Kolombiyaa: 'Nama haleellaa hilikoptara pirezidaantiirratti aga'ameef odeeffannoo nu kenne nan badhaas'

Images of presidential helicopter and Colombian president after 'attack' near Venezuela

Madda suuraa, AFP

Kolombiyaan nama waa'ee haleellaa hilikooptara pirezidaantichaa irratti odeeffannoo kenneef badhaasa maallaqa biyyaa peesoos biiliyoona sadi (doolaara 796,000) akka kennitu beeksiifte.

Pirezidaantiin Kolombiyaa Ivaan Duuk osoo dhiheenya buufata xiyyaara Kukutaa kan daangaa biyyattiifi Veenzuweelaatti argamuutti dhiyaataa jiranu ture guyyaa Jimaataa xiyyaara keessa tureniitti kan dhokaafame.

Suuraaleen booda gadhiifaman akka aggarsiisaniitti rasaasni qaama hilikoptariitti urereera.

Hilikopraticha keessaas pirezidaanticha waliin qondaaltoonni motummaa olaanaanoon biraa kan turan yoo ta'u, taatee kanaanis namoonni kamu hinmiidhamne.

Haleellaa kanasGamtaan Motummootaa, Gamtaan Awurooppaa fi AMeeriikaan balaaleeffataniiru.

Ministirri Raayyaa Ittisa biyyaa Di'eegoo Molaanoo kan wayita taatee mudatuutti hilikopartiitti keessa turan, nama odeeffannoo haleella kanarratti kenneef badhaasan kenna jechuu Sanbata beeksiise.

Poolisiin biyyaaleessa ammoo dhiheenya Kaakutaatti qawweewwan lama, AK-47 fi 7.62 jedhaman kan haleellaa raawwatameen itti fayadamamaniiru jedheen argachu beeksiise.

qawween gosa 7.62 '' mallattoo Hunnootii Hidhattoota Veenzuweelaati'' jedheera Dureen poolisii biyyaaleessaa Janaraa Joorji Vaargaas.

''Ittigaafatamtoota hordofaa jirra. Hanga to'annuuttis duubatti hindeebiinu'' jedhaniiru toora tiwiitara irratti.

Hilikoptara rasaasaan rukkutamte

Madda suuraa, Presidency of Colombia/Reuters

Eenyuu haleelaa kana akka raawwante hin baramne.

Haleellicha dura Mr Duuk qophii bulchiinsa Kaataatumboo keessaa tokko irratti hirmaataa turan. Naannichi daangaa Kolombiyaafi Veenzuweelaa jidduutti kan argamtu yoo ta'u, bal'inaan baala sammuu adoochii kan ta'e 'coca' keessa biqila.

Kolombiyaan biyya ollaa Veenzuweelaan riphee loltoota deeggarti jedhuun himataa kan turte yoo ta'u, biyyattiin garuu kana hinfudhattu.

Erga Mr Duuk bara 2018tti gara aangootti dhanii kaasees walitti dhufeenyi dippilomaasii biyita lamaanii adda citeera.

Waraanni Bilisummaa Biyyaaleessaa Warra Leefti (ELN) jedhamuufi garee finciltaa Kolombiyaa guddicha ta'e, bulchiinsa Kaataatumboo keessa socho'a.

Jalaba baatii kanaattis ELN haleellaa boombii konkoolaata kan buufata waraanaa Kaakataa irratti qaqabee keessaa harka qabaachu haalee ture. Haleellaa sanaanis gorsitoota waaraanaa Ameeriikaa lama dabalatee namoota 36 irra miidhaan qaqabee ture.