Hogganaan finciltootaa Kolombiyaa 'El Paayisaa' Venezuweelaa keessatti ajjeefame

Velasquweez hoggantoota Segundaa Markutaliyaa waliin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Velasquweez (karaa bitaan 3ffaa irra)hoggantoota Segundaa Markutaliyaa biroo waliin bara 2019 yeroo garicha hundeessan

Hogganaan duraanii garee finciltoota beekamoo Kolombiyaa haleellaa gaggeeffameen Venezuweelaa keessatti ajjeefamuu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

Hernaan Daariyoo Velaskuweez maqaa masoo isaan ammoo 'El Paayisaa' [El Piasa] jedhamee beekama. Venezuweelaa keessatti gamoo mana jireenyaa Apure jedhame keessatti rasaasan haleelamuun ajjeeffamuu gabaafame.

Ajjeefamuun isaa ifatti hin mirkanoofne garuu humni waraanaa Kolombiyaa waa'ee ajjeechaa kanaa akka hin beekne hime.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka jedhanitti loltoota biyya biraatu isa qabanii kaffaltii argachuuf jecha ajjeesuu hin hafne.

Qondaalonni mootummaa gaazexaa El Tiempotti hanga reeffa isaa arganitti ajjeefamuu isaa akka hin amanne himan.

Dubbii himaan pirezidaantii Kolombiyaa Ivaan Duquu Rooyitarsitti akka himetti waajjirri isaanii odeeffannoo dabalataa barbaada.

Gareen finciltoota Farc warra falaasama Komiyunizimii [Marxist] hordofan yoo tahan mootummaa Kolombiyaa irratti waggoota 50'f waraana jabaa gaggeessaa turanii bara 2016 ammoo dhukaasa dhaabuuf waliigalan.

Ajajaan garee kanaa Velaskuweez baay'ee kan sodaatamu yoo tahu, haleellaa hamaa gaggeessuun beekama. Bara 2003 magaalaa Kolombiyaa, Bogotaa keessatti konkolaataa irratti boombii hidhuun haleellaa dhaqqabee lubbuu namoota 36 galaafachuun 200 ol ammoo madeesse duuba ture.

Maqaa guddaa akka qabu kan barame yeroo marii nageenyaa Haavaanaatti gaggeeffametti makame ture. Yeroo sana namootni baay'een dhuguma gareen riphee lolaa kun meeshaa lafa kaa'uuf walii galan jechuun amanan.

Garuu bara 2018 waliigalticha cabsuun waggaa booda hoggantoota duraanii 'Farc' Ivaan Maarkuweez fi Jesus Saantirich waliin tahuun garee riphee lolaa haaraa 'Segunda Marquetalia' jedhamu undeessuu isaanii ibsan.

Irra deebiin meeshaa waraanaa isaanii akka kaasan labsan.

Yoo ajjeefamuun isaa mirkanaa'e garee kanaaf waggaa kana keessa miidhaa guddaa lammaffaa irra gahe tahuu isaati.

Miseensotni Farc lola irra turan 13,000 tahan bara 2016 meeshaa hiikkachuun gara paartii siyaasaa xiqqaatti ce'uun kongireensii Kolmbiyaa keessaa taa'umsa kudhan argataniiru.

Haa tahu malee naannolee Kolombiyaa keessatti loltootni 5,000 tahan hafuun mootummaa waliin waraana godhan itti fufan.

Mootummaan Kolombiyaa Venezuweelaan hoggantoota Farc'f dahoo taateetti jechuun irra dedeebiin himataa turte.

Haleellaan helikooptera pirezidaanti Duquu qabatte irratti ji'a Waxabajjii keessa gaggeeffames biyya ollaa kana irraa qindaa'e jedhame.