Isabel dos Santos: US biliyoonara Angoolaa irratti dhorkaa viizaa keesse

Isabel Dos Santos

Madda suuraa, TASS via Getty Images

Dubartiin yeroo tokko dubartoota Afrikaa keessaa tujaara jedhamte Isabel dos Santos, ''malaammaltummaa keessaa harka qabaachuun'' gara US akka hingalle dhorkamte.

Maqaanshee tarree Ministeerri Dhimma alaa biyyattii malaammaltummaan himatu keessa kan dhahame wayita tahu, kanaanis uggurri irra kaa'ameera.

Dubartiin ganna 48 Aaddee Dos Santos, intala pireezidantii duraanii Angoolaa José Eduardo dos Santos wayita taatu, abbaan ishees 2017 keessa aangoo gadhiisan.

Gaafa inni pireezidantii ture, isheen ammoo dhaabbata boba'aa biyyattii hoogganti turte.

Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Antonii Bilinkan akka jedhanitti, Aaddee Dos Saantos taayitaashee fayyadamuun malaammaltummaa keessatti hirmaatte. ''Maallaqa uummataa faayidaa ofiisheetiif oolchite.''

Ibsi isaanii kun malaammaltummaan himachuun alatti, Aadde Dos Saantos balleessaa akkamiin akka himatan bal'inaan lafa hin kaa'u.

Uggurri viizaa waajira isaaniitiin kaa'ames, dubartii kanaafi maatiinshee gara US akka hingalle dhorka.

Uggura imalaan alatti, qoqqobbiin maallaqaa garuu irratti hin kaa'amne.

Bara 2013 keessa barruun Forbes Aaddee Dos Santos dubartii tujaaraa Afrikaa keessaa ishee duraati jechuun ibse. Qabeenyi isheen qabdus doolaara biiliyoona 3.5 tahuu hime.

2020 keessa garuu sababa qabeenyi ishee dolaara bn1.6 tahu Angoolaa fi Porchugaal keessatti ugguramuu himuun, tarree kana keessaa buuseera.

Haa tahu malee dubartiin kun bara 2020 keessattillee doolaara bn2 qabdi jedhamee tilmaamama. Gareen gaazexeessitoota qorannoo idiladdunyaa, manneen jireenyaa kan qananiiti jedhaman magaalota Landan fi Lizban keessaa qabdi jedhu. Kana malees bidiruu qananii doolaara miiliyoona 35 baasullee dhoksaan bitatte jedhu.

Bara dabre keessa, dubartiin kun akkamiin biyyashee miidhuun qabeenyaa akka horatte, ragaalee miliqanii bahan wabeeffachuun BBCn gabaasa hojjeteera.

Kanaanis wayita abbaanshee aangoorra ture: lafa, boba'aa, daayimandii fi gama telekoomiin waliigaltee ishee fayyadu argachuun himatamti.

Ragaaleen miliqanii bahan kunniin, isheefi abbaan manaashee akkamiin qabeenya mootummaa gatii guddaa baasan, waliigaltee shakkisiisoo tahaniin akka bitan agarsiisu.

Wayita sanatti Aaddee Dos Santos himannaan isheerratti dhiyaatan kunniin gonkumaa sirrii miti jechuun, himannaalee siyaasaa mootummaa Angoolaanaa narratti banamedha jechuun waakkatte.

Tarkaanfii haarayaa US kanaaf deebii akka kennitu BBCn gaafatus, haga ammaa deebii hin arganne.