Lola Tigraay Itoophiyaa: 'Nuti mootummaadha, waan ati hojjechaa jirtu beekna'

Girmaay Gabruu
Ibsa waa'ee suuraa, Girmaay Gabruu waggoota afran darbaniif BBC'f gabaasaa ture

Gaazexeessitoota dhiyeenya naannoo Tigraay kan waraanaan raafamaa jirtu keessatti hidhaman keessaa tokko kan ta'e gaazexeessaan BBC Girmaay Gabruu wayita hidhamee ture maaltu akka isa mudate dubbata.

Guyyaa dhaloota kooti galgalan qabame.

Loltoonni meeshaa waraanaa hidhatan Wiixata galgala kaaffee anii fi hiriyootni koo keessa turre yoo itti marsan nama biraa waan barbaadan natti fakkaatee ture.

Loltuun tokko gara keenya dhufee hundi keenya akka tasgabboofnu nutti himee, haasa'aa turre. Daqiiqaa muraasa booda namootni tikaa uffata idilee uffatan lama gara keenya dhufan.

"Eenyu ati?" jedhee sagalee dheekkamsaan iyye inni tokko.

"Maqaa keessan nutti himaa!"

"Ani Girmaay gabruudha," jedheen deebise.

Fuula keessa kabalamuu

"Eeyyee, si'i kan barbaannu," jedhe hiriyoota koo shan waliin gara alaatti na baasan.

San booda namoota dhaabbatanii waan ta'aa ture ilaalaa turan fuulduratti, ergan waraqaa eenyummaa kan gandaa fi kan BBC itti kenneen booda, qondaalli tikaa inni tokko kaballaan fuula keessa na rukute.

Loltuun tokko jidduu seenee dhiisi jedheen. San booda konkolaataa keessa na buusan.

Wanti hundi ariitiin ture kan ta'e, maaliif akka qabamne gaafachuufillee yeroo nuuf hin kennine.

2px presentational grey line

Lola Tigraay

  • Lolli kan eegale Sadaasa 04 bara 2020
  • Loltoonni TPLF buufataalee waraanaa mootummaa federaalaa achi jiru to'achuu hordfoee mootummaan Itoophiyaa paartii naannoo Tigraay bulchurratti haleellaa labse.
  • Namoonni kuma kurneen lakkaa'aman lola kana baqatanii daangaa qaxxaamuranii jiru.
  • Intarneetii fi bilbilli adda citee waan tureef gaazexeessitoonni naannicharraa gabaasuu hin dandeenye ture.
  • Xumura Sadaasaa MM Abiy waraanichi xumuramuu labsanis lolli ittuma fufeera.
  • Sarbama mirga namoomaa fi dhiyeessii deeggarsaan kan wal-qabatu yaaddoo guddaatu jira
2px presentational grey line

Buufata waraanaa achuma magaalaa Maqalee keessa jiru erga geenyee boodallee maaliif akka qabamne nutti hin himamne.

Garuu warra tikaa keessaa namni tokko akkas naan jedhe: "Girmaay, nuti mootummaadha, waan ati guyyaa guyyaan hojjettu ni beekna, waan ati dubbattu, ergaa barreeffamaa ati ergitu beekna. Waan ati cireef, laaqanaafi irbaataaf nyaattu mara beekna."

"Maal akkan hojjechaa ture natti himi," jedheen deebiseef. "Ergaa barreeffamaa ani ergaa ture maali, natti himi," jedheen.

Erga Sadaasa keessa lolichi eegaleen booda BBC'f gabaasee hin beeku. Nageenya koof dursa kennee akkan of eegu natti himame.

"Maal jechaa akka turtee fi maal yaadaa akka turte situ natti hima. Booda natti himuuf teessa," naan jedhe.

Haadha warraa koof bilbile

Kuni qorannoo osoo hin taane akeekkachiisuma qofa ture.

Bilbiloonni keenya nurraa fudhatamanii turan. Booda garuu qondaalli waraanaa tokko bilbila tokko qofa akka bilbilluuf nuuf deebise.

Haati warraa koo maaltu akka uumame yoon itti himu baay'ee yaaddoftee turte. Garuu nagaa ta'uu koo fi akka yaadda'uu hin qabnen itti hime.

Girmay Gebru
BBC
Most of us were in shock and nervous about what was going to happen next. I couldn't sleep"
Girmay Gebru
BBC journalist
1px transparent line

Buufata waraanaatti haala fooyyee qabu keessa turre. Haa ta'u malee jahaan keenyayyuu kutaa tokko keessa lafarra ciisne. Fincaaniif ammoo qaruuraa pilaastikaa nuuf kennan.

Hedduun keenya baay'ee rifannee turre, maaltu ta'uuf deema kan jedhus yaaddofnee turre. Ana hirribni na qabuu dide.

Ganama warri tikaa mana koo sakatta'uun laaptooppii fi bilbila kiyyarra odeeffannoo jiru fudhachuu akka barbaadan natti himan. Haa ta'u malee mana koo hin sakattaane.

Odeeffannoon isaan barbaadan hundi sammuu koo keessa akka jiruufi na qorachuu akka barbaadanis natti himanii turan.

Garuu kana mara maal akka barbaadanis ta'e maaliif akka na qaban natti hin himne.

Ani homaa waan hin balleessineef ofitti amanummaa qaban ture.

"Ani gaazexeessaadha. Ani nama bilisaati, waan feetan na gaafachuu dandeessu," jedheen.

Garuu wanti na qoratanis hin jiru. Kibxata ganama gara buufata poolisii federaalaa Maqalee walakkaa jiru tokkoo nu geessani achitti nu hidhan.

Haali achi jiru baay'ee badaa ture.

Kutaa xiqqoo siree hin qabne kan bal'inni ishee meetira 2.5, meetira 3n taate keessa namoota biroo 13 waliin na galchan.

Ho'i hamaa fi fooliin taankarii mana fincaanii achi dhiyoo jiru haala keessa turre hamaa godhe.

Sodaa Koronaavaayirasii

Halkan yoo fincaan isin qabe jedhanii ammas qaruuraa pilaastikii nuuf kennan. Ani garuu burtukaana tokko qofan nyaadhe waan tureef mana fincaanii dhaquun na hin yaaddessine.

Namni karaa harka mirgaa koo jiru tokko qufa'aa ture waan ta'eef koronaavaayirasiin na qabaa laata jedhee sodaadheen ture.

Akka carraa hiriyoonni koo bakkan itti hidhame dhagaahan, maaskii fi saanitaayizarii naaf fidanii, anis hidhamtoota warraa kaniif raabse.

2px presentational grey line

Lola Tigraay irratti gabaasaalee kaan:

2px presentational grey line

Roobii ganama poolisiin tokko dhufee meeshaa kee walitti qabadhu naan jedhee gara manaa deemuu akkan danda'u natti hime.

BBC'n maaliif akka hidhame mootummaa Itoophiyaa gaafachuu nan beeka. Haa ta'u malee maaliif akkan hidhame wanti natti himame hin jiru.

Wayita hiikamee gara manaa galu haati warraa koo, haati koofi ijoolleen koo mana turan, gammachuun boo'ichaan na simatan.

Wanti hedduu na yaaddessee ture mana hidhaa keessatti akkan hin dhukkubsanne ture. Amma yaaddoo obbaafadheera, nan boqodha jedheen abdii qaba.