Faransaayitti godaantotni sadii baaburaan rukutamanii du'an

Madda suuraa, Getty Images
Godaantota afur daandii baaburaa baadiyyaa Faransaay keessa jirurra ciisaa turan baaburaan rukutamanii sadii du'anii tokko madaahe.
Kantiibaan naannichaafi Poolisiin akka himanitti godaantotni kunniiin qarqara biyyattii dhiyeenya Biarritz jedhamutti Wiixata ganama wayita balaan kun qaqqabu hadiida baaburaarra ciisaa turan.
Poolisiin qorannoo gaggeessa kan jiru yeroo ta'u, haalli du'a godaantota kanaa ammatti ifa hin baane.
Kantiibaan magaala Ciboure naannichi ulaa godaantotni keessa socho'an akka ta'e dubbataniiru.
Kantiibaa Enook Aldaanaa-Da'uut TV BFM jedhamuuf yoo himan godaantotni kunniin hadiida baaburaarra ''rafaa ykn ciisaa'' turan jedhan.
Poolisiin eenyummaa godaantota kanaa adda baasuuf yaalaa jira, barruun Parisian jedhamu ammoo hundi isaaniiyyuu lammiilee Aljeeriyaati jedha.
Namni balaa kana jalaa lubbuun oole, miilli isaa cabee waan jiruuf hospitaalatti geeffamuu abbaan alangaa tokko AFP'tti himeera.
Balaan kun ganama barii dhiyeenya daangaa Ispeenitti argamuu buufata baaburaa Saint-Jean-de-Luz irraa meetira 500 fagaatee bakka argamutti qaqqabe.
Tajaajilli baaburaa sa'aatiiwwan muraasaaf erga adda citee booda deebi'ee eegaleera.













