Nageenyi namoota siyaasaa mana hidhaa jiranii 'yaaddoo jabaa' nutti uume - Maatii fi Abukaatota

Madda suuraa, Jawar Mohammed/FB
Waggaa tokkoon dura ajjeechaa wellisaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee namoonni siyaasaa yeroo adda addaatti too'atamanii mana hidhaa jiran, yeroo biyyi waraanarra jirtu kanatti nageenyi isaanii haalan akka isaan yaachise himu maatii hidhamtootaa.
Haati warraa Obbo Baqqalaa Garbaa Aadde Haannaa Raggaasaa dhimma kanarratti gaaffii fi deebii BBC waliin taasisan, mana hidhaa Qaallittii kan jiran abbaa warraa isaanii fi Obbo Jawaar Mohaammad dabalatee nageenyi hidhamtoota kaanii irratti yaaddoo akka qaban himu.
Ka'umsi yaaddoo nageenyaa hidhamtootaa kun ammoo ta'ii A.L.I Sadaasa 9 bara 2014 mana hidhaa Qaallittiitti ta'erraa akka maddus dubbatan.
Sadaasa 9 galgala mana hidhaa Qaallittiitti maaltu ta'e?
Akka aadde Haannaan jedhanitti, Sadaasa 9 bara 2014 galgala keessaa naannoo sa'aatii 2 fi daqiiqaa 40 irratti namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne konkolaataa lamaan dhaqanii mana hidhaa Qaallittii erga seenaniin booda iddoo Obbo Jawaarfaan itti hidhaman gaafatan jedhu.
"Galgala saatii 2 fi daqiiqaa 40 irratti namoota makiinaa lamaan dhaqaniitu mana hidha Qaallittii olseene. Gaafa olseenan warri eegumsa mana hidhaa suni eenyummaa namoota kanaa, maaliif akka dhufanis hin beekan. Poolisoota eegumsaa waliin walmormaa turan" jedhan.
Odeeffannoo kana Aaadde Haannaan Abbaa Warraa isaaniitiif nyaata geessuu yeroo deemanitti akka isaanirraa dhagahanis himan.
"Hogganni mana hidhichaa yaamamee dhufee jennaan innis namoota kana hin beeku. Maaliif sa'aatii malee dhuftan? Eenyutu isiniif heeyyame? jedhanii gaafannaanis 'hojiidhuma keessan ilaaluuf dhufne' jedhanii akka deebisaniifis" himu.
Namooti konkolaataa lamaan dhaqan kunneen bakka Jawaarfaan itti hidhamanii jiran ilaaluuf gaafatanis bulchiinsi mana hidhichaa sa'aatii kanaan eenyuuniyyuu isin hin agarsiisnu jedhanii waan didaniif dhumarratti mooraa mana hidhichaa gadi dhiisanii akka bahan hidhamtootarraa odeeffadheera jedhan Aadde Haannaan.
Abukaatoo hidhamtootaa keessaa tokko kan tahan Obbo Tuulii Baayisaa gamasaaniin, ta'iin Kamisa darbe ta'e kun yaaddoo jabaa kan uume ture jedhan.
"Kamisa daarbe kana namoonni poolisii federaalaa fi humna tikaa biyya kanaa irraa dhufne jedhan makiinaan mana hidhaa sanaa balballi banameefii yoo olseenu makiinichuma hordofanii gara mooraa seenan. Akkuma seenaniin ammoo Jawaarfaa eessatti hidhaman? jedhanii wardiyyoota gaafatani," jedhan.
Yeroo sanatti Hoggansa mana hidhichaa fi qaamolee alaa dhufan kana gidduutti mormiin uumamee akka turee fi haalli akkanaa ammaan dura uumamee akka hin beeknelleen himu Obbo Tuuliin.
"Manni hidhaa sun mataansaayyuu bakka eegumsa olaanaa jala jirudha. Bakka kana namni akkuma salphaatti heeyyama malee galgala sa'aatii 2 booda seenuun sirrii miti, seeraan alasi. Namoonni kunneen hin qoratamnesi," jedhan.
"Silaa manni sirreessaa sun namoota kana too'atee eenyu akka isaan ta'an, maaliif akka dhufan qoratee ifa gochuun, yoo yakkaan wanti isaan gaafachiisu jiraates gaafatee qulleessuu qaba ture malee namoota kanneen akkanumatti gadhiisuu hin qabu ture." jedhan.
Sababa isaan gadhiifamaniif maamiltoonni keenya, 'namootni kun as seenanii maqaa keenya dhahanii nu gaafachuun isaanii nagaadhaaf kan dhufan miti, nageenyi keenya yaaddoo keessa jira' jechuun nutti himaniiru jedhan Abukaatoon hidhamtootaa kun.
Ta'ii Kamisa darbe galgala mana hidhaa Qaallittiitti ta'e jedhamee fi hidhamtootaa fi maatiitti yaaddoo uume kana qulqulleeffachuuf bulchiinsa manneen sirreessaa dubbisuuf yaaliin BBCn taasise hin milkoofne.
Deetaan miniteera Haqaa Federaalaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa, namoota dahoo seeraa jala jiraniif mootummaan eegumsa gahaa gochuuf dirqama qaba, kunimmoo tahaa jira jedhan.
Haata'u malee waan mana hidhaa Qaallittiitti ta'e jedhame kana ilaalchisee odeeffannoo akka hin qabnee fi bulchiinsi mana sirreessichaa waan deebii itti kennuu qabudhas jedhan.
Yeroo biyyattiin fincltoota TPLF fi WBO waliin waraana irratti argamtu kanatti namoonni siyaasaa, kanneen Qaallittii jiraniin alattis, qondaalonni ABO mana hidhaa Galaan keessa jiranis yaaddoo nageenyaa walfakkaataa akka qaban Obbo Tuuliin BBC'tti himaniiru.













