Achi buutee Koloneel Gammachuu fa'aa irratti deebii waajira Abbaa Alangaa

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa

Madda suuraa, Oromia Broadcasting Service

Wixata darbe manni murtii olaanaa federaalaa dhaddachi Lidataa namoota galmee Kiisii Qixxumaa jalatti himataman 12 bilisaan akka gadhiifamaniif ajajee kan ture ta'uus akkuma bahaniin Poolisiin fudhatamanii bakki geeffaman akka hin beekamne Abukaatoon BBC'tti himan.

Manni murtii olaanaa federaalaa dhaddachi Lidataa Wixata darbe namoota galmee Kiisii Qixxumaa jalatti himataman Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabalatee 12 bilisaan akka gadhiifamaniif ajajee ture.

Haaluma kanaan manni hidhaa qaallittii guyyaa kaleessaa (Kibxata) naannoo sa’aatii 11tti koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabalatee namoota 9 gadhiisee akka ture abukaatoon isaanii Obbo Tuulii Baayisaa BBC’tti himaniiru.

Namootni bilisaan akka gadhiiifaman murtaa’e sadii ammoo sababa dogoggora maqaatiin guyyaa kaleessaa Qaallittii irraa osoo hin gadhiifamin hafuus himan.

Haa ta’u malee namootni kunneen mooraa mana hidhichaa keessaa akkuma bahaniin qaamoleen nageenya mootummaa uffata poolisii federaalaa uffatan osoo isaan maatiidhaan wal hin qunnamin achii fudhatanii deemanii jedhan.

Hanga ammaattis namoota kunneen eessa akka geeffaman maatiis ta’e abukaatonni quba akka hin qabne Obbo Tuuliin himaniiru.

Dhimma kanarratti kan dubbisne itti aanaan abbaa alangaa waliigalaa Federaalaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa, namootni kunneen poolisii federaalaatiin akka hin too’atamne mirkaneeffadheera jedhan.

Haa ta’u malee namootni kunneen poolisiin magaalaa Finfinnee yookan kan Oromiyaa too’atee yoo jiraate kan qulqulleefamu tahas jedhan.

Ajaja mana murtii kabajuu dhabuudhaan namootni manni murtii wabiidhaan yookan bilisaan gadhiise poolisiin deebisee to’atu kan ilaaleenis ''ajaja kennan kabachiisuun gahee manneen murtiiti'' jedhan.

“Ajaja manni murtii kenne kan kabachiisuu qabu manuma murtii ajaja kenne sana. Ajajni kenne suni yoo hin kabajamne hojimaata ittiin gafaatu qaba. Mirga namoota sana kan kabachiisuu qabu manuma murtii sana,” jedhan.

Qaamni aangoo seeraan ala fayyadamee ajajni mana murtii akka hin kabajamne godhu nijira yoo ta’emmoo gara waajjira keenyaatti iyyannoo gochuu danda’a jedhan.

“Qaamni nageenyaa namoota bilisaan manni murtii gadhiise too’atan kunneen yakka ittiin shakkan kan seera qabeessa ta’e qabaachuu danda’u. Seeran alas too’atanii ta’uu danda’a, kanaaf yoo seeran ala too’atan ta’e waajjira keenyatti iyyatanii waajjiirri keenyammoo kana sirreessuuf dirqama qaba” jedhan Obbo Fiqaaduun.

Hooggansa dhaaba ABO keessaa tokko kan ta'an Koloneel Gammachuu Ayyaanaa hooggansa dhaabichaa biroo waliin waggaa sadii dura biyyattii deebi'anii ji'ootaaf hidhaa erga turanii bahanii osoo hedduu hin turiin ajjeechaa Art. Hacaaluu boodaa irra deebiin to'ataman.

Manneen Murtii kan dura mirga wabii si'a lama eegeefii akka gadhiifaman murteessuus Poolisiin to'atamanii yeroo biraa ammoo ol iyyannoon itti fudhatamee osoo hin gadhiifamaniin hafaniiru.