Ayishaa Yerimaa: 'Maalif akkan Boko Haaramitti deebi'eefi akkaataan itti miliqe'

Madda suuraa, A T Nwaubani
Seenaa dubartii milishoota Islaamistii Boko Haaram waliin Kaaba Baha Naayijeeriyaatti bosona keessa jiraachaa turtee gaazexeessituufi barreesituu Afrikaa Trisia Niwawubani yaalii dheeraan booda kan dubbistee qindeesitedha.

Jalqaba waraanaan harka milishoota Boko Haram irraa kan gadhiisifamte Ayishaa Yeriimaa, bara 2017 fedhii isheetiin gara garee kanaatti yoo deebitu maatii ishee hedduu rifaasisee ture.
Dubartiin ganna 30 kun waggaa afuriin booda ammoo garee kana jalaa miliquun mana maatiishee magaala guddoo Boornoo, Ma'iduguriitti deebiteetti.
Ayishaan jalqaba garee kanaan kan butamte yeroo umriinshee ganna 21 ture kibba baha Ma'iduguriitii yoo ta'u, erga garee kanaan butamtees komaandera garee kanaa keessaa tokkotti heerumtee ture.
Akka isheen jettutti, komaanderri garee Boko Haaram kun jaalalaafi kennaawwan kennuufin onneeshee booji'eera.
Yeroo waraanni mootummaa kaampii garee kanaa kan bosona Sambisa keessa jirurratti haleellaa banu Ayishaa fi dubartoonni haadha warraa ta'an hedduun garee mootummaatin bilisa bahan.
Dubartoonni garee Boko Haaram jalaa baraaraman kunneen waggaa tokkoof sagantaa dandamachiisuu jala akka turan ta'e. Ji'a afuriin booda Ayishaan Garuu jireenyi Garee Boko Haaram biratti fooyya'aa akka ta'e hubaatte.
"Jireenyi hedduu natti ulfaate, wanti hundi naaf salphaa hin turre. Sanirratti maatii kiyyarrattin hirkattuu ta'e," jetti Ayishaan.
Daa'ima ishee kan umurii waggaa lamaa kan Komaandara waraanaa Boko haram irraa deessee fi ishee waliin garee sana jalaa baraarame nyaachisuunuu hedduu itti ulfaatee ture.

Madda suuraa, AFP
"Abbaa manaa kiyyatti bilbileen itti hime. Innis kana narraa dhagahuu isaatti hedduu gammade. Yeroo itti aanu boba'a bituudhaaf gara Ma'iduguri akka dhufuu fi yeros akka walarginus waliigalle" jetti.
Guyyaa beellama isaaniis daa'imashee fi waan qabdu muraasa qabattee maatii isheettis osoo hin himin baatee deemte.
Simmannaa dhukaasan dabaalame…
Bakka dhokataa ta'etti abbaa manaasheetiin erga walargiteen booda inni maallaqa kenneefii uffata haara bitatte. Ergasii naannoo galgala saatii 1:30 bakka dhokataa ta'e tokkotti abbaan manaashee kuni milishoota 20 tahan wajjin otobisa keessatti eegee walargan.
"Hundi isaaniituu akka malee hidhatanii jiru" jechuun waa'ee milishoota abbaa manaashee waliin turaniis dubbatti.
Gara bosona Sambisaatti konkolaataadhaan imala dheeraa erga godhaniin booda bakka gaaraajii tokkotti konkolaaticha namicha tokkotti kennanii imala hafe miilaan itti fufan.
"Yeroo kaampii keenya geenyu simannaa hoo'aatu ture. hundi isaaniituu deebi'ani na arguu isaaniitti hedduu gammadanii rasaasa gara samiitti dhukaasaa turan." Jetti Ayishaan.
Ergasii akka haadha warraa Komaanderichaatti jireenya idilee isheetti deebite. Dubartoonni biroos akka gargaartuu isheetti qacaramaniifii ofii fi mucaashee akka gaariitti jiraachisuu eegalte.
Akka bakkichatti deebiteen ulfaa'uu isheetti hedduu gammadde. Garuu daa'imnishee kuni da'umsarratti jalaa du'e.
Abbaan manaashee ammoo yeroo isheen ulfa ji'a lamaa turte dirree waraanaatti jalaa ajjeefame.

