Filannoon baranaa 'gaaffii uummataa karaarraa gara paarlaamaa kan galchudha' - Abiy Ahimad

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, PM Office Ethiopia

Filannoon marsaa 6ffaa Itoophiyaan torbanoota muraasa booda gaggeessuuf jettu gaaffilee uummataa karaarraa gara paarlaamaa kan galchudha jedhan MM Abiy Ahimad.

Itoophiyaa keessatti waggoota dheeraaf aadaa diimokiraasii ijaaruun hin danda'amne ture jedhan ibsa gama marsaalee hawaasaa isaaniin baasaniin.

Sababa kanaafis jecha gaaffileen uummataa hokkora karaarraa fi meeshaa waraanaan gaafatamaa ture jedhan. Karaaleen lamaan kun boodatti hafoofi badii kan qabnidha jedhan.

Sochii qabsoo hidhannoo fi fincila karaarraan dargaggootni biyyattii hedduun kan lubbuu dhabaniif sababa paarlaamaan biyyattii bakka itti gaaffiin uummataa dhagaahamu ta'uu dhabeefi jedhan.

"Itoophiyaan seenaa ishee keessatti paarlaamaa sagaleen uummataa keessatti dhagaahamu qabaattee hin beektu. Uummanni yoo sagaleen isaa paarlaamaa keessatti ni dhagaahamaaf ta'e, maaliif lubbuu isaa karaarratti, akkasumas bosona keessatti wareega?" jechuun gaafatu.

Filannoon baranaa kun sana jijjiiruuf carraa kan uumu ta'uu kan himan MM Abiy, mootummaan 'filannoo hin hatamnee fi kan sagalee uummataa sirriitti ibsu' akka taasifamu xiyyeeffannoon hojjeta jedhan.

Paarlaamaan gaaffiin uummataa keessatti dhagaahamu yoo jiraate lammileen dhimmoota diinagdee fi hawaasummaa biroo irratti xiyyeeffachuun guddina dhunfaa fi biyyaaf gumaachuuf yeroo argatu jedhan.

Filannoo baranaa yeroo qabameefitti gaggeessuun yoo kan danda'amu ta'e paartii sagalee caalmaa argatee mootummaa hundeessuun alatti paartileen hedduun paarlaamaa seenuuf hiree ni argatu jedhan.

Murteeleen hegeree biyyaa murteessanis gartuu/namoota dhunfaa muraasa qofaan osoo hin taane , sagaleen hedduun dhagaahamee, falmiin godhamee murtaa'a jedhan.

Filannoon milkaa'aan akka taasifamu wantoota fudhatamummaa filannichaa irratti gaaffii kaasan irratti sirreeffamni taasifameera jedhan MM Abiy.

"Boordiin filannoo fedha paartii kamiirraayyuu walaba ta'e, seenaa keenya keessatti yeroo duraatif Boordii amma jiru akka ta'e walii nu galcha tilmaama jedhun qaba," jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Haa ta'u malee namni hunduu kaardii filannoo sagalee isaa kennuuf isa dandeessisu hanga hin fudhannetti hojiin hojjetame bu'aa hin qabaatu jedhan.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo Caamsaa dhufu gaggeeffamuuf hanga ammaatti namoonni miiliyoona 18 galmaahuu himuun, galmee filattootaaf yeroo dabalataa kenne.

Boordichi filannoo dhuma ji'a Caamsaa keessa godhamuuf galmeen filattootaa sagantaa idilee baheen Jimaata darbe xumuramuu malu torbee lamaaf dheeressee jira.

Filannoo kanarratti namootni miiliyoona 50 ta'an filachuuf ni galmaahu jedhee kan tilmaamame keessaa hanga Kamisa darbeetti kan galmaahan miiliyoona 18,427,239 akka ta'an ibseera.

Buufataalee filannoo 50,000 ol keessaas galmeen kun buufataalee 41,659 tti gaggeeffamaa akka tures ibseera.

Paartileen filannoo bara kanaa irratti hirmaatan miidiyaa gara garaa irratti sagantaa isaanii beeksifataa, falmiis godhaa jiru.

Gama kaaniin miseensonni fi hogganoonni isaanii hidhamuu, waajjiraaleen isaanii cufamuu fi walumaagalatti dirreen siyaasaa dhiphachuu himachuun paartileen gurguddoo lama ABO fi KFOn filannicha keessaa erga of baasanii bubbulaniiru.

Paartileen kunneen walabummaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa kan MM Abiy 'walaba' jechuun jajanirratti gaaffii kaasaas turan.

Gama biraan walitti bu'iinsa kutaalee biyyattii gara garaa keessa jiru akkasumas rakkoolee nageenyaa biyyattiin qabdu eeruun filannoon dura waliigalteen biyyaalessaa ni barbaachisa kan jedhan jiru.

MM Abiy filannoo gochuu dhabuun rakkoollee kana hin furu jedhan. Filannichi kan godhamu yoo ta'e garuu biyyattiin mootummaa jabaa fudhatamummaa seeraa qabu akka qabaattu gargaara jedhan. Kun ammoo rakkooleen kunneen akka furaman gumaacha jedhan.