Ispoortii: Olompikiin Tookiyoo istaadiyoomii cufamaa keessatti gaggeeffamuuf

Olompikii Tokoyyoo cufaatti gaggeeffamuuf jedhame

Madda suuraa, Rex Features

Olompiikiin bara kana Jaappaan Tookiyootti ta'uuf jiru istaandiyoomii cufaatti gaggeeffamuu akka danda'u himame.

Itti-gaafatamaan Atileetiksii Addunyaa Loord Koom akka jedhaniittu, dorgommichi barana kan gaggeeffamu yoo ta'e isteediyoomii cufaa keessatti raawwatamuu danda'a.

Barruun Taayiimis dorgommiiwwan atileetiksiifi paaraa olompiiksiin haqamuu danda'u jedhuulleen, itti-gaafatamaan kun garuu dorgommiiwwan kunneen kan gaggeeffaman ta'u mirkaneessaniiru.

''Osoo deeggartoonni ispoortii miiraan iyyaa dorgomicha jaalalaan hordofanii namatti tola ture. Garuu dorgommichi cufaatti gaggeefamuus namoonni nu hubatu jedheen amana,'' jedhan Itti-gaafatamaan kun.

,Itti-gaafatamaan olompikii bara 2010tti Landaniitti gaggeeffamee hoggananii turan, dorgommicha haquun ''furmaata nama baasuu miti'' jechuun ibsan.

Dorgommicha yeroo gara biraatti dabarsuun ammoo dorgommiiwwan Paarsiin kan 2024, Los Anjalas 2028tti gaggeeffamuuf jiran irratti dhiibbaa akka taasisu dabaluun himan.

Olompikiin Tookoyoo bara darbee ni gaggeeffama jedhamee ture sababii weerarichaatiin waggaan harkifatee gara bara kanaatti ce'eera.

Haata'u malee, Jaappaan dabalatee biyyoota biraa keessatti weerarichi deebiiee ka'aa jiraachuunsaa dorgommicha gaaffii keessa galcheera.

Taayimsi torban darbee miseensa paartii biyya bulchuu tokkoo eeruun akka gabaaseetti, dorgommcihi haqamuu akka danda'u himeera.

Erga gabaasichi baheen booda ammoo qopheessitoonni Tookiyyoo 2020 MM Jaappaan Yushondee Suugaa '"Dorgommicha gaggeessuuf kutannee kaaneera," jechuusaanii dubbatan.

Olompiikiin Tookiyaa yeroodhuma qabameefiitti kan gaggeeffamu ta'usaa kan dubbate mootummaan Jaappaan, gabaasa Taayimisi dorgommichi akka haqamu ilaalchisee gabaasee kufiseera.

Bulchaan Tookiyoo Yurookoo Kooyikee Taayimsi irratti komii akka dhiyyeessan dubbatan.

Haata'u malee, Olompikiin Tookiyoo yeroo qabameefiitti gaggeefamuu dhiisu danda'a kan jedhan Taayimsi qofaa miti. Gaaffiiwwan wal fakkaatan kallattii adda addaatiin ka'aaniiru.

Dorgommichi akkuma jedhameetti kan gaggeeffamu yoo ta'e, Olompikiin Adooleessa 23, Paaraa Olompikiin ammoo Hagayya 24 jalqabamu.

Itti-gaafatamaan Tookiyoo 2020 Tiishiiroo Muutoo akka jedhanitti, vaayirasichaaf talaalliin argamuunsaa dorgommichi akka gaggeeffamuuf jajjabeesseera.

''Talaalliin Ameerikaafi Awurooppaatti bal'inaan erga gaheen booda yaaddoon hinjiraatu. Kun qofti gahaadha jechuu baannuulleen, abdii keenya guddaan talaaliichi raabsamuusaati,'' jedhan.

Ittigaafatamaa Atileetiksii Addunyaa Loordi Koomis yaada walfakkaataa kenaaniiru.

"Haala bara darbe irra barana wayya. Dorgommichi ganaa ji'a jahatu hafa. Hanga sanatti talaalli bal'inaan kennama,'' jechuun ibsan.