Aminastiin Aleekis Navaalniin ’sababa yaada isaa ibseef hidhame' kan jedhu irraa mulqe

Aleeksi Navaliniin, bara darbe keemikala’nerve agent’ jedhamuun summeeffame qarree du'aa gahee fayyummaatti deebi’e

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Aleeksi Navaliniin, bara darbe keemikala ’nerve agent’ jedhamuun summeeffame qarree du'aa gahee fayyummaatti deebi’e

Jaarmyaan mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal hogganaa paartii mormituu Raashiyaa Aleksi Navaliniin ‘’sababa yaada isaa ibseef hidhame'' kan jedhu irraa mulqe.

Jaarmiyaan kun sababa yaada isaaf hidhame kan jedhu kan irraa mulqe qeeqa Navaaliniin dura jibba godaantotarratti dubbate jedhameen kan walqabatuuf ‘’komiin hedduun’’ irratti dhiyaachuu hordofeeti jedhe.

Dubbi himaan dhaaba mirga namoomaa Mooskoo keessa maadheffatee BBCtti akka himanitti, 'duulli qindaa’aan' kun nama Vilaadmiir Puutin qeequun beekamu Navaalini miidhuufi hidhaarra akka hiikamu waamichi Aministii dhiyeessaa ture akka harkifatuuf yaadameti jedhee amana.

Haa ta’u malee, Aministiin ganna 15 dura viidiyoon tokko irratti Navaaliniin baqattoota ilbisa bararootti fakkeesse, walmadaalchisuun dubbachuu mirkaneeffadheera, dubbiin isaa sirumayyuu ‘’haasaa jibbaati,’’ kuni ramaddii tarree namoota sababa yaada isaaniin hidhaman hin gitu jedheera.

Aleeksi Navaliniin, bara darbe keemikaala ’nerve agent’ jedhamuun summeeffamee du’aaf qarree gahee fayyummaatti deebi’e.

Amma mana hidhame kan jiru Navaaliniin, rogeessa mormii dhiyeessuun beekamuu fi malaammaltummaa dureeyyiif anga’oonni biyyattii Raashiyaatti dalagan ifa baasu isaaf akka adabameetti ilaalama.

Dubbi himaan dhaabbata mirga namoomaa biyyatti keessa maadheffatee Aleksaandar Artimev ’’Namoota hedduutu nu gaafate, gaaffiisaanii dhiifne bira taruu hin dandeenyu’’ jechuun BBC'tti hime.

Aab Artimev duula qindaa’a ta’u ibsuun, waajjira muummee Aminastii Intarnaashinaal addunyaarra guuturra jirutti ‘lammileen dhimmichi nu yaaddessa’ jedhan iyyata hedduu dhiyeessan jedhe.

Namoonni kaan isaaniimmoo Navaaliniin sababa yaada isaa ibseef hidhame kan jedhu akka irraa mulqamu gaafataniiru.