Fardi dorgommii guddicha injifate Medina Spirit qorannoon qorichi jajjabeessu irratti argame

Leenjiisaa Boob Baafart Jokii Joon Velaazqiiz

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaatti dorgommii fardaa giddicha Kentucky Derby jedhamu fardi injifate Medina Spirit, qorannoo qorichaa dorgommiin booda taasifamef kufe.

Leenjisaaan fardichaa Bob Baffert dorgommicha yeroo torbaffaaf injifachuun rekordii cabsee ture.

Fardi kun daangaa qoricha betamethasone kaa'ameen olitti irratti erga argamee booda, Baafart taatee kanaan ''rifachuu'' himuun, tasumaa qoricha kana itti hin kennine jedha.

''Waanin hin gooneef, akka waan garaakoo bunyaan dhahameetu natti dhagahame,'' jedhe.

Farda Madiinaa Ispirit jedhamu kana kan gulufe John Velazquez wayita tahu, dorgommii gaafa Caamsaa 1 gaggeeffameefi Ameerikaatti dorgommii haalaan beekamu injifate.

Leenjisaa fardichaa ka tahe namni ganna 68 Baafart, yeroo jalqabaaf dorgommii ciccimoo sadan mo'achuun seenaa nama galmeessedha. Dorgommiiwwan Kentucky Derby, Preakness Stakes fi Belmont Stakes jedhaman fardasaa American Pharoah jedhamuun 2015tti mo'ate.

Leenjisaan kabajaa guddaa qabu kun, hatiriikii kana ganna sadiin duuballee itti deebi'uun dalage.

Dorgommii fardaatiin namni fardicha leenjisuufi gulufu gargari.

Guyyaa Dilbataa leenjisaan kun, Madinaa Ispiriit qorichi farra dhiitahuu betamethasone jedhamu, pikoogirmaamiin 21 keessatti argamuu hime - daangaan dorgommichi heeyyamu kudhan irra taruu hinqabu.

''Haqatu farda kanarraa mulqame. Kanati hin qaana'u, akkan saamametti natti dhagahama,'' jedhe leenjisaan kun.

''Oolmaa farda kanaaf jecha haga xumuraattin falmadha. Abbaa fardichaafi damee ispoortii kanaafis jecha nan falmadha,

''Dorgommii keessa rakkoon jira, garuu Boob Baafart miti. Oduuwwan hin mirknoofnetti hin amanu, garuu kun maaliif anarratti tahe?''

Bob Baffert after the Kentucku Derby

Madda suuraa, Getty Images

Akka Baafart jedhutti Madiinaa Ispiirit haga ammaatti ifatti Kentucky Derby keessaa ifatti hin ugguramne. Tahus garuu erga qorannoowwan hundi xumuraman booda kun tahuu danda'a.

''Kun tahuun irra hin turre. Nu biraa miti rakkoon, bakka tokko jirti,'' jedhe Baafart.

Ammatti qaamni dorgommichaa 'Churchill Downs' Baafart dorgommii kaanirra akka hin dorgomne dhorkeera.

''Qorannoon argame kan mirkanaa'u taanaan, qabxiin Madiinaa Ispiriit fide haqamuun, Mandaloun injifataa tahuun labsama,'' jedha ibsi dhaabbaticharraa bahe.

Leenjisaan kun bara dabre erga fardeen isaarra qorannoon qorichi irratti argamee booda, ''waan gaarii hojjechuuf'' waadaa galee ture.

Ji'a dabre keessas akkasuma fardeen isaa Gamine fi Charlatan irra qorichi lidocaine jedhamu erga irratti argame booda dhorkaan guyyoota 15 kan irratti dabre tahus, falmatee murtoo kana haqsiise. Ugurri irraa ka'uun doolaara 10,000 adabameera.