Naayijeeriyaan hogganaan Islaamik Isteet - IS Lixa Afrikaa ajjeefamuu beeksifte

Otoo hogganaa garee ISWAP hin ta'iin dura, Barnaawiin akka dubbi-himaa Bookoo Haraam ta'ee tajaajilaa ture

Madda suuraa, BOKO HARAM VIDEO

Ibsa waa'ee suuraa, Otoo hogganaa garee ISWAP hin ta'iin dura, Barnaawiin akka dubbi-himaa Bookoo Haraam ta'ee tajaajilaa ture

Waraanni Naayijeraa hogganaan gartuu Islaamik Isteet Lixa-Afrikaa Abu Musaab al-Barnaawi ajjeefamuu beeksise.

‘’Du’eera, achumaan du’ee hafa,’’ jedhe qondaalli waraana Naayijeeriyaa Jeneraal Laakiiy Iraboor.

Jeneraal Iraboor haala Barnaawiin itti ajjeefame odeeffannoo bal’aa garuu hin kennine.

Ajjeefamuun Barnaawi jalqaba ji’a Fulbaana keessa yeroo jalqabaaf gabaafamee ture.

Islaamik Isteet Dhiha Afrikaa (ISWAP), ajjeefamuu hoggaana himame kanarratti yaada homaa amma yoonatti hin kennine.

Gartuun Islaamik Isteetiin Dhiha Afrikaa erga hogganaan Bookoo Haraam Abubakar Shekaawu jalqaba bara kanaatti ajjeefame as, jihaadistoota Naayijeeriyaa hamoo akka ta’anitti yaadamu.

Yeroo sanarraa qabee hidhattoonni Bookoo Haraam kumaatamatti lakkaa’aman gartokkeen waraana mootummaatti harka kennatan, kaan ISWAP harka kennatan.

Barnaawiin eenyu?

Barnaawiin umriin isaa meeqa akka ta’e fi maal akka fakkaatu waa’ee isaa waan muraasa qofatu beekama.

Wayita dhalatu Habiib Yuusuf jedhame beekama ture, ilma hangafa hundeessaa Bookoo Haraam Mohaammad Yusuuf akka ta’etu amanama.

Akka nama ilaalcha giddugaleessa ta’e qabu tokkootti ilaalama kan ture yoo ta’u, imaammata Bookoo Haraam kanneen akka ijoollee akka badee-baleessatti itti gargaaramu fi muslimoota cunqursuun, irratti qiyyaafachuu simachuu didaa ture.

Erga abbaan isaa bara 2009 to’annoo poolisii jalatti du’e booda, Abubakar Sheekawu akka hogganaa garee sanatti muudame.

Barnaawiin akka dubbi-himaa garee Bookoo Haraamitti tajaajileera, taatullee Sheekufi hoggaantoota garichaa gameyyii waliin wal loluun gara garee Ansaru jedhamu- garee Bookoo Haraamirraa foxxoqefi al-Qaayidaatti hidhata qabutti dabalame.

Gareen hidhattootaa kun adda addummaa qabaatanillee, yeroo sanatti walitti dhufeenyas ni qabu.

Gareeen Bookoo Haraam sadarkaa idil-addunyaatti akka beekamuuf jecha Abubakar Sheekun bara 2015 garee IS wajjin hidhata uume.

Waggaa tokko booda IS Barnaawi akka bulchaa Bookoo Haraam haaraatti moggaasun keessoo garichaatti waldhabbii uumee ture.

Jijjiramni hoggansaa waldhabbii ilaalcha Sheeku fi hoggansa giddugaleessaa IS gidduutti uumuu hin oolle jedhu xiinxaltoonni.

Gaazexaan IS al-Nabaa jedhamu af-gaaffii Barnaawi waliin taasise bara 2016 maxxansee ture.

Barreeffama sana keessatti gareen isaa biyyoota Lixa Afrikaa waliin loluun faallaa ‘’duuka bu’ummaa fi kiruuseediiti’’ jedhee ture.

Akka hogganaa garichaatti kiristaanota ajjeesuufi manneen waldaaleen kiristaanaa akka gubaman ajajuuf doorsiisera.

Haata’u malee, akka tarsiimoo haaraatti haleellaa masjiidota fi iddoo gabaatti qaqqabu hambisuuf waadaa seenee ture.

Jijjiirama hoggansa kana garuu namni hundii sirriidha jedhee hin simanne ture, Abubakar Sheekun fonqolcha aangoo narratti kakkaase jechuun himatee ture.

Sababii kanarra ka’een hidhattoonni IS’f amanamoo ta’an ISWAP tti wayita dabalaman, Sheekun garuu akka hogganaa Bookoo Haraamitti ture.