Itoophiyaan komii Tuuniziyaan dhimma Hidha Haromsaarratti UNSCtti dhiyeessuuf jirtu qeeqxee

Ijaarsi hidha guddicha abbayaa hark 80 ol xumurameera

Madda suuraa, Ministry of Water, Irrigation and Energy/FB

Deetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaadar Reediwaan Huseen Tuniziyaan Hidha Haroomsaa Itoophiyaa ilaalchisuun komii Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniif (UNSC) galfachuuf jirtu morman.

Ambaasaadar Rediwaan wayita marii biyyoota yaa'aa Abbayyaa gara olii jiran waliin taasisaniitti, Tuniziyaan irra deebiin mana marichaatiif xalayaa barreessuuf akka jirtu ibsuun, kunis biyyoon yaa'aa kanaa waliigalteerra akka hingeenyeef ni gufachisa jedhan.

Ministeer Dhimma Alaa marii Itoophiyaafi biyyoota yaa'aa Abbayyaa gara olii waliin taasifame ilaalchisuun toora miidiyaa hawaasaa irratti ibsa baaseen, kanaan dura komiin Tuniziyaan mana marichaatiif dhiyeessiitee turte kan kuffiifame ta'ulleen ammas irra deebiin barreessuuf qophiirra jiraachuu kaaseera.

Ambaasaadar Reediwaan ''biyyi Afriikaa takka tarkaanfii hin fayyadne akkasii fudhachuunshee, marii biyyoonni sadan ijaarsa hidha kanaa ilaalchisuun taasisaa jiran kan hubannoo keessa hin galchineedha. Biyyoonni yaa'aa gara olii gonkumaa fudhachuu hin qaban,'' jechuusaanii Ministeerri Dhimma Alaa ibsichaan himeera.

Baatiin dura waamicha Masriifi Sudaaniin dhimma hidha kanaa ilaachisuun walitti qabamee kan ture Manni Maree Nageenya Mootummoota Gamtoomanii, dhimmicharratti adda durummaan Gamtaan Afriikaa akka mariisiisuuf yaada kennuunsaa ni yaadatama.

Biyyoon yaa'aa gara olii kunneenis Hagayyaa ALI 18, 2013 ture kan Ambaasaadar Reediwaan waliin marii taasisan.

Biyyoota yaa'aa gara olii keessaa hidhicha ilaalchisuun biyyoonni waliigaltee wixiineeffame ( Comprhensive Framework Agreement (CFA)) irratti hin mallatteessiin akka mallatteessaniif Ambaasaadar Reediwaan gaafataniiru.

Kana malees, Itoophiyaan Lagni Abbayyaa haala haqa qabeessa ta'een faayidaarra akka oolfamuuf biyyoota yaa'aa Laggichaa waliin akka waliigaltu Ambaasadar Reediwaan dabaluun dubbataniiru.

Tuuniziyaafi Hidha Haaromsa Itooophiyaa

Tuuniziyaan kanaan dura xalayaan Mana Maree Tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif barreessite,’’Masriif kan loogu’ ta’uu Itoophiyaan qeeqaa turte.

Itoophiyaa hidhicha marroo lammeessoof bishaan tibba guuttetti, yaa’iin Mana Maree Tasgabbii Dhaabbatichaa taa’amu dursa Tuunziyaan xalayaan barreessiteen, Itoophiyaan Masrii fi Sudaan wajjin waliigalteerra otoo hin qaqqabiin hidhicha bishaan guutuu akka dhiistu gaafattee turte.

Tuuniziyaan Mana Maree Tasgabbii Dhaabbatichatti miseensa yeroof gartuu Afrikaa bakka buutedha.

Wixineen Tuuniziyaan dhiyeessitemmoo, biyyoonni yaa’a lagicha sadan tumsa Hogganaan Gamtaa Afrikaa fi Barreessaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin ji’oota ja’a keessatti waliigalteerra gahuu qabu jedha.

Wahliigaltichi ‘’Itoophiyaan biyyoota yaa’a gara gadii karaa rakkoorra hin buusneen annisaa elektirikii hidha maddisiisu ijaaruu itti haa fuftu’’jedha.

Itoophiyaan garuu waa’e hidhichaa gara Mana Maree Tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti geessufi miseensa Liigii Araboota kan taate Tuuniziyaan immoo giddu seentummaan qeeqxe.

