Sudaan Itoophiyaatti nagaan akka bu'u yaalii gochuu akka itti fuftu beeksiste

MM Abdallaa Amdok

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abdallaa Amdok

Gama Lixaan biyya hollaa Itoophiyaa kan taate Sudaan carraaqqiin walitti bu'insa Itoophiyaa keessa jiruuf jaarsa ta'uun araarsuu fudhatamma dhabullee yaalii taasisaa jirtu ammallee akka itti fuftu beeksisteetti.

Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook akka dubbatanitti, walitti bu'insi Itoophiyaa keessa jiru karaa naga qabeessa ta'een akka furmaata argatuuf dhiibbaa taasisuu itti fufti.

Ministirri Muummee Sudaan itti dabaluun, waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru kana dhaabsisuudhaaf karaa garee lamaaniinuu fudhatama qabuun nagaa buusuuf jedhamee lachanuu arguuchaaf yaaliin taasifamaa turuu eeraniiru.

Sudaan mootummaafi humna fincile gidduu seenuun jaarsa araaraa ta'uuf carraaqaa jiraachuu ifa gochuushee hordofee mootummaan Itoophiyaa yaalicha fudhatama dhabsiisuun isaa ni yaadatama.

Kana ilaalchisuudhaan Pirees Sakireetaariin Waajira Ministeera Muummee Biillenee Siyyum deebii kenniteen, haala Itoophiyaan Sudaan irratti amantaa qabaachuu dandeessu uumamuu baannaan, akka jaarsa araaraa amanamtuutti fudhachuuf akka rakkisee ta'e ibsuun ishee ni yaadatama.

"Sudaan akka jaarsa araaraatti fudhachuudhaaf duraan dursa dhimma wal amanuurratti gadi-fageenyaan itti deemamuu qaba jennee amanna."

Jaarsa araaraa ta'uufis ta'e walitti fidanii mariisisuuf qabxiin bu'uuraa amantii akka ta'e eeruun,dursi kan kennamuufiif qabu dhimma wal amanuu akka ta'e kaasteetti Billeneen.

''Hariiroon yeroo ammaa Sudaan waliin qabnu xiqqoo kan daandii qabate miti. Walamantaan qondaaltota Sudaan waliin jiru erga loltoonni biyyattii daangaa Itoophiyaa cabsuun seenanii laafeera.

Marii kamuu gaggeessuuf ammoo walamantaan jiraachuu qaba. Kanaafuu Sudaan mariif haala mijeessuu keessatti qooda fudhachuun dura dhimmoonni kunneen furamuu qabu.''

Daawwannaa Hoggantuun Dhaabbata gargaarsa Ameerikaa- USAID, Samantaa Paawor Sudaanii fi Itoophiyaatti taasisan horofee, Sudaan deeggarsa hawwaasa idil- adunyaa waliin mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti araara buusuuf hojii eegaluuf akka jirtuu himtee turte.

Waraana Sadaasa 2021 Tigraay keessatti jalqabe horofee loltoonni Sudaan gara daangaa wal mormisiisaa ta'eefi qabeenymmaan isaa kan Itoophiyaa ta'etti seenuun to'achuun ishee ni yaadatama.

Itoophiyaanis loltoonni Sudaan lafa daangaa ce'uun qabatan gadhiisani ba'anii dhimmichi mariitiin akka furamu irra deddeebitee gaafattullee Sudaan lafa to'annooshee jala galfatte qaama bulchiinsa biyyakootiiti jechuun loltoonnishee akka hin baane ibsaa turteetti.

Sababii kanaan hariiroofi wal amantaan biyyoota lamaan gidduu ture xiqqaachaa dhufuu himti Biilleneen.

Ejjennoo Itoophiyaatti gammadduu kan hin taane Sudaan torban tokko dura ambaasaaarashe Itoophiyaa jiru gara Kaartumitti waamtee akka turte Roohitars gabaasee ture.

Sudaan ambaasaadarshee biyyatti waamuuf akka sababaatti kan himte, waraana Tigraay keessatti itti fufee jiru araarsuudhaaf yaadni isheen dhiyeessite aanga'oota Itoophiyaatiin fudhatama dhabuu isaati.

Ministeerri dhimma alaa biyyattii ibsa baaseenis Itoophiyaan yaalii Sudaan guutummaan guutuutti fudhachuu dhiisuurra, Sudaan maal gochuu akka dandeessu hubachuun ejjennoo qabatte akka foyyeessituuf gaafatee ture.

Torban lamaan dura Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdok waliin haala yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiru irratti mari'atanii turan.

Aanga'oonni lameen Itoophiyaa keessatti mariin siyaasaa hunda hammate akka jiraatu, birmadummaan lammiilee Itoophiyaa akka kabajamuu fi lammiileen deggersa barbaadan gufuu tokko malee akka deggeraman gochuuf qaamoleen walwaraanaa jiran dhukaasaa dhaabuu akka qaban dhaaman.

Dhimma kana milkeessuuf akka hojjetanis himan.

Waraana ji'a sagal dura naannoo Tigraay keessatti jalqabamee gara naannolee hollaatti babal'ateen namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman lubbuu isaanii dhabanii kuma dhibbaan kan lakkaa'aman ammoo balaa buqqa'uufi beelaaf saaxilamaniiru.

Sudaan lola Tigraay baqachuudhaan lammileen Itoophiyaa kuma 50 ol ta'an gara biyyasheetti baqatan keessumsiisaa akka jirtu dhaabbileen gargaarsaa ibsaniiru.