'Lola dhaabnaan US qoqqobbii kaa'uuf jettu tursiisuu dandeessi' - Antoonii Bilinkan

Gaggeessaa Dhimmoota Laa US, Antoonii Bilinkan

Qaamoleen waraana kaaba Itoophiyaa keessatti qooda fudhachaa jiran lola kana dhaabuuf tarkaanfii atattamaa kan fudhatan yoo ta'e Ameerikaan qoqqobii kaa'uuf jettu tursiisuu akka dandeessu dursaan Ministeera Dhimma Alaa US Antoonii Bilinkan himan.

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan waraana Tigraayiin wal qabatee kanneen waraanni Kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiru akka itti fufu gaafatamoo ta'an ykn qooda qaban, gargaarsa namoomaa kanneen ugguraniifi kanneen dhukaasni akka hin dhaabbanne dhorkaa jiran irratti qoqqobbii haarawa kaa'uuf ajaja dabarsaniiru.

Ajaji pireezidantichi Jimaata mallatteessan kun Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa namoota mootummaa Itoophiyaa, mootummaa Eertiraa, Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay /TPLF/ fi mootummaa naannoo Amaaraa keessa jiranii fi kaan, marii caalaa waraana itti fufuu filatan itti gaafatamoo akka ta'an aangessa jedhameera.

Joo Baayidan ajaja qoqqobbii kaa'uu dandeessisu mallatteessuu isaanii hordofee ammoo MM Abi Ahimad xalayaa banaa Pirezidant Joo Baayidaniif barreessaniin Ameerikaan ejjennoo walitti bu'insa Itoophiyaa keessatti uumamerratti kaasuun komii qaban ibsaniiru.

MM Abiy xalayaa isaanii kana keessatti michoo Itoophiyaa bara dheeraa kan taate Ameerikaan, "imaammanni isheen dhiyeenya kana hordoftu ajaa'ibsiisaa qofa osoo hin taane haala ifatti mul'atuun quuqama namoomaa irra kan taredha," jechuun qeeqan.

Murtee Pireziant Baayidan kana hordofee ministeerri dhimma alaa US qaamoleen qoqqobbiin kun isaan ilaallatu walitti bu'insa kana dhaabuudhaaf dhukaasa dhaabuu marii irratti hundaa'e kan taasisan yoo ta'e tarkaanfiiwwan qoqqobbii yaadaman akka tursiifaman taasisuun adeemsa marichaarratti gargaarsa taasisuu akka dandeessu beeksiseera.

Ministeerri dhimma alaa ibsa baaseen, waraana adeemsifamaa jiru dhaabsisuudhaaf Ameerikaan michoota ishee waliin ta'uudhaan yaaliiwwan dippilomaasii gara garaa taasifutullee mootummaan Itoophiyaa, mootummaan Ertiraa, bulchiinsi mootummaa naannoo Amaaraa, akkasumas TPLF furmaata nagaa fiduu hin dandeenye jedheera.

Sababuma kanaaf qmoleen waraana kana keessatti qooda qaban irratti qoqqobbiiwwan gara garaa kaa'uuf kan dandeessisu ajajni pirezidaantichaan mallattaa'uu kan eeru ibsi kun, Ameerikaan lola kana dhaabsisuudhaaf tarkaanfii ni ta'a jettu itti fuftee akka fudhattus ibseera.

Ibsi ministeera dhimma alaa US kun humni Ertiraa Itoophiyaa keessatti sarbama mirgoota namoomaa hamaa raawwateera jechuun mootummaan Ameerikaa Itaamaajor Shuumii Ertiraa kan ta'e Janaraal Filiphoos waldayohaannis irratti qaqqobii kaa'uu isaa yaadateera.

Kanaanduras waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru keessatti warra hirmaataniifi rakkoon kun fala akka hin arganneef carraaqqiiwwan taasifaman gufaachiisaa jiru namoota jedhamanirra qoqqobbiin viizaa akka kaa'amuuf ajajni bahuun isaa ni yaadatama.

Mootummaan Ameerikaa lola kana keessa kan jiran mootummaan Itoophiyaafi TPLF whaal-duree tokko malee dhukaasaa dhaabanii marii akka jalqabaniif waamicha dhiyeesseera.

Dhukaasa dhaabuun marii irratti hundaa'e waraanichaaf furmaata siyaasaa waara'aa argamsiisuu kan andeessisu gara marii bal'aatti kan geessu ta'uullee akka qabu kaasuun, humni Ertiraallee Itoophiyaa keessaa atattamaan yeroo dhumaatiif bahuu qabu jedheera.

Tarkaanfiiwwan ifatti gara dhukaasa dhaabuutti geessan, sarbama mirgoota namoomaa kan dhaabsisaniifi gargaarsi namoomaa danqaa tokko malee akka qaqqabu kan dandeesisan fudhataman yoo jiraachuu baatan, ajajni qoqqobbii pirezidant Baayidan dabarsan gaggeessitoota, dhaabbileefi qaamoleen biroo isaan ilaallattu adda baafamuun ni beeksifamu jedheera ibsi ministeera dhimma alaa US kun.

Haata'u malee, gargaarsi namoomaa sirrii ta'e akka itti fufu kan taasifaman yoo ta'u, maallaqni namoota dhuunfaan ergaman, akkasumas nyaanniifi qorichoonni dhaabbileen idil-adunyaafi dhaabbileen miti-mootummaatiin dhiyaatan ummata Itoophiyaafi Ertiraatiif itti fufanii ni dhiyaatu.