Magaalaa sirni alaabaa fannisuu fi buusuu ummataan itti aadeeffame

Magaalaa Dasee

Magaaloota biyyattii umurii dheeraa qaban keessaa tokko kan taate Daseetti alaabaa kabajaan adabaabaayii irratti fannisuufi buusuun waan barameedha.

Magaalatiitti guyyaa guyyaan ganamaafi galgala sirna alaabaa fannisuufi buusuu raawwachu erga eegalte waggoota hedduu ta'eera.

Sirni kun kan kabajamus magaalatiitti bakka jiddugala Piyaasaa jedhamutti.

Piyaasaan hadhuura magaalaa Dasee yoo ta'u, sochiin konkolaataafi namootaas heddudha.

Utubaawwan alaabaa adabaabaayi Piyaasaa keessa dhaabbatan lamatu jira. Tokkoosaatti alaabaan naannoo Amaaraa yoo fannifamu, isa tokkotti ammoo alaabaa mootummaa federaalaatu fannifama.

Yeroo hundas ganama barii sa'aatii 12 irratti miseensonni poolisii alaabaa fannisan adabaabaayichatti argamu.

Fiishikaan ni afuufama. Isaan booda konkolaataa ta'e kan miilaan imalaa ture hundi bakka jiru dhaabbatu. Isaan booda sirni alaabaa fannisuu ni raawwatama.

Ganamarra namoonni baayyeen jiraachu baatanis kun guyyaa guyyaan ni raawwatama.

Galagalas sa'aatii 12tti haaluma kanaan alaabaan buufama. Alaabaawwan lamaanu (kan naannoofi motummaa federaalaa) kan fannifamaniifi buufaman ala tokkichatti.

Sirni alaabaa kun yoom eegale?

Jiraataa magaalaa Dasee kan ta'aniifi maanguddoon waggaa 60, sirni alaabaa kun waggoota 50f yoo raawwatamu akka beekan dubbatu. Garuu ammoo sirnichi yoom akka eegale sirriitti hinbeekan.

Piyaasaan kan sirni alaaba itti raawwatamuufi waajjira qajeelcha poolisii Godina Walloo Kibbaatti argamu kunis kan hojjatame bara Xaaliyaanitti ture.

Alaabaan waajjira poolisii irratti fannifamutu ture. Alaabaan wayita fannifamuufi buufamuutti miseensonni poolisii uffata dambii uffachuun tiraampeetii kan xurumbaa fakkaatu qabachuun sirna erga raawwataniin booda akka raawatamu kan yaadatan ta'u himu jiraataan kun.

Jiraataan kun akka jedhaniitti, yeroo sanatti namni alaabaa fannisuufi buusu filatamee qophaa'a ture. Kanaafis nama qaxalee fi hawwataa ta'etu filatama ture jedhu.

Namni akkasiin filatame kunis ganama alaabaa baasuun galgala buusa ture.

Wayita sirnichi raawwatamuttis ''lubbuu qabeeyyiin naannoo Piyaasaatti argaman hundi konkolaataa dabalate ni dhaabbatu''.

Isaan boodas poolisiin sirnicha raawwatu fiishikaa afuufuun xumuramu beeksiisa. Isaan booda hunduu gara barbaadaniitti socho'u eegalu. Haala kanaanis sirnichi waggoota dheeraaf itti fufeera.

''Booda keessa bakki qajeelchi poolisii irra ture sun haala hinbeekamneen liiziin gurgurame,'' kan jedhan jiraataan kun, eddoon sunis amma lafa daldalaa ta'u himu.

Qajeelchi poolisii bakka biraatti dabarfamus sirnni alaabaa addaan hincinne.

Yaalii dargaggoota magaalattiitiin adabaabaayi Piyaasaatti argamuutti bakki alaabaan itti fannifamu qophaa'uun sirnichi itti fufe.

Jidduun garuu dhimmi alaabaa fannifamu irratti wal dhabdeen umamuun adda cite akka ture kan yaadatan jiraataan kun, rakkinicha irratti mariin erga taasifameen booda sirnichi ammas itti fufuu dubbatu.

Obbo Darajja Hunanyaawu magaalaa Dasee jiraachu erga eegalanii waggaa 10 lakkoofsiisaniiru. Waggoota achi jiraatan kurnan kanneen keessattis wayita sirni alaabaa kun raawwatamu arganiiru.

Isaanis konkolaachisaa ta'e osoo miilaan imalaa jiranu akka tasaa sirnicha irratti hirmaataniiru.