Madda suuraa, AFP
Milishoonni bakkicha turan mucaan isheen garaadhaa qabdu kuni qabeenya abbaa isaa qooddachuuf mirga akka qabu waan beekaniif hanga daa'imni kuni dhalatutti qabeenyi abbaa warrashee kuni akka hin qoodamne godhanii ture.
"Osoo qoodinsa qabeenyaa hin raawwatin dura Daa'imni dhalatu kuni dhiira moo dhalaadha kan jedhu beekuu qabu ture. Sababnisaas dhiira yoo ta'e dachaa kan dubartii argata wan ta'eefi" jetti.
Daa'imni isheen deesse suni dhiira ture. garuu haala nama gaddisiisuun nidu'e. Ayishaan hedduu gaddaan miidhamte.
Akka Heerumtuuf Dirqisiifamuu…
Ayishaan qabeenyi abbaa warraashee qoddatte ishee fi mucaashee jiraachisuuf gahaa ture. garuu garee kaan irraa inaaffaa itti uume.
"Of dandeessee maaf qofaa jiraatta jedhanii nagaafatu. Ani nama kamittuu heerumuu hin barbaadu isaan garuu nadirqisiisan" jetti.
Abbaan warraa haaraan Ayishaa fuudhe kunis qabeenya guddaa nama qabudha. Nama daldalaa, kan omishaalee garee boko Haramiif dhiheessuu fi yeroo yeroodhaan Ma'iduguritti deddeebi'udha.
Abbaa warraa ishee haaraa kanaaf yeroo ulfooftes ammalleen bosona kana keessatti daa'imni dahu najalaa du'uu waan danda'uuf gara magaala ma'iduguriitti galla jettee gaafannaan abbaan wararashee kuni nidide.
Fedhiin bakkichaa bahuushee kan dabale ammoo yeroo hidhattoonni mootummaa garee kana irratti haleellaa fi boombii darbachuu hammeessaniifi yeroo yeroodhaan bakkaa bakkatti socho'uun dabalaa dhufedha.
Keessumaa ammoo Gareen Bokko haram bakka lamatti walqooduun dhibdeen garee lamaan gidduu jiru hammaachaa gaafa dhufu ulfa garaa qabdu kana waliin akka hin miidhamneef waan sodaatteef miliquuf murteessite.
Ji'a Hagayyaa keessa guyyaa tokko ganama sa'aatii 3'tti mucaa ishee fi haadhotii warraa lama biroo waliin bosona keessa miliquuf yaalanis garee Boko Haramin too'atamanii kaampitti deebifaman.
Ayishaan lammata miliquu akka hin yaanneefis Abbaan warraashee fi milishoonni biroo mucaa Ayishaa kan Ganna Jahaa kana fuudhanii bakka hin beekamnetti jalaa dhoksan.
"Yeroo mucaa kiyya harkisanii narra adda baasan mucaan kiyya iyyaa ture. harmee, harmee nadhiistee hin deemin, nadhiistee hin deemin jedhee boo'aa ture" jetti.

Madda suuraa, Getty Images
Guyyoota hedduudhaaf mucaa ishee kana barbaadaa, milishootnis akka deebisaniifif gaafattus dhamaatiin ishee kuni bu'aa waan hin buusnef yeroo carraa argattu mucaa ishee achumatti dhiistee miliquuf murteessite.
Miliqqaa fi Garraamummaa …
Milishaan karaa beeku tokko maallaqa kaffalaniifii jennaan ishee fi dubartoota biroo hedduu bakka Sanaa baasuu akka danda'u itti hime.
Ayishaanis maallaqa qabdu hundumaa kenniteefi. Torbee tokkoon boodas milishaan kuni dubartoota kana fuudhee qaxanaa milishootaa keessaa erga baaseen booda bakka ofii isaanitiif itti imaluu danda'anii fi hidhattoota mootummaas argachuu dandahaniin gahee deebi'e.
"Loltoonni namoota gaarii turan.miliqee dhufuu kiyaaf akka jaba ana jejanii maallaqa ittiin konkolaataa qabadhulleen naaf buusani nagaggeessan" .
Yeroo Magaala Ma'iduguri geessettis magaalattiin kan isheen beekturraa hedduu itti jijiiramte. Riqichoonnii fi daandiwwan walqaxxaamuroon hojjetamaniru. Kanaaf konkolaachisaadhaan naa dhaabi jetteenii harmee isheetiif bilbiltee kallattii mana isaanii gaafatte.
Maatiin hundi karratti yaa'ee ishee simate. Itti maramanii dhungatan.
Erga deebite kanaa namni hundi garraamummaa isheef agarsiise. Hunduu ishee gargaara. Olloonni isaaniis maallaqa walitti buusanii kennaniifi. Ta'us daa'imni ishee ji'a Onkololeessaa keessa deesse ammas jalaa du'e.
Hanga ammaatti abbaa warraa isheerraa qulqulleeffachuu baattus abbaan warraashee dhibdee garaa Boko Haram gidduu jiruun qabamee hidhameera kan jedhu dubartoota ishee booda miliqanii dhufanirraa dhageesseetti. Carraan isaa maal akka ta'us hin beektu.
Ayishaan amma jireenya ishee bifa haaraan eegaluun daldala shittoo irratti bobba'uuf maallaqa walitti qabachaa jirti.
"Mucaan koo akka Nagaa naaf ta'uuf Allah nan kadhadha. Garuu lammata gara Boko Haram hin deebi'u" jetti Ayishaan.
