Torban darbe marsariitiin‘Egypt Today’akka gabaasetti, Tuuniziyaan kan barbaaddu waa’een dhimma hidhichaa Mana Maree Tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ho’u otoo hin taane, biyyoonni sadan waliigaltee seera akka qaqqabaniif’’ jedhe.

Masriitti Ambaasaddarri Tuuniziyaa Mohaammad Biin Yusuuf wabeeffachuun akka gabaasetti, ejjannoo Tuuniyaan qabatte Masrii kan‘’deeggaru otoo hin taane’’ittigaafatamummaa ishee bahuufi jedhe.

Ambaasaddar Reediwaan Huseen gamasaaniitin, yaadni Tuuniziyaan kana dura barreessite fudhatama dhabuus, marroo lammataaf xalayaa barreessuuf yaaduun fudhama hin qabu jechuun ejjannoo Itoophiyaan qabdu ibsan.

Hidha Haaromsa fi biyyoota yaa’a Naayil

Dhimma hidha Haaromsa kallattiin kan ilaallatufi, waa’e ijaarsa hidhichaa ilaalchisuun waggootaaf kan waliigaluuu dhaban Itoophiyaa, Masriifi Sudaanidha.

Haata’u malee, biyyoonni yaa’a lagicha keessatti argaman dhaga’amtii qabu.

Biyyoonni yaa’a lagichaa Masrii, Itoophiyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Ugaandaa, Keeniyaa,Taanzaaniyaa, DR Koongoo, Burundiifi Ruwaandaa dabalata.

Biyyootni yaa’a gadii Masriin laga Abbayyaa akkaata ilaalcha keessa hin galchineen itti fayyadamuu barbaaddi jedhanii qeequ.

Biyyoonni Liigiin Arabootaa dhimmicha giddu seenusaanii Itoophiyaan akka waan sirriitti hin ilaaltu.

Lagicha harka caalu qooddachuun kan eeramtu Masriin harka 66 yoo qooddatu, Sudaan immoo harka 22 qooddatte.

Madda lagicha ijoo kan taate Itoophiyaan lagicha keessa qooda hin qabdu.

Waliigaltee kun bara sirna koloniitti Ingiliziin kan walgalchiite wayita ta’u, Itoophiyaan waligalticha qeeqaa kan turte ta’ullee Sudaaniifi Masriin xiyyeeffannoo kennaaf hin turre.

Masriin biyyoota yaa’a oliirratti mirga dhaga’amtiii guddaa argachuun, akka waliigaltee kanaatti Itoophiyaan sagalee dhaga’amtii dhabde.

Naayil Adiin giddugaleessa Afrikaa, Gireet Leeksi irraa madduun Taanzaaniyaa, Ugaandaafi Sudaan Kibbaa keessa qaxxaamura.

Abbayyaan Sudaan keessa qaxxamuruun gara Masriitti yaa’a.

Galtuun laga Naayil lamaanu naannoo magaalaa guddoo Sudaan Kaartumitti erga walitti dabalamee booda gara Masriitti yaa’a.

Masriif lagichi bu’uura jiruuti.

Itoophiyaafillee akkasuma.Itoophiyaan hidha lagicharratti ijaaraa jirturraa annisaa elektirikii Meegaa Waattii 6450 maddisiisuuf hojjataa jirti.

Fedhii annisaa biyya keessatti qabdu guuttachuun Meegaa Waattii 2,000tti dhiyaatu biyyoota ollaatti gurguruun waggaatti doolara Ameerikaa mil.500 fi mil. 80 argatti jedhamee abdatama.

Masriin garuu guutinsi hidhichaa hamma bishaanii biyyashee seenu hir’isuun, uummanni ishee akka beelaaf saaxiluu danda’u falmiti.

Sudaan hidhichi ijaaramuu isaatiin annisaa elektirikii argattuun maddiitti, Kaartumitti lolaa akka hin miidhamne kan gargaaru ta’ulle, dhiyeenyatti ejjannoo Itoophiyaa caala kan Masriitti dhiyaatu calaqqisiisaa turte.

Masriin biyyoonni yaa’a laga Naayil akka cinaa ishee hiriiran(tumsan) tattaaffii garaa garaa gochaa turte.

Ji’oota muraasa dura biyyoota akka Sudaan, Keeniyaa, Jibutii fi DR Koongoo, Ruwaandaa, Taanzaaniyaafi Sudaan Kibbaa waliin waliigaltee waraanaa mallatteessuun Hidha Haroomsa waliin hariiroo akka qabu xiinxaltoonni kan himan.