Belaarus: Gaazexeessaa tokko to'achuuf xiyyaarri balali'aa ture kallattii isaa jijjiiree akka qubatu dirqisiifame

RYANAIR

Madda suuraa, Reuters

Xiyyaarrii Ryanair, Giriik irraa gara Lituyeeniyaa imalaa ture Dilbata balalii isaa saatii dheeraaf gara Beelaruusitti akka geeddaruu kan taasifame, gaazexxeesaa xiyyaaricha keessa ture to’annoo jala oolchuuf akka ta’e rooggeeyyonni himan.

Biyyootiin Awurooppaa gocha kanaan dheekkamuun, Belaarus ‘biyya shororkeessumma’ rawwatteetti jechuun himatu.

Gulaalaa miidiyaa Nexta group kan ture, Rooman Pirotaseevich, xiyyarrichi deebi’ee balalii akka itti fufuuf hayyamamuu isaan dura to’annoo jala oolfameera.

Miidiyaaleen Beelarus akka jedhanitti, xiyyarri waraanaa MiD-29 xiyyaara kana gara bira balali’uun Miniski akka qubatu kan taasifame soda boombiin jira jedhuun ta’uus boombiin garuu hin argamne.

Xiyyaarichi imala isaatti deebi’ee kan magaalaa guddittii Lituyeeniyaa, Vilniyuus, kan qubate saatii karoorfame irra gara saatii torbaa ol barfateeti.

Imaltoonni xiyyaaricharra turan maaliif imalli isaanii gara Miniskitti akka geeddarame odeeffanoon homaa akka hin kennamneef himu.

Imalaan tokko akka jedhutti gazeexxessaan Pirotasevich “baayyee sodaate ture. Yeroon ijasaa keessa ilaaluun, bayyee nama gaddisiisa,” jedha.

Imaltuun biraa Moonikaa Simkiyeene, “galagalee namoota ilaalee, murteen du’aa akka irratti murtaa’eeru dubbate,” jechuun AFP’tti himteetti.

Ammatti Gamtaan Awurrooppaafi NATOn dhimma kana furuuf wamicha dhiyeessaniiru.

Hogganaan mormituu Beelaruus Sivetlaanaa Tikhanoovsikayaa, kan filannoo bara darbee injifatame, namoota Pirotasevich akka bilisaan gadhiifaman gaafatan keessa tokkodha.

Xiyyaarichi akkamiin balalii akka geeddaru taasifame?

Balaliin FR4978 Ateensirraa gara Vilbiyu utuu imaluu daangaa Lituyeeniyaa seenuuf muraasi yeroo isaaf hafu imala isaa gara Miniskitti jijjiire.

Xiyyaara kanarra imaltoota 171’tu ture.

Dandiin xiyyaraa Ryanair ibsa kenneen, “yaddoon nageenyaa waan jiruuf buufata xiyyaara dhiyoo jiru, Miniskii buufadhaa jechuun To’annoon Tiraafikaa Qilleensa Beelaarus,” hojjattoota xiyyaarichaa ajajeera jedha.

Odeeffannoon marsaritii Flightradar24 irra jiru akka mul’isutti, xiyyaarichi buufata Miniski caalaa kan Vilniyusitti dhiyaatee jira ture.

Ibsa kanaan Ryanair gulaalamuu isaaniif imaltoota dhiifama gaafatus waa’ee Pirotasevich hin dubbanne.

Gaazexxessaan kun to’annoo jala ooluu isaa jalqaba kan gabaase Miidiyaan Nextaadha. Xiyyaarichiifi imaltoonni sakkata’amnii Pirotasevich to’annoo jala oolchameera jechuun gabaaseera.

Miidiyaan mootummmaa Beelarus, Belta jedhamu akka gabaasetti xiyyaarri kun akka Miniskii qubatuuf ajaji isaa kan dhufe pireezdaantii biyyatti Lukesheenkoo irraadha.

US, UK, Gamtaa Awurooppaa (EU) fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) dabalatee biyyootiin lixaa hedduu gocha kan balaaleffachuun mormii isaanii dhageesisaniiru.

Gazeexxessaan Pirotasevich ,ganna 26, Belaarus keessaa kan ba’e bara 2019tti yoo ta’u, wa’ee filannoo biyyatti 2020 irratti miidiyaa Nexta waliin gabaasa erga ture booda, Belaarus keessatti himannaan yakkaa irratti banameera.

Akka shororkeessatti waan himatameef Belaarus keessatti murteen du’aa irratti murtaa’u akka malu himameera.