiriyaatti ugguramanii jiru.

Aadde Taimelan sagantaa barnoota fagoo akka itti fufuuf jiran himaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Taimelan sagantaa barnoota fagoo akka itti fufuuf jiran himaniiru

Ammaaf manni barnootaa Aadde Taimela hojiirra hin jiru, barattoonni ishee hundinuu biyyatti deebi'anis garuu ishee-nama iccitiin isaan barsiisaa turte- waliin wal hin beekan.

Hanga ammaatti haadha barataa ishee tokko qofa argattee walbarte.

"Sagaleedhaan na beeku turan. Jalqaba sodaataa fi qaana'aa turan. Boodarra garuu sirriitti michoomne. Bilbila bannee waliin fayyadamaa turre.''