Naayijeeriyaa: Mucaan ganna 13 'Waaqa arrabsuun' hidhaa ture bilisa ba’e

Manneen murtii Islaamaa poolisii ofii isaanii qabu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Manneen murtii Islaamaa poolisii ofii isaanii qabu

Waggaa darbe yakka Waaqa arrabsuun himatamee hidhaan waggaa kudhanii itti murtaa’ee kan ture mucaan ganna 13 bilisa ba’e.

Hagayya keessa bulchiinsa Kaanoo, Naayijeriyaatti mucaan kun falmii hiriyaa isaa waliin gochaa ture irratti waa’ee Waaqaa waan hin malle dubbateera jechuun mana murtii Islaamaa ykn Shari'aatti himatame.

Manni murtichaas hidhaa waggaa 10 kan itti muree ture yoo ta'u ol iyyannoo gaafatee manni murtii idilee Kamisa mucaan kun daa’imadha jechuun murtee kana jijjiireera.

Bara darbee murteen mana murti Shari'aa kun addunyaa irraatti dheekkamsa kaasee ture.

Dhaabbati daa’immanii UN, UNICEF, “mirga daa’immanii fi haqa daa’immanii irratti qajeelfamooti Naayijeriyaan hordoftu sirrii miti,” jedheera.

Fulbaana keessa tola ooltonni 120 ta'an kan hogganaa wiirtuu yaadannoo Ooshwiitz Pooland keessa jiruun durfaman, hidhaa waggaa 10 mucaa kanarratti murtaa’ee gariin akka isaanitti darbuuf gaafatanii turan.

Anga’oonni bulchiinsa Kaanoo himatni mucaa kanaa haqamuu isaan gammadoo miti.

Abbaan Alangaa bulchiinsichaa Musaa Lawaan murteen daa’ima kana bilisa baasuu akka geeddaramuuf iyyata galchuu akka yaalan BBCtti himaniiru.

Kaanoon bulchiinsota Naayjeeriyaa 12 sirna seeraa biyyatti biratti sirna Shari'aa fayyadaman keessaa tokkodha.

Manni murti federaalaa Naayijeeriyaa himannaa Waaqa arrabsuu biraa irratti murtee kenname ilaalchisee dhaddachi irra deebiin akka gaggeeffamu ajajeera.

Kunis weellisaa sirba isaa keessatti walaloo Nabiyyuu Mohaammadiin arrabsu fayyadameera jechuun murteen du’aa itti murtaa’ee ture.

Abbaan alangaa Kaanoo murtee kana “injifannoo uummata Kaanoo” jechuun jajee ture.

Akka abukaatoon himatamtoota kana lamaan bakka bu’u himetti “kana booda jireenyi isaanii akka isa amma dura baranii hin ta’u”.

Abukaatoo Kola Alapini mucaan sun kana booda Kaanoo keessa turuun nageenya isaaf yaddeessa akka ta’uu hima.

Weellisaa Yahaya Shariif-Aminuu, kan ganna 22, ammoo hanga deebi’ee dhaddachatti dhiyaatutti hidhaa turuun isaa akka hin oolle hima.

Bara darbe mormitoonni mana Shariif-Aminuu barbadeessuun, maatiin isaa akka achii baqataniif dirqisiisuu isaanii Rooyitars gabaaseera.

Maatiin mucaa sanaa ammoo himannaa irratti dhiyaateen qaana’uun haariroo isa waliin qaban adda kutuu isaan Alapini himeera.