Filannoo Somaaliyaa: 'Rakkoolee biyyattiif dubartoonni furmaata ta'uu danda'u'

Fooziyaa Yusuuf Haji Adan

Filannoo pireezidantummaa Somaaliyaa Onkoloolessa dhufu gaggeeffamuuf jirurratti dubartiin tokkittiin dorgomaa jirtu Fooziyaa Yusuuf Haji Adan maaliif pireezidantii Somaaliyaa ta'uu akka feetu himti.

"Rakkoolee Somaaliyaa keessa jiraniif dubartoonni furmaata ta'uu danda'u," jechuun 'BBC Focus on Africa'tti himte.

Yoo milkaa'uu baattellee dubartoota kaan ishee booda dorgomaniif karra banuu himti.

"Walitti bu'iinsa bifa hedduu qabu qabna. Waggoota 30f dhiironni furuu hin dandeenye, tarii dubartoonni furuu danda'u ta'a."

Waggoota dheeraaf dhiironni hooggansa gosaa fi siyaasa keessaa qooda qabaachaa turan, dubartoonni garuu qoodni isaanii daa'imman guddisuu qofa ture jetti Aadde Fooziyaan.

Miseensa paarlaamaa, ministeera haajaa alaa fi ministira muummee itti aantuu ta'uun muuxannoon horatte pireezidantii ta'uuf akka ishee gargaaru himti.

"Muuxannoo gaariin qaba jedheen yaada, amma ammoo kutannoos qaba," jette.

Yoo pireezidantii taatee kan filamtu ta'e hojiin ishee jalqabaa nagaafi tasgabbii buusuu fi araaraaf haala mijeessuudha.

"Jalqaba kan ta'uu qabu heera biyyaati, heera biyyaa hin qabnu. Seerota akka qabaannuuf heera qabaachuu qabna," jetti.

Fooziyaan dhiirota 40 ta'an waliin pireezidantummaaf dorgomti.

Filannoon Onkoloolessa dhufuu kun abdii guddaan kan eegamu yoo ta'u, jalqaba kan karoorfamee ture Guraandhala 8, 2021tti ture.

Yeroo aangoo isaanii kan xumurame pireezidaantiin biyyattii Mohaammad Abdullaahii Faarmaajoo aangoo isaanii waggoota lamaaf dheereffatan.

Kunis humnoota mormitootaa fi mootummaa jidduutti wal-dhibdee uumee biyyattii keessatti hokkorri uumame.

Pireezidantiin biyyattii Mohaammad Abdullaahii Faarmaajoo boodarra yaada isaanii jijjiiruun filannoon Onkoloolessa dhufu akka gaggeeffamu mormitoota waliin waliigalan.