Gamtaan Awurooppaa bilbila mobaayilaa hundaaf chaarjariin akka walfakkaataa ta'u murteesse

Komishiniin Gamtaa Awurooppaa bilbila mobaayilaafi meeshaalee elektirooniksii xixiqqaa ta'aniif chaarjariin walfakkaataafi hunda galeessa ta'e akka hojiirra ooluuf murtee dabarse.
Akka seera haaraa Gamtichaa kanatti omishtoonni gabaa Awurooppaatiif dhiyeessan chaarjarii mobaayila hundaaf tajaajiluu danda'u dirqama omishuu qabu.
Gamtaan Awurooppaa murtee kanarra kan gaheef namoonni yeroo bilbila mobaayilaa haaraa bitatan chaarjarii duraan qabu turan fayyadamuu akka danda'an taasisuun faalama naannoorra gahu hir'isuudhaaf jedhameera.
Akka murtee kanaatti bilbilawwan gabaa Awurooppaaf dhiyaatan hundumtuu chaarjarii USB-C jedhamu qabaatu jechuudha.
Kaampaniin Apple ammoo murteen akkasii kun dandeettiifi fedhii waa kalaquu miidha jechuun akeekkachiiseera. Bilbilawwan iPhone kan omishu Apple chaarjarii Lightning jedhaman fayyadama.
Bilbilawwan mobaayilaaa sisitemoota Andirooyid fayyadaman akka Saamsang ammoo chaarjarii USB micro-B jedhamuun beekamu fayyadamu. Bilbilawwan mobaayilaa muraasni ammoo chaarjarii USB-C jedhamu fayyadamu.

Omisha Apple kan ta'e Ipad fi kompitaroonni MACBook, akkasumas dhiyeenya gabaaf kan dhiyaatan bilbilawwan baayyee ammayaa Samsang fi Huwaawee chaarjeroota USB-C ni fudhatu.
Hanga bara 2018tti gabaa Gamtaa Awurooppaatiif bilbilawwan dhiyaatan keessaa walakkaatti kan siqan chaarjarii USB micro-B kan qaban yoo ta'u, harka dhibba keessaa 29 kan ta'an ammoo USB micro-C yoo fayyadaman, harka dhibba keessaa 21 kan ta'an ammoo Lightning fayyadamu ture.
Amma Gamtaan Awurooppaa qajeelfama dabarseen bilbilawwan mobaayilaa, taabileetiiwwan, kaameraawwan, iirfooniiwwan, akkasumas sagale-guddistuuwwan xixiqqaa USB-C kan fayyadaman ta'u.
Murtee kana hordofee chaarjeroota gara garaa gataman irraa kan ka'e balfa waggaatti toonii kuma 11 ol naannootti gadi dhiifamuu hambisuun ni danda'ama jedhameera.
Waggaa darbe kessa qofa Gamtaa Awurooppaa keessatti bilbiloota dabalatee meeshaaleen elektirooniksii miliyoona 420 ol gabaaf dhiyaatee ture.
Giddu-galeessaan namni tokko chaarjeriiwwan bilbilaa sadii kan qabu yoo ta'u, kanneen keessaa ammoo faayidaarra kan oolan lama qofaadha jedheera Gamtaan kun.
Murteen Komishinii Gamtaa Awurooppaa kun hojiirra oolfamuu kan eegalu 2022 irraa kaasee yoo ta'u, omishtoonni baatiiwwan 24 keessatti qajeelfamicha hojiirra oolchuun isaanirra jiraata jedhameera.













