Lola Tigiraay: Tigiraayitti tajaajilli bilbilaa adda citee ture magaalota dabalataa birootti hojjechuu eegale

Madda suuraa, CONSTRUCTION PHOTOGRAPHY/AVALON
Lola naannoo Tigiraayitti mudateen tajaajilli bilbilaa addaan citee ture magaalota dabalataa biroo keessatti buufataalee 363tti irra deebiin eegaluu Itiyoo-telekoom hime.
Suphaa bu'uuraalee misoomaafi dhiyeessii aannisaa riijinii Kaabaa ilaalchisee ibsa dhaabbatichi kenneen buufataalee 363 tahanitti tajaajilichi deebi'uu hime.
Magaalota tajaajilicha argatan keessaa kanneen eeraman Magaalaa Maqalee, Aduwaa, Aksum, Shire Indesillaasee, Nagaash, Daanshaa, Wuqroo, Dagaa Hamus dabalatee magaalotni 26 tajaajilicha argachii Itiyoo-telekoom himeera.
Kanaan dura yeroo mootummaan federaalaa magaalaa Maqalee to'ate Kibbaa fi Lixa Tigiraayitti maagalotni tokko tokko tajaajilicha rgachuunsaanii ni yaadatama.
Keesumaa gidduugalli Tigiraay qunnamtii kam irraayyuu citee waan tureef namootni baay'een sodaa qaban himaa turan.
Amma godinicha keessatti kan argaman kan akka Aduwaa, Shire Indesillaasee, Aksum, Betemeraa, Wuqiroo fi Salaklakaa tajaajilicha ragtaniiru.
Dabalataan addaan citee kan ture tajaajila baankii magaalota akka Shiree Indesillaasee, Aksum fi Aduwaa tajaajila interneetii biroodbaandii argachuu Itiyoo telekom beeksiseera.
Haa tahu malee bakkeewan kaanis tajaajilicha akka argataniif sarara tamsaasa yeroofii diriirsaa waan jirruuf tajaajilichi adda cituu fi qulqullina dhabuu akka danda'us himeera.
Tajaajilicha naannoo Tigiraay keessatti guutummaan deebisuuf hojjechaa akka jiru himuun uummannis obsaan akka eeggatuu qabu dhaameera.
BBC'n gara jiraattota magaalota tokko tokkotti bilbiluun gaafatee magaalotaan ala naannoo baadiyaa irra tajaajilli moobaayilaa akka hin jirre dubbataniiru.
BBC'n Shiree fi Salaklaakkaatti bilbiluun adda citee kan jture tajaajilli moobaayilaa hojjechaa jiraachuu mirkaneessera.
Dhaltootni naannoo Tigiraay biyyoota biraa keessa jiraatan ji'oota sadiin booda bilbilaan maatii fi firoota isaanii waliin dubbachuu BBCtti himanjiru.
Hedduun isaanii tajaajilli bilbilaa addaan cituu isaa irraa kan ka'e nageenya maatii isaanii baruu dhabuun hedduu akka isaan dhiphisaa ture karaa miidiyaalee hawwasaa adda addaa himaa turaniiru.
Lola tureen sababa adda addaan lubbuu isaanii kan dhaban kan dhagahan akka jiranis BBC'n hubatera.
Tjaajilli baankii adda cituu irraa kan ka'e maatiin isaanii meeshaalee bu'uuraa bitachuuf rakkoo keessa galuu akka danda'an yaadda'aa akka turan kan himan namootni kunneen amma tajaajilli bilbilaas deebi'uun akka isaan gammachiise himaniiru.
Guyyootni 100 darban jiraattota naannichaa hedduuf yeroo qormaata guddaa akka tures itti dabaluun dubbataniiru.
Namni miidiyaa hawwaasaa fayyadamu tokko guyyota 97 booda maatii isaan waliin wal dubbisuu himuun '' walitti bohuu irraa kan hafe walitti dubbachuu akka hin dandeenye'' ibseera.
Namni biraa biyya biraa jiraatu gara maatii isaa magaala Shiree jiraataniitti bilbiluun dubbisee manni isaanii diddigamee akka jirun dhagahe jechuun BBCtti himeera.
''Naannoo keenyaa manneetii hedduun barbadaa'aniiru. Namnis du'eera. manni keenyas meeshaa waraanaan haleelamee fuullen isaa caccabuu natti himaniiru. Maatiin koo lubbuudhaan oolanii isaan dubbisuun koo garuu waan guddadha.''
Miseensonni maatii isa hedduun yeroo Shiree irratti lolichi jalqabee eegalee magaalaa Shiree keessaa baqachuun baadiyaa qubachuu dubbata. Amma tasgabbii xiqqoon waan jiruuf gara magaalaatti deebi'uun jireenya isaanii akka jalqaban namni kun BBCtti himeera.
Haa tahu malee maatii isaa gariin dabalatee namootni naannoo maatii isaa jiraatan gara baadiyaatti dedeebi'uun sodaa qaba irraa kan ka'e ammoo kan achitti hafanis akka jiran BBCtti himeera.
Humni TPLF raayyaa ittisa biyyaa ajaja Kaabaa irratti haleellaa raawachuu erga himamee booda mootummaan federaalaa ''oppireshinii seera kabachiisuu'' jedhuun lola naannichatti baneen tajaajilli bilbuilaa fi interneetaas adda citee ture.
Sababa lola naannichatti banameen miidhaa bu'uuraalee misoomaa irra gaheen tajaajilli ibsaa, bilbilaa fi interneetii adda citee turuu himamaa ture.
Manca'uu bu'uuraalee misoomaa kannenif ammoo mootummaan federaalaa humna TPLF himata.














