Joy Baayiden Afrikaa fi dubartii jalqabaa WTO gaggeessuf jettuuf hulaa saaqan

Bulchiinsi Joy Baayiden dhorkaa gaggeesummaa Dhaabbata Daldala Adunyaa irra ture kaasuun dubartii Naayijeeriyaa hoggantuu dhaabbatichaa tahuuf dorgomtuuf ''deeggarsa cimaa'' akka qaban himan.

Nigoozii Okonji Iweelaa hanga bulchiinsi Tiraampi Onkoloolessa darbe hoggansicha irratti dubartii biraa barbaanna jechuun lammii Kooriyaa Kibbaa Yoo Miyuungi-hee eeraniti hoggansichaaf dursaa turte.

Aadde Yoon kaadhimamummaa isaa keessaa baateetti.

Yoo hoggansicha irratti muudamuunshee mirkanaa'eef Dr Okonjo Iweelaa dubartii jalqabaafi nama Afrikaa irraa yeroo jalqabaaf dhaabbaticha hogganu tahuu isheeti.

Dr Okonjoon Jimaata kaleessaa morkattuu ishee galateeffachuun ''waliin kan hojjennu hojii guddaatu fuldura keenya jira'' jette.

Koreen filannoo kaadhimamtootaa WTO ji'a Onkoloolessaa keessa miseensonni isaa 164 tahan Dr Okonjoo bakkichaaf filuu ibseera.

Dr Okoonjoon WTO gaggeessaa kan turan Rooberto Azeveedoo bakkabu'uun aangoo harkaa fudhatu jechuudha. Dubbii himaan Roobertoo yeroo sana muudamichi dhumateera ''dhimma tokko irraa kan hafe'' jedhe.

Pirezidaanti Tiraampi Dhaabbata Daldalaa Adunyaa kana Chaayinaaf kan loogu jechuun Aadde Yoo, ministera daldalaa Kooriyaa Kibbaa sanatu barbaadama jedhan.

Aadde Yoon Jimaata kaadhimamummaa keessaa bahuunishee US waliin ''walitti dhiyeenyaan mari'achuuni'' jette. Kooriyaan Kibbaa dammaqinaan hoggansa haaraa WTO bakka qabatuuf deeggarsa akka taasiftu himuun haaromsa isaa keessattis akka hirmaattu beeksifte.

Waayit haawus Aadde Yoo ''duula cimaa'' gooteef baga gammadde jedhan.

Ibsa kennaniin Ameerikaan adeemsa Daariktera Waliigalaa dhaabbatichaa itti aanu filamu irratti waligaltee irra gahuuf akka hirmaattuuf cina dhaabbatu beeksifteetti.