Gaazexeessitoonni afur naannoo Somaaleetti hidhaman mana murtiitti dhihaatan

Televijiiniin Naannoo Somaale keessatti hundaa'e Nabad Tv jedhamu torban kana keessa erga cufame booda gaazexeessitoonni dhaabbatichaa afur Jimaata Sadaasa 03, 2014 mana murtiitti dhihaataniiru.
Dhaabbati kuni Ministira Dubartootaa, Daa'immaniifi Dargaggoo duraanii Filsan Abdullaahiidhaan kan hundaa'edha. Abbummaan isaas qondaala kana jala akka ture himama.
Sababni cufamee fi gaazexeessitonnii isaas kan hidhaman immoo sagantaa dabarseen akka ta'e ibsameera.
Waggaa sadii dura BBC waliin turtii kan taasisan Aadde Filsan walitti bu'iinsa hawaaasa Oromoo fi Somaalee jidduutti uumame bu'uura godhachuun Tv Nabad jedhamu akka hundeessuu himanii turan.
Walitti bu'iinsa ummattoota obbolaa ta'an ummata Oromoo fi Somaalee giddutti uumameef rakkoo kan ta'an keessa tokko hanqina odeeffannoon gahaa ta'e jiraachuu dhabuusaati jedhanii turan.
Rakkoo kanaaf furmaata ta'a jechuun biyya jiraatan Ingiliiz irraa gara Jigjigaatti deebi'uun odeeffannoo sirrii ta'e hawaasaa biraan gahuuf buufata televizhiinii hundeessuuf akka murteesan himan.
Aadde Filsan mootummaan MM Abiy kaabinee isaanii haaraa bara 2014 osoo hin beeksisin dura fedhii isaaniin aangoo isaaniirraa ka'u ifatti kan beeksisan.
Akka Waldaan Gaazexeessitoota Somalee BBC'f ibsetti gaazexeessitoonni kunneen gaafa Sadaasa bultii 01, 2014 to'annoo jala oolan.
Gaafas hojii gaggeessaan dhaabbatichaa akkasumas abbaan Aadde Filsan to'annoo jala oolaniis bulee hiikamuun isaanii ibsameera.
Manni murtii gaazexeessitoota afur poolisiin naannichaa dhihesseefi guyyoota qorannoo dabalataa gaafateef guyyoota 10 kenneera.
Gaazexeessitoonni kunneen erga hidhamanii booda haala nageenya isaanii hubachuuf gara buufata poolisii adeemuufi haqni saffisaan akka isaaniif kennamu waldichi gaafateera.
Qabiyyeen sagantaa kanaa maali?
Hooggantuun waldaa gaazexeessitoota Somalee Ayaan Shukrii Osmaan gaazexeessitoota hidhaaf akkasumas dhaabbatichi akka cufamu sababa kan ta'e sagantaa tokkodha jetteetti.
''Akka waldaa gaazexeessitootattii sagantaa tokkoof jedhamee dhaabbaticha cufuunis ta'e gaazexeessitoota hidhuun sirriidha jennee hin yaadnu,'' jechuun BBC'tti himte.
Dhimmichi tarkaanfii bulchiinsaan furmaata argatuu qaba jechuun himte.

Madda suuraa, Nabad tv
Gaazexeessitoota waamanii dubbisuu, xalayaa akeekkachiisu kennu, yookiin sagantaa qileensarra bahef sirreeffama dalaguu gochuun dursuu qaba ture jechuun dubbatti.
Tarkaanfiin kuni walabummaa miiidyaa naannichatti daraaraa jiru ni hacuuca jechuun waldichi yaaddoo isaa ibseera.
Kanneen hidhaman akka hiikamaniifi dhaabbatichis hojii isaa akka eegalu gaafateera.
Sagantaan darbe jedhameefi gaazexeessitoota hidhaa buuse kuni yaada dhalattoota naannichaa walitti qabameefi waa'ee qooda naannolee Itoophiyaa biroo keessa qaban kan ibsudha.
Waliigala qabiyyeen isaa ''Naannoon Somaalee naannolee Itoophiyaa keessa jiranirraa nagaa kan qabudha. Naannolee kamirraayyuu dhufuun Naannoo Somaalee keessa namoonni ni dalagu. Somaalonni garuu naannoo kaan deemanii hin dalagan,'' kan jedhudha.
Dhaabbanni televijinii kuni naannichatti miidiyaa televizhinii dhuunfaa tokkicha yoo ta'u hawaasa Afaan Somaale dubbatu bu'uura kan godhatedha.












