'Qaamooleen naannoo Tigraayiitti namoota nagaa jumlaan ajjeessan seeratti ni dhiyeeffamu' - UKtti Imbaasii Itoophiyaa

Madda suuraa, UKtti Imbaasii Itoophiyaa
Ajjeechaan namoota nagaa Naannoo Tiraay bakka Maahibara Dego jedhamuutti raawwatameera jedhame ilaalchisee motummaan Itoophiyaa qorataa jiraachuun ibsame.
Kunis kan ibsame Tigraay keessatti loltoota Itoophiyaatiin namoonni uffata sivilii uffatan ajjeeffamu ilaalchisee gabaasa bahee ilaalchisuun deebii Yunaayitid Kingidam(UK)tti Imbaasiin Itoophiyaa kenneen.
Imbaasiichi ibsa isaa kanaan, waraabbii viidiyoo 'ajjeechaa jumlaa' naanoo Tigraay, Maahbara Degootti gaggeeffame ilaalchisuun miidiyaa hawaasaarratti torbanoota darban qoodamaa tureefi amma mata duree miidiyaalee idil-addunyaa ta'ee akka ilaalee himeera.
Gochi kun kan raawwatame qaama kamiiniyyuu ta'u mootummaan Itoophiyaa qorannoo cimaa taasisuun seeratti akka dhiyeessu beeksiise.
Imbaasichi ibsa fuula Feesbuukii isaarratti baase kanaan, mootummaa Itoophiyaa dirqama olaantummaa seeraa kabachiisuu qabuufi qaamoolee yakka kana duuba jiran seeratti dhiyeessuuf taaskisoorsii addaa hundeessuun gara naannichaatti bobbaaseera jedhe.
Imbaasichi miidhaa namoota nagaarra gahu kamiiyyuu cimsee kan balaaleeffatu ta'us himeera.
Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraayiitti looltoonni Itoophiyaa yoo xinnaatan namoota 15 ta'an uffata siviilii uffatan bakka tokkootti gara jabinaan ajjeessuu isaa qorannoon BBC Africa Eye mirkanneessuun isaa ni yaadatama.
Ajjeechaan gara jabeenyaa kunis Tigraay keessatti bakka waraanni Itoophiyaa humnootii TPLFn lolaa jiru, dhiheenya magaalaa Maahbara Dagootti raawwatamusaa BBCn mirkaneeffateera.
Jalaqaba Bitooteessaa ture viidiyoon walitti aansuun waraabaman shan, 'loltoonni uffata dambii raayyaa Ittisa Itoophiyaa uffata' wayita namoota hidhannoo hin qabne gara qarqara allayyaatti ofuun, itti dhiyeenyaan itti dhukaasaniifi reeffasaanii allayyaatti gangalchan agarsiisu.
Mootummaan Itoophiyaa, ''waa'ee viidiyoo miira manaa jeequufi midiyaalee hawaasaarratti qoodamaa turee kana quba qaba'' kan jedhu ibsi Imbaasichaa kun, ''gocha kana kan raawwatee ammoo loltoota ergamarra jiran dabalate eenyuumtuu seeraan ol hin ta'u,'' jedheera.
Kanaafuu, mootummaan taaskifoorsii addaa kan Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaafi Komishinii Poolisii Federaalaa irraa walitti bahuun ijaarame tokko dhimmicha akka qoratuuf dhiiheenya kana gara naannichaatti ergamuu hime.
Kana malees, Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaafi UNtti Waajjirri Komishiniin Olaanaan Mirga Namoomaa waliin ta'uun himannaawwan sarbama mirgoota namoomaa qorachuun bu'aa isaa kan beeksisu ta'uu akka himan ibsi kun yaadateera.
Bu'aawwan qorannoo kanneenis mootummaan qaamoolee yakkawwan jedhame duuba jiran seeratti dhiyeessuufi himannaawwan sarbama mirga namoomaafi yakka naannoo Tigraay keessatti ka'aniif deebii kennuuf ni dandeessisa jedheera.

Viidiyoowwan kunneenis kan miira namaa jeeqan ta'uusaanii hubachuun hanga bu'aan qorannoo beekamutti hawaasniifi miidiyaan kana ykn sana ta'aa jechuun dursanii akka hin tilamaamneef gaaffateera ibsi kun.
Mootummaan Itoophiyaa yakkawwan mirga namoomaa lola naannoo Tigraayiin walqabatee loltoota isaafi kan Ertiraatiin raawwatamaniiru jedhaman qoratee seeratti dhiyeessuuf akka hojjatu Minisitti Mummee tibbana paarlaamaa irratti haasaa taasisan himaniiru.Lolli Tigiraay Sadaasa darbe yeroo motummaan MM Abiy Ahimad buufata waraanaa federaalaa haleelaniiru jechuun kan himate TPLF irratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf wayita labsaniitti ture kan eegale.TPLF yaaliiwwan MM Abiy aangoo moptummaa federaalaa cimsuuf taasisuu mormuun, ''itti fufee dura akka dhaabbatu,'' himaa ture.Akka Bulchinsii yeroo Tigraay jedhuutti, hanga ammaatti walitti bu'iinsi kun namoota miliyoona lamaa ol buqqisee kanneen miliyoona afurii ol ta'an ammoo eeggattoota gargaarsaa taasiseera.