Gara jalqabaa namoonnii fi konkolaattoonni dhaabbatanii yoo arganitti bitaa itti galee ture.

Dhimmisaa galuuf baatulleen hunduu dhaabbatee isaan qofti deemuun gaari waan hintaaneef caliisanii dhaabbachu dubbatu. Booda garuu sirna alaabaa ta'u akka hubataniifi miira gammachu akka itti uumee yaadatu.

''Amma yeroo tokko tokko yeroon yoo gahu gara bakkichaa deemuuman hirmaadha. Carraan kunis mana barnootaatti yoo hintaane eessatti argama?'' jedhu Obbo Darajjeen.

Qajeelcha Poolisii magaalaa Daseetti ittigaafatamaan kutaa Ittisa yakka idil-addunyaa, ittaanaan Komaandaraa Geetaachoo Muheeyam, sirna kana waggaa 20 oliif akka beekkan dubbatu.

Isaanis sirnichi waggoota dheeraaf turuu malee yoom akka eegalee sirriitti hinbeekan.

Walumaagalatti ''kan duraan abbootii keenyaan eegalameedha'' jedhu.

Sirna kabaja Alaabaa

Sirnichi waajiira poolisii Piyaasaa ture irraa dhalootaatti darbaa kan dhufe ta'u dubbatu komaandarri kun.

''Miseensoonni poolisii gara bakkichaa deemuun erga alaabaaf nagaa dhaamanii booda fiishikaa afuufu. Konkolaachisaas ta'e kan miilaan imalu hunduu ni dhaabbata. Kunis kan hawaasa biratti barameedha,'' jedhu komaandar Geetaachoon.

''Miseeensoonni poolisiifi raayyaa ittisa Itoophiyaa duraanii sirnicha kabajuuf Piyaas kan dhufan turan''

Komaandar Geetaachoon akka jedhaniitti, sirna alaabaa fannisuu fi buusuu irratti kan argaman kan miilli qaqqabsiisee qofaa osoo hintaanee itti yaaduun yeroo eeggattanii gara sana kan dhaqanilleen jiru.

Miseensoonni poolisiifi raayyaa ittisa biyyaa duraanii sirnicha ilaaluu barbaadan barii sa'aatii 12tti Piyaasaatti argamu turan.

''Sirna akkasii magaaloota biraatti hanga ammaatti hinagarre,'' kan jedhan Komaandar Geetaachoon, jaalallii fi kabajni Magaalaa Dasee keessatti mul'atu kunis akka hammbaatti waan eegamu qabaatudha jedhu.

"Duri adaraa ayyaana alaabaa jedhama ture.''

Jiraataan magaalaa Dasee kunis sirni alaabaa adabaabaayiirrati raawwatamuun jaalala alaabaa, biyyaafi tokkummaa uuma jedhu.

''Dur jaalalaafi kabaja alaabaaf ture irraa ka'uun adaraa ayyaana alaabaa jedhama ture. Kunis alaabaan kan hundaa waan ta'eef, sanyii, amantaa, hiyyeessa, dureessa... jechuun waan hin yaadneef ture'' jedhu.

Sirni kunis dhiibbaa taasisuun osoo hintaane fedhiifi jaalala ummataatiin kan raawwatamu ta'u kaasu jiraataan kun.

Yeroo garaa garaatti sirnicha irratti hirmaachu kan himan jiraataan kun, ''keessummooni tokko tokko kana yoo argan bitaa itti gala. Booda garuu ni dhaabbatu. Ta'us kana gochusaaniitti komiin dhiyeessan hinjiru,'' jedhu.

Yaada jiraataa kana Komaanda Geetaachonis ni qooddatu.

Jiraataa qofa osoo hintaane miseensoonni poolisii ramadamuun ganamaafi galgala sirnicha raawwatanis gammachuu hojiisaanii hojjatu jedhu.

''Keessummoon akka tasaa sirna kana irratti argamanis jaalalaafi kabaja hawaasni Dasee alaabaas qabuu ni dinqisiifatu,'' jedhu Komaandar Geetaachon.

Kana malees, ''hawaasnichi jaalala alaabaa qaba. sirnichi ganamaa fi galgalaan biyyaafi tokkummaa keenya yaadachuu kan mul'isuudha,'' jedhu.

Sirni ummataan adabaabaayiitti galgalaafi ganama kabajamu kunis hawaasicha biratti miira biyyaa, kaayyoo alaabaa fi tokkummaa uumeera jedhu jiraattoonnif Komaandar Getaachoon.