'Pireezidantiin Chaad Idriss Deby waraana gubbaatti lubbuu dhaban' waraana biyyattii

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin Chaad Idriss Deby waraana gubbaatti miidhamuun lubbuun isaanii darbuu waraanni biyyattii ibse.
Waraanni Chaad wayita ammaatti hidhattoonni magaalaa guddoo biyyattii N'Djamena qabachuuf waraanaa banan qolachaa jiru.
Guyyaa Wiixataa Pireezidant Deebiin filannoo Ebla 11 gaggeeffame mo'achuun marroo jahaffaaf aangoo qabatu jedhamee eegamaa ture - sagalee kenname keessaa %80 argachuun isaanii labsamee ture.
Kana hordofees mootummaafi paarlaamaan biyyattii diigameera. Ji'oota 18 dhufaniif manni maree waraanaa biyyattii kan bulchu taha.
Aabba Deebiin gaggeessitoota Afrikaa keessaa yeroo dheeraaf biyya bulchan keessaa tokko turan. Fincila waraanaan kan aangootti dhufan 1990tti ture.
Waraanni biyyattii akka ibsetti pireezidantichi ''biyya baraaruuf du'an'' jedha.
Pireezidantiin Chaad Idris Deebii ''afuurasaa isa dhumaa walabummaa biyyattii eegsisuuf dirree lolaarratti wareegame,'' jedhan dubbi himaa waraana biyyattii Jeneraal Azem Bermandoa Agouna, ibsa TV gubbaatti dubbisaniin.
Aabba Deebii guyyoota dhuma-torbeerratti daangaa Liibiyaatti bakka lolli turetti, loltoota hidhattoota lolaa jiran daawwachuuf deemanii ture.
Finciltoonni ofiin Fact jedhanii yaaman kun - (the Front for Change and Concord in Chad), gaafa filmaataa buufata daangaa tokko haleelan. Gara magaalaa guddittii N'jaameenaattis imalaa turan.
Raayyaa waraanaa wajjin kan lolli eegale guyyaa Sambataa ture. Jeneraalli waraanaa tokko Reuters'tti, hidhattoonni 300 ajjeefamuufi 150 ammoo qabamuu himan.
Kana malees loltoonni mootummaa shan oggaa lubbuu dhaban, 36 ammoo miidhamaniiru.
Ilmi Idiris Deebii hogganaa waraanaa yeroofii tahuun muudame
Jeneraal Mahaamat Kaakaa, ilmi pirezidaantii Chaad yeroo dheeraaf bulchee waraana biyyattiin hogganaa tahuun muudameera.
Ilmi Idiris Beebii, Jeneraaal Mahaamat Idiris Beebii jeneraala abbaa urjii afurii yoo tahu, bakka abbaa isaa bu'uun waraana biyyattii akka hogganuuf muudameera.

Erga pirezidaantich du'uun mirkanaa'ee waraanni biyyattii ji'oota 18'f biyyattii gaggeessaa jedhameera.
Humni waraanaa biyyattii manni maree amma jiru bittinnaa'uu labsuun filannoon ji'oota 18 keessatti akka gaggeefamu hime.
Mahaamat ilmi Deebii kan ganna 37 tahe, pirezidaantii yeroofii Chaad tahuun muudameera.
Xiinxaltootni ammoo BBC fi miidiyaalee kaanitti akka himanitti tarkaanfiin kun heera biyyattii kan cabsedha.
Dubbii himaan mana maree biyyattii yeroo pirezidaantiin aangoo irra jiru du'u aangoo qabachuun filannoon akka gaggeeffamu haala mijeessuu qaba ture jedhan.
Fuulduratti maaltu taha?
Waggoota 30 oliif nama biyyattiitti haalan beekaman turan. Naannichatti hojii waraana bobbaasuu isaan kan beekamu Deebiin, hidhattoota Bookoo Haaram haleeluuf loltoota isaa Naayijeeriyaa akka gargaaran bobbaasaa ture.
Biyyoota Saahel shanan keessatti keessumaa loltoota Maaliifi Niijer cina dhaabbachuun hidhattoota loluun nama maqaa guddaa qabudha.
Biyya keessaas humni waraanaa biyyattii ajaja ilma isaa jala jiru.
Yeroo dheeraa fuuldura jiruuf waanti tahu hin beekamu. Filannoo gaggeeffameenis yeroo jahaffaaf pirezidaantii tahuun kan filatame yoo tahu morkattootni isaa garuu sirna dimokiraasii miti jechuun mormu turan.
Amma namni isa bakka bu'u sirna bulchiinsa isaa kana itti fufsiisamoo akkam taha kan jedhamu irratti ifa miti.
Pirezidaantichi Dilbata darbe osoo finciltooota waliin naannoo Kaanem keessatti wal waraanuu madaa'uun lubbuun isaa darbite jedhame. Rakkoon nageenyaa naannoo daangaa Liibiyaa gara Kaabaa ture hammaatee ture.
Amma kun gara Kibbaattis bal'achuu hin hafu jedhama.
Chaad keessa rakkoon nageenyaa, siyaasaa fi misoomaa bal'aan jiru pirezidaanti Deebiidhaan humnaan qabame turus garuu furmaata hin arganne.
Fuuldureen biyyattii irra caalaan isaa kan hundaa'u hoganaa waraanaa kan tahe ilmi isaa wal tajjii siyaasaa biyyattii marii biyyaalessaa uumuun moo sirna bulchiinsaa abbaan isaa ijaare itti fufsiisa kan jedhu irratti hundaa'a.















